Obbo Nagawoo Magarsaa: 'Ji'a jaha ofiif, ji'a jaha immoo biyyaafin hojjedha'

Obbo Nagawoo Magarsaan biyya Itoophiyaa bakkeewwan adda addaatti biqiltuu hedduu akka dhaaban himu

Madda suuraa, Abdur-Rahman Yonis

Ani harka qalleessadha. Yoon hojjedhu garuu NGO (dhaabbata miti- mootummaa)'n fakkaadha. Jaartiin kiyya qoraan, kasala gurgurti. Mana kiraa keessa jiraanna.

Deeggarsa nan barbaada jechuuf osoo hin ta'in namuu waan irraa maraate (waan haalaan jaalate) qaba.

Maqaankoo Nagawoo Magarsaadha. Dhaloonnikoo Godina Baalee. Amma Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoon jiraadha.

Waggaa 11 dura eegalee biqiltuu 300,000 ol dhaabe. Kana keessaa kan qabate 138,000 (hanga biqiltuun dhaabame BBC'n addatti waan mirkaneesse hin qabu) dha.

Biqiltuu bakka hedduun dhaabe. Bakkan jiraadhu keessatti magaalaaleefi Aanaa walumaa gala bakka 18 keessatti biqiltuu dhaabe.

Harargee Bahaa keessaa Aanaa Cinaaqisan, Aanaa Kombolchaa, Jaarsoo, Awwadaay, Haromaayaa, Qarsaa, Laangeey, magaalaa Calanqoo fi siidaa Calanqoo jala, Qobboo fi kaanitti biqiltuu dhaabee jira.

Qobboo haa galatoomani Waraanni Raayyaa Ittisa Biyyaallee biqiltuu dhaabuu irratti hirmaataniiru.

Akkasumas Karra Miilleetti maqaa Sheek Bakrii Saphalootin nan dhaabe. Akkasumattis, Baroodaa, Dadar, Waataritti dhaabeera.

Gara Shawaattis dhufe maqaa ummata daangaa Soomalee irraa buqqa'aniin Lagaa Xaafoofi Laga Daadhiitti nan dhaabe. Gara Bishaan Gurraachaa dhaqee maqaa buqqaatotaatin nan dhaabe.

Kana qofaa osoo hin ta'in barsiisonni yeroo ganna ganna qe'eetti galan waggaa jaha dura eegale biqiltuu kudhan kudhan kenneefi kan Arsii, Baalee, Wallagga, Shawaatti galus itti kennee dhaabsisaa ture.

Aanaa kiyya keessatti namni yoo du'e sukkaara qabataniiti mana taaziyaa (gaddaa dhaqu). Ani namni biqiltuu firii kudhan fudhate maqaa namoota du'en akka dhaaban nan barsiise.

Bakkan jiraadhullee anatu amantii qaba malee biqiltuun amantii hin qabdu jedhee mana amantaa Ortodoksii, Musliimaafi Pirtestaantiitti abbooti amanti waliin ta'un biqiltuu dhaabeera.

Waraqaa manneen amantaa irraayyuu nan qaba. Hojiiwwan koo kanaaf bakka adda addaati waraqaa ragaa guurradheera.

'Ji'a jahaa ofiif, ji'a jaha immoo biyyaafin hojjedha'

Bakkawwan garaa garaa deemanii biqiltuu dhaabuu bara 2000'ttin (A.L.I) eegale. Sanyii biyya keessaa nan guura. Manneen barnootaa dhaqee dura bu'aa waliin ta'e firii biqiltuu nan guursisa.

Ani biqiltuu keessaa kanin hinjaalanne tokko qofaadha. Baargamoon hiddi isaa baay'ee qonnaan bulaa miidhaa waan jiruufu hin jaaladhu. San hin dhaabsisu.

Biqiltuu akka sadiittin argadha. Ani biqiltuu nan hunkurfadha (biqilcha). Kan lammataa immoo mootummaa irraa misooma qonnaatii nan argadha. Kan sadaffaa miti mootummaa irraatis nan argadha.

Kan Rabbiif jedhee xiqqoo naaf rifatu na deeggara. Sanii achitti ani nama dhuunfaati. Jaartiin kiyya ijoollee guddifti. Anis waan irraa maraadhe (jaaladhe) kana hojjedha.

Waggaa keessatti ji'a jaha biyyaafin hojjedha, ji'a jaha immoo ilmaan kiyyaafin hojjedha.

Hojiin kiyya bona bona manneen barnootaa keessa demeen ministirii fi maatirikiif barattoota suuraa nan kaasa. Waan Rabbi naaf kenne walitti qaqqabeen maatii kiyyaaf waan ji'a jahaa shamatee nan kaa'a.

Ji'a jaha hafe immoo biqiltuu biqilchuufi dhaabuttin deebi'a. Sanyii biqiltuu kan baddeessaafi kaan kan ganna dhaabbamu nan hunkursa.

Buufata biqiltuutis waanin qabuf sanis bishaan obaafachaa nan tura. Biqiltuu qopheesse konkolaataa kadheen fuudhee dhaaba. Waan hojii kiyya beekaniif na deeggaru. Garaa natti hin jabaatani.

Kaayyoo

Kana dura bosonni adda addaa Baalee, Wallagga akkasumas Booranattis gubachaa ture. Sanirra dhaabbadhee biyya keenyaa yeroon ilaalutti kan bosona gubate qofa osoohin ta'in ummanniss muka mancaasaa jira.

Gama Harargee kanattis mootummaanis bosona dargiin dhaabe ciree gurguraa ture. Kunis na kakaase.

'Biqiltuu waanan dhaabef hidhamaan ture'

Godina Harargee Bahaa Aanaa kiyyarraa waraqaa baasee Naannoon Oromiyaas na deeggare tokkummaa ummata lamaanii cimsuuf gara Naannoo Amaaraa imalee achiis waraqaa fidadhee dhufe.

Magaalaa Harariis dhaqee gaafa duula biqiltuu dhaaban sana achitti dhaabe. Dhihoo immoo Naannoo Somaale gaheen deebi'e. Affaar deemufis yaada qaba.

Guyyaan ani gammadu guyyaa mootummaan konkolaataa na badhaasu osoo hin ta'in biyyattiin guutuu gaafa jijjiiramten gammada.

Duula biqiltuu dhaabuu kaka'umsa MM Abiy Ahimadin eegaleen ganna kana biqiltuu biiliyoona 4 dhaabuuf yaadame

Madda suuraa, PMO ETHIOPIA

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimad waajjira isaanii keessatti, biyya Ertiraa dawwannaaf dhaqanitti dabalatee biqiltuu dhaabaniiru

Harka qalleeyyii keessa ani tokko. Deeggarsa nan barbaada jechuuf osoo hin ta'in namuu waan irraa maraate qaba. Biqiltuu dhaabuun baay'ee na gammachiisa.

Waan na qunname keessaa duubarraan ABO'tu gargaara jechuudhaan biqiltuu waan dhaabef kana dura si'a 27'n hidhamee bahe. Kana ummata naannootu ragaa naaf baha.

'Guyyaa gammachuu'

Labsa mootummaatin Guyyaa Waxabajjii 22, 2011 ganamarraa eegale Naannoo Hararii keessa Gaara Hakim irratti biqiltuu 40 kiyya dhaabbadhe. 80 immoo maqaa qaroo dhabeeyyii magaalaa Harar keessa jiranin dhaabe.

Inni ummanni duula bahee biqiltuu dhaabe anaaf badhaasa kiyya. Gammachuu ani gammade eenyuyyuu hin arganne jedhee nan yaada.