Lammii Senegaal waggaa shanitti biqiltuu miliyeena 5 dhaabuuf karoorfateen walbaraa

Adama Diyame

Madda suuraa, JO HOLLIS/BBC

Adaamaa Diyemee gayeessa waggaa 48 lammii Senegaal Kibba biyyattii keessa jiraata. Waggoota shanan dhufan keessatti biqiltuu miliyeena 5 dhaabuuf kutateera.

Karoora kana bara 2020 yeroo biyya Awurooppatii gara biyya isaatti deebi'u karoorfate.

Waggootaf Awurooppaa jiraatee qe'ee dhaloota isaa Senegaalitti gaafa deebi'u yeroo ijoollummaa isaa biqiloota gurguddoon mandara isaa marsanii turan ciramanii kan qubaan lakkaa'mantu hafe.

"Mandara tokko tokko keessatti biqiltuun wayiituu hin argamu. Ciruu malee deebisanii dhaabuu waan jedhu yaada keessaa hin qaban," jechuun BBCtti hime.

Adaamaa Diyeme naannoo Casamance jedhamutti dhaabbata miti-mootummaa Ispeen tokkoof hogganaa pirojektiiti. Dhimma qonnaa irrattis tola leenjii ni laata.

Mukkeen gurguddoo dur naannoo isaa guutanii turan amma manca'an deebisee dhaabuf kutatee akka ka'e hima.

Abjuusaa kana milkeessuf maallaqas walitti qabuu eegaleera. Hojii kana eegaluuf kiisii isaa keessaa dolaara 5,000 ramaduun hojii eegalee jira.

'Jijjiirama fiduu barbaadda taanaan, dubartoota waliin hojjadhu'

Naannichatti hawaasa wajjiin mariyachuufi dubartoota hirmaachisuun hojii guddaa akka nama gaafatu hima.

Adaamaan namoota heddu bobbaasu malee abjuu isaa kana galmaan akka hin geenye ni beeka - keessumaa gahee dubartoonni qaban olaanaadha.

Dubartoota biqiltuu dhaabanii fayidaa irraa argatan

Madda suuraa, JO HOLLIS/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota biqiltuu dhaabanii fayidaa irraa argatan

"Mandara tokko dhaqxee dubartoonni hin jiran taanaan rakkisaadha. Isaan dadhabe osoo hin jedhin guyyaa guutuu, yeroo hundumaa hojjatu," jedha Adaamaan.

"Pirokektii gaarii gaggeessuu yoo feete, dubartoota waliin eegali," jedha.

Adaamaan dubartoonni qonna xixiqqaa irratti hirmaachun biqiltuu dhaabanii gabaaf akka dhiyeessan muuxannoo isaa dubartootaaf qooda.

Adaman sanyii biqiloota dhaabuf jedhuu yoo kunuunsu

Madda suuraa, JO HOLLIS/BBC

Pirojektiin Adaamaa Diyemee biqiltuu miliyeena 5 dhaabuu kun "Ununukolaal" jedhama- afaan 'Jola' tiin "Biqiltuu Keenya" jechuudha.

Waggoota sadan darban keessatti biqiltuun dhaabbif ta'u 142,000 ta'u qophaa'ee jira.

Waggoota shanan itti aanutti biqiltuu miliyeena 5 dhaabuf ammayyuu biqiltuu dhaabbif ta'u heddu qopheessutu isa irraa eegama.

Garuu Adaamaafi hiriyaan isaa Yolanda Pereniguweez kana galmaan ga'uuf shakkii akka hin qabne dubbatu.

Yolanda Pereniguwez hiriyaa ishee Raymond Kooli wajjiin ta'uun tishartii suura biqiltuu ba'obaab jedhamu irratti bocuun gabaaf biyya alaaf dhiyeessun pirojektii kana deeggaru.

"Mukti ba'obaab biqiltuu Afrikaa bakka bu'u waan ta'eefan filadhe," jetti Yolandan.

Bilqiltuun ba'obaab naannoo biyyeefi bishaan amala ashaboo qabus dandamatee turuu waan danda'uuf amma dhaabamaa jira.