Gurgurtaa Kaarbaniirraa doolaarri mln 40 tibbana Oromiyaan argatte hawaasa akkamiin fayyada?

Bosona

Madda suuraa, Getty Images

Tibba kana mootummaan Itoophiyaa gurgurtaa kaarbanii bosoonoota Oromiyaa keessa jiran irraa doolaara miiliyoona 40 argachuu ibseera.

Guraandhala 9, 2023 Ministeerri Faayinaansii Itoophiyaa waliigaltee bittaa kaarbanii xiqqeessuu (Emission Reduction Purchase Agreement) jedhamu kan biyyattiif hanga doolaara miiliyoona 40 argamsiisu Baankii Addunyaa waliin mallatteesseera.

Waliigalteen amma mallatteefame bu'uura hojii Oromiyaa keessatti kaarbanii gara qillensaatti gadhiifamu bosonoota keessatti hambisuuf sagantaan Oromia Forested Landscape Program jedhamu hojjetaa turee irraayi. Ministeerri Maallaqaas kanuma mirkaneesse.

Waliigalteen bittaa Kaarbanii doolaara miiliyoona 40 ta'u kun hojii hanga ammaatti hojjetame hubannoo keessa galchuun hanga kaarbanii silaa qilleensa naannoo faaluu malu toonii miiliyoona 4.8 ta'u bosonoota Oromiyaa keessatti hambisuuf hojii hojjetameef kaffalama.

Qindeessaan Oromia Forested Landscape Program Obbo Taayyee Dhugaasaa yaada BBC'f kennanii ''Kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hojii hawaasa abbaa gochuun bosoonota uumamaa kunuunsuun hanga Kaarbanii kuusuun danda'ame toonii 4.8 ta'uutu doolaara miiliyoona 40'n gurgurame'' jedhan.

''Bosona uumamaa Oromiyaa keessa jiru hektaara kuma 207 ol uummata ijaarree uummatni akka bulchu godhamee kaarbanii toonii miiliyoona 23 ta'u bosonoota keessatti kuufameera.''

''Bittaafi gurgurtaan kun gosa lamaan raawwate inni tokko toonii tokko kan ta'u doolaara sagaliin, kan biraan ammoo kaarbanii hanga toonii tokkoo ta'u dolaara torbaani'' garguruu isaanii himan.

Hanga kaarbanii ammatti hin gurguramiin hafe qaamni isa ammaa bite yookaan qaamni biraan akka bitu gabaa barbaadaa jiraachuus himan.

Akka waliigaltee kanaatti maallaqni doolaarrii miiliyoona afurtama ta'u kun marsaa lamaan keennama.

Maallaqa kana irraa ammoo dhibbeentaan 80 hawaasa naannoo kunuunsa bosonaa fi lafa bosonoomsuurratti hojjetaniif oola jedhame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ofii waliigalteen kun uummata naannoo bosonaa jiruufi kanneen kunuunsa bosonaarratti hojjetan akkamiin fayyada?

Kaarbanii gurguruu jechuun hoo maali?

Yunivarsiitii qonnaa biyya Taanzaaniyaa Sokoine jedhamutti qorannoo bosonaan digirii sadaffaa qo'achaa kan jiran Obbo Lammaa Xiiqii kaarbaniin bosona keessa akka kuufamu gochuun jijjiirama qilleensaaf furmaata fiduurratti xiyyeefatanii qo'atu.

Bittaan kaarbanii kun fedha irratti hundaa'ee biyyootni ykn dhaabbileen indaastiriin guddataniifi kaarbanii qilleensa faalu gadhiisuun gahee olaanaa bahan dhaabbilee fi biyyoota kaarbaniii xiqqeessuuf bosona irratti hojjetan jajjabeessuuf godhaniidha jedhu.

