Ashaaraa Magariisa : Itoophiyaan duula biqiltuu dhaabuu marsaa sadaffaaf biqiltuu biiliyoona torba qopheessite

Waggaa darbe Itoophiyaan biqiltuu biiliyoona 5 ol dhaabu beeksifte

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Waggaa darbe Itoophiyaan biqiltuu biiliyoona 5 ol dhaabu beeksifte

Mootummaan Itoophiyaa duula ''Ashaaraa Magariisaa'' jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf taasifamuuf barana marroo sadaffaaf ganna kana biqiltuu biiliyoona torba qopheessuu beeksise.

Duulli biqiltuu dhaabuu bara kanaas Gaafa Kibxataa Caamsaa 18, MM Abiy Ahimadiin ifatti eegalchiifameera.

Kana dura marsaa lamaan biqiltuun biiliyoona 9 ol dhaabu kan ibsame yoo ta'u waggaa baranaa kan kana duraa irraa kan adda taasisu keessaa inni ijoo biyyattiin biyyoota ollaatti biqiltuu erguuf yaaduu isheeti.

Biqiltuun biiliyoona torba qophaa'e keessaa biiliyoonni tokko biyyoota ollaatti akka ergamu himame. Kunis, mallattoo ''waliin guddachuuti'' jedhan MM I/Aanaa Dammaqaa Mokonniin.

Daandiin ittiin balaa lolaan geessisu, rakkoo wabii nyaataa, walitti bu'iinsa naannawaa waliin walqabateefi kan kana fakkaatan ittiin ittifnu nu harka jira jedhan MM Abiy ergaa dabarsaniin.

'Biqiltuu dhaabuun siyaasa miti'

MM Abiy ''Biqiltuu dhaabuun siyaasa miti,'' jechuun akka duula filannootti ilaalamuu hin qabu jechuun himan. Dhimmi 'dhimma biyyaati' jechuun dubbatan.

Isa baranaa dhaadannoo 'Itoophiyaa uwwisna' jedhuurratti lammiileen akkuma kana duraa amantii, saba akkasumas naannoon osoo hin daangeffamiin akka irratti qooda fudhatan bulchaan Itoophiyaa waamicha dhiheessaniiru.

Itoophiyaatti waldhibdeen sabaa irra deddeebbiin mudatu biyyatti rakkoo guddaa keessa galcheera. Gogiinsillee biyyattii hedduu hube.

O'iruu qonnaa Alaabaa Qulliittoo

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Biqiltuu dhaabuun immoo wantoota akkanaa ittisuuf gumaacha jedhan MM Abiy.

''Itoophiyaa keessa waldhibdeefi buqqaatiin jiru gara caalu qabeenya uumamaa waliin walqabata.'' Kana kan jedhan MM Abiy ''Bakka hedduu jijjiiruu yoo dandeenye gama tokkoon walitti bu'iinsa to'achuuf,'' akka gargaaru himan.

Itoophiyaatti biqiltuun waggaatti citu guddaa akka ta'e amanama. Dabalataanis, bona darbe bakkeewwan garagaraatti ibiddi ka'e bosona hedduu balleesse.

''Dhaloota har'aaf wabii jireenyaati, ..dhalootaaf garuu dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti'' kan jedhan MM Abiy Itoophiyaan gammoojjii ta'a deemti yoo ta'e ijoolleen keenya biyya itti jiraatan hin qabaatan jedhan.

Duula biqiltuu dhaabuu baranaarratti lammiileen 25mln irra hirmaatu jedhamee eegama.

Af yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Adam Faarah wanti kana dura dhaabame guddaadha jechuun ''Osoo biyya kaan ture ni leellifama ture'' jechuun dubbatan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

MM Abiyyiis miidiyaaleen addunyaa rakkoo Itoophiyaa keessa gabaasan waa'ee Ashaaraa Magariisaas yoo gabaasan akka wal hin caalsisne hubanna jechuun himan.

Biqiltuu biiliyoona 1 biyyoota ollaatti

Bara darbe biqiltuuwwan biiliyoona shan dhaabuuf karoorfamee karooraan ol biiliyoona 5.9 kan ta'u dhaabamuu BBC'tti kan himan Ministirri Qonnaa Itoophiyaa Obbo Umar Huseen, kan baranaa akkanaan himu.

''Bara kana biyya keessatti biqiltuu biiliyoona jaha biyyoota ollaa Itoophiyaaf ammoo biqiltuu biiliyoona tokko gumaachuuf karoorfame'' jedhan.

Duulawwan biqiltuu dhaabuu baroota darbaniirraa barnoota argame keessaa tokko biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta'iin gama kuniinsuutiniis fooyya'nsi argamuudha jedhan.

''Bara jalqabaa biqiltuuwwan dhaabaman keessaa kan qabatan %65-%72 hin caalu ture barana ammoo gara %87 ol guddatee'' jedhan.

Kanaaf kan gumaache beekumsi hawaasni dhaabbiifi kunuunsa biqiltuurratti qabu dabaluudhas jedhan.

Biqiltuun biiliyoona tokko biyyoota ollaaf kennamu qaama hariiroo dippiloomasiiti kan jedhan obbo Umar, gaaffii biyyootni dhiyeessanirraa ka'ee akka eegalame himan.

Obbo Umar Huseen yoo dubbatan

Madda suuraa, Abiy Ahimad

Amma dura gaaffii Jibuutiin dhiyeessiteen biqiltuuwwan kennamuu himanii, bara kana ammoo kaka'uumsa Itoophiyaatiin biyyoota ollaaf biqiltuu biiliyoona tokko hiruuf biyyoota ollaa gaafatterraa deebii faara qabu argatteettii jedhaniiru.

Karoorrii kun kan dhufe duula kana biyyoota oollaa keessatti yoo babal'isan dhiibba jijjiirama qilleensaa addunyaa yaaddessuuf fala ta'uu danda'a ilaalcha jedhun akka ta'e obbo Umar himaniiru.

Biqiltuuwwan heddumminaan qophaa'an kanneen haala qilleensaa biyyaa waliin kan deemaniidha jechuunis dubbatan.

Gosti biqiltuu bosonaa kan baroota hedduu keessatti gahaniifi fayidaa kennaniifi biqiltuuwwan kuduraafi muduraa qopheeffamuu himan.

Halli qilleensaafi waqxiin gannaa Itoophiyaa keessa jiru gargar ta'uu isaarraa kan ka'e kutaalee Kibba biyyattii keessatti duulli kun amma dura eegalee, biqiltuun miiliyoona dhibbaa ol dhaabameera jedhaniiru.

Hanga biqiltuuwwan Itoophiyaan waggaa waggaan erga duula ashaaraa magariisaa eegaltee dhaabuu beekisaa jirtuu gariin gurra guddifameera jedhanii qeequ.

Ministirri Qonnaa Itoophiyaa obbo Umar garuu kun hojii siyaasaa osoo hin ta'iin waan dhaloota dhufu dhaalchifnudha jedhu.

''Ani hoogganaa siyaasaa waaniin ta'eefi jettanii yoo yaaddan'' ogeeyyii hojii kana hojjetan dubbisuufi mirkana ta'uu isaa qulqulleeffachuu dandeessuus jedhan.