Afrikaan jijjiirama qilleensaa qolachuuf gibirri akka citu yaada dhiheessite

Madda suuraa, REX/SHUTTERSTOCK
Hoggantoonni Afrikaa miidhaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf sadarkaa idil-addunyaatti taaksiin kaarbonii akka citu labsii waloo baasaniin waliigaluu ibsan.
Waliigalteen kuni yaa’iin waa’ee jijjiirama qilleensaa guyyoota sadiif Keeniyaa magaalaa Naayirobii keessa erga taasifame booda dhagahame.
Waliigalteen yaa’iin erga xumurame booda baasan qaamoleen qilleensa bal’inaan faalan qarshii dabalataa baasuun biyyoota hiyyeeyyii akka tumsan gaafata.
Dureewwan Afrikaa waliigaltee kana yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Biyyoota Gamtoomanii (UN) Sadaasa dhufu biyya UAE taasifamuurratti dhiheessu.
Yaa’iin yeroo jalqabaaf taasifame kuni miidhaa jijjiiramni qilleensaa dhaqqabsiisaa jiru dandamachuuf karaatti madda maallaqaa argamuurratti xiyyeeffate.
Akkasumas, qabeenya uumamaa kunuunsuufi jireenyi lammiilee aannisaa haaromuurratti akka hundaa'u karaa qajeelfatanirratti fuulleffate.
Akka qorattoonni jedhanitti, Afrikaan jijjiirama qilleensaaf xinnoo gumaachituus haalaan kan miidhamaa jiran keessaa garuu tokkodha.
Midhaa kana dandamachuuf waggaatti doolaara biiliyoona 300 ishee barbaachisu keessaa kan argataa jirtu 12% qofa ta’u qorattoonni ibsu.
Yaa'ii kanarratti hooggantonni biyyoota Afrikaa, dhaabbileen misoomaa idila-addunyaa fi dhimma qilleensaarratti hojjetan qooda fudhataniiru.
Dureewwan Afrikaa yaa'ii kanarratti argaman sirni maallaqa addunyaas akka sirratu gaafataniiru.
Itoophiyaan maal jette?
Biyyoota Afrikaa jijjiirama qilleensaan hubamaa jiran keessaa tokko Itoophiyaadha.
Pireezidantiin Itoophiyaa Aadde Sahilewaarq Zawdee yaa'ii kanarratti milkaahina 'Ashaaraa Magariisaa' bara 2019 eegale hirmaattota biyyoota Afrikaaf dhiyeessaniiru.
Aadde Sahilawarq Itoophiyaan waggoota afur darban kana ''lafa miidhame irratti uummata fedhaan hirmaachisuun biqiltuu biiliyoona 25 ol dhaabdeetti'' jedhan.
Sagantaa mootummaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dura dhaabachuuf eegale kun buufataalee biqiltuu itti biqilchan 120 ol misoomsuufi namoota 180,000 oliif carraa hojii uumuu dubbatan.

Madda suuraa, NTV Kenya
Duulli magariisaa kun sirna nyaataan akka wal qabsiifamu godhame bu'aan argamaa jiraachuus dubbatan.
Kunis biqiltuuwwan dhaabaman keessaa kuduraafi muduraaleenis akka jiran taasifamuu dubbatan.
Aadde Saahilawarq haasaa isaanii keessatti ''akka Afrikaatti investimeentii qorannoowwan saayinsaawaa ittisa fi qolannaa jijjiirama qilleensaarratti yaada dhiyeesuuf dursa kennuun hojjechuun barbaachisa'' jedhan.
Itoophiyaan addunyaan kun dhaloota amma jiruufi isa dhufuufis bakka jireenyaaf mijatte akka taatu biyyoota Afrikaa fi kanneen biroo waliin waan irraa eegamu bahuuf ''murannoo hin sossoone'' qabdi jedhan.
Itoophiyaan tarsiimoo yeroo dheeraa kaarbanii qilleensa faaluu zeerootti gadi buusuufi tarsiimoo misoomaa jijjiirama qilleensaa damdamatu baaste socho'aa akka jirtus himan.
Yaaddoo dureewwan Afrikaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoonni Afrikaa, kan faalama qilleensaaf gumaacha xiqqaa qaban garuu ammoo dhiibbaa isaatiin hubamaa jiran, dhiibbaa kana dura dhaabbachuufi misooma kaaniif maallaqa dhaabbilee idila adunyaarraa barbaadan argachuurratti rakkachuu fi liqaa deebisuurratti rakkachuu himu.
''Biyyootni Afrikaa sagal yeroon liqaa itti deebisan gahee dhiphina keessa jiru. Fiixee qileerra jiru.
''Biyyootni biroon 13 liqeessitootaan ramaddii 'high risk' jala seenaniiru. Kanneen biroo 13 ramaddii 'moderate risk' jala jiru'' jedhan Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon.
Dhiphina liqaa kana kan fide ammoo ''dhala dachaa shanii biyyootni Afrikaa biyyoota kaan caala akka kaffalan godhamuudha'' jedhu Ruutoon.
''Haalli maallaqni itti dhiyaatu jijjiiramee biyyoonni akkaan isaan barbaachisu akka argatan ta'ee, warri baay'ee isaan hin barbaachifne akka hin iyyatne godhamuu qaba.''
Afrikaan yaada kaarboon taaksiingii cichite irraa fayydamuuf hojjechuu yeroon itti qabdu ammadhas jedhaniiru.