Obbo Taayyeen ''kaarbanii gurguuruu jechuun wanta safaramee keeshaatti naqamee kan bitatu bakka fedhe geeffatu mitii'' jedhu. Yeroo ibsanis warri qiilleensa faaluun adda duree ta'an rakkoo jiijjirama qilleensaa hojii isaaniitiin fidan to'achuuf hojii kaan hojjetan jajjabeessaa jiraachuu agarsiisuufi jedhan.

Barsiisaan Yunivarsiitii Amboo obbo Lammiin Itoophiyaa keessatti kunuunsii bosonaa fi lafa bosonni irraa manca'e deebisanii bosonoomsuu qaamolee lamaan hojjetamaa akka jiru BBC'tti himan.

''Kan jalqabaa abbummaan hawaasni bosonichi kan kooti jedhee kan kunuunsu, inni lammataa ammoo kan mootummaan kunuunsuufi misoomsu.''

Qorannoo hanga ammaa godhaniin bosonoonni abbummaa hawaasaa jala taa'anii misoomaa fi kunuunfamaa jiran hanga kaarbanii of keessatti hambisuun isa mootummaan ol gahee bahaa jiru jedhu.

Kanaafis sababni ijoon ''hawaasichi abbummaan itti dhagaahamuu hanqachuufi irraas fayyadamuu irraa madda'' jedhu.

Obbo Taayyeen sagantaa isaaniin bara 2017 irraa eegalee hojii hojjetameen kaarbon daayooksaayidiin toonii miiliyoona 18 ta'u kan gabaa hin argannee akka jiru dubbatan.

Gatii amma hangi toonii tokko ta'u doolaara sagaliin akkuma gurgurame gabaa argatee kuufamni kaarbanii amma jiru doolaara miiliyoona 160 ol baasa.

Haata'u malee dhaabbileen idila addunyaa dhimma jijjiirama qilleensaarratti hojjechaa jiran dhiibbaa godhaa jiraatanis bittaa kaarbanii kanarratti rincicatu jira.

Dabalataan ammoo gatii xiqqaa kaarbaniin tooniin tokko ittiin bitamus baayyee xiqqaadha.

Kunis ''humna guddaa Itoophiyaan gama kanaan qabdurraa akka gaariitti akka hin fayyadamne danqaa ta'eera. gabaan kun fedha biyyootaa fi dhaabbilee irratti hundaa'a'' jedhu Obbo Lammaan.

Obbo Taayyeen daldalli kaarabanii waggoota muraasa darban laafaa ture amma sababa dhiibbaan jijjiirama qilleensaa hammaachaa dhufeef deebbi'ee bayyanachaa jira jedhu.

''Omisha kaarbanii amma qabnuuf gabaa ni dhabna jennee hin yaadnu'' jedhu

Uummatni akkamiin bu'aa kanarraa fayyadama?

Hawaasni bosonoota uumamaa Oromiyaa keessa jiran irratti abbaa kan godhame waldaan erga gurmaayee booda. Waliigalteen mootummaa wajjin godhamees uummatniifi mootummaan fayidaa bosonicharraa argamu akkamiin akka fayyadaman ni ibsa.

Amma maallaqa gurgurtaan kaarbanii gumaache kana irraa dhibbeentaan 80 kutaalee Oromiyaa bosona uumamaa kunuunsuuf waldaalee ijaaramaniif qoodamaa jedhu Obbo Taayyeen.

Achiis waldaaleen kun karoora bu'aa hojii isaanii raawwachuuf baafatan irratti hundaa'uun bu'uuraale misoomaa akka daandii mana barnootaa, keellaa fayyaafi kaan irra oolchuu danda'uu jedhu.

Barsiisaa Lammaan amma dura Godina Baalee keessattii piroojektiin dursee ijaaramee gurgurtaa kaarbanii raawwate uummata naannichaa fayyadamaa gochuu akka eegale himaniiru.

Hawaasni bu'aa gurgurtaa kaarbanii irraaa argamu qofa osoo hin taane bosona kunuunsuun haala bosonicha hin miineen qoraan guurrachuu, marga haammachuufi kaaniinis ni fayyadama jedhu obbo Lammaan.