Duula biqiltuu dhaabuu Itoophiyaa: Siyaasa moo eegumsa naannoo?

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/Twitter
Itoophiyaan waggoota afran darban moggaasa 'ashaaraa magariisa' jedhuun biqiltuu biliyoona 20 dhaabuuf karoorsitee hojiitti jirti.
Yaada MM Abiy Ahimadiin waggaa afur dura A.L.I bara 2010 kan eegale duulli biqiltuu dhaabuu kun bara kana marsaa afraffaarra jira.
Bara kana akka biyyaatti biqiltuu biliyoona 6 dhaabuuf karoorfamee duulli eegalamee jira.
MM Abiy Ahimad baatii tokko dura duula ashaaraa magariisa marsaa afraffaa yoo eegalchiisan, namni tokkotti dhuunfaatti biqiltuu 100 akka dhaabu waamicha dhiyeessanii turan.
Torban darbe sadarkaa naannoo Oromiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuun miliyoona 400 ol dhaabamuufi pireezidantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhuunfaatti biqiltuu 335 dhaabuu OBN gabaasee ture.
Kan bara kanaa osoo hin dabalatiin duula marsaalee sadan darbaniin biqiltuun biliyoona 18 dhaabamuu gabaasaaleen ni mul'isu.
Haata'u malee kana keessaa hagamtu kunuunsi godhameefii qabate kan jedhu ragaan ifa ta'e hin jiru.
'Lafeen isaanii gaaddisa akka argatu...'
Duulli biqiltuu dhaabuu waggoota afur dura wayita eegalamu namoota hedduu hirmaachisaa ture kun erga yeroo dhiyoo as komiin irratti ka'aa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rakkoon nageenyaa kutaalee biyyattii gara garaa keessatti lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafataa osoo jiru mootummaan biqiltuu dhaabuu irratti xiyyeeffachuun komii guddaa dhagaa'amu keessaa tokko.
MM Abiy Ahimad paarlaamaa irratti komii kanaaf deebii yoo kennan, lammileen nagaan ajjeefamaa jiranillee biqiltuu dhaabuu hin dhiisnu jedhan.
"...yoo xiqqaate lafeen isaanii gaaddisa akka argatu, bakka lammiileen keenya itti ajjeefamanitti osoo hin hafiin biqiltuu dhaabna" jechuun dubbatan.
Gama kaaniin duulli biqiltuu dhaabuu kun bu'aa siyaasaaf, gurra ittiin horachuuf malee dhugumatti dhimmama eegumsa naannoof miti qeeqni jedhus ni dhagaahama.
Kanaaf ammoo xiyyeeffannaan mootummaa biqiltuu dhaabuu irratti malee kunuunsa isaa irratti ta'uu dhabuun akka agarsiiftuutti ka'a.
Jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti yaaddoo dhala namaa ta'ee jiru to'achuuf haala kamiinuu biqiltuu dhaabuun murteessaa ta'uu kan himan barsiisaan muummee saayinsii bosonaa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu gargaaraa pirofeesaraa Taammiruu Kaffaalaa, "garuu biqiltuu dhaabuu qofti gahaa miti" jedhu.
Duulli biqiltuu dhaabuu marsaa afraffaaf Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru "hojii jajjabeeffamuu" kan jedhan gargaaraa pirofeesaraa Taammiruun, "akkamitti dhaabamaa jiraa?, dhuguma haga jedhametu dhaabamee?, kan dhaabame sunimmoo kununfamaa jiraa? kan jedhu gaaffilee ijoo gaafatamuu qaban ta'uu himu.
Kanaaf ammoo duula biqiltuu dhaabuu kanarratti qaamolee hawaasaa hunda hirmaachisuu akkasumas hawaasni naannoo lafa biqiltuun itti dhaabamee jiraatu miira abbummaa akka qabaatu gochuun barbaachisaa ta'uu himu.
Namoonni duulaan biqiltuu dhaaban hubannoo gahaa qabumoo hin qaban kan jedhus gaaffii keessa galuu qaba jedhu gargaaraa pirofeesaraa Taammiruun.
"Biqiltuu gadi garagalchanii dhaabuu dabalatee, laastikii waliin dhaabuufi rakkooleen gara garaa ni mul'atu" jedhu.

Madda suuraa, Addisu Arega Kitessa/Facebook
Duulli dhaabbii biqiltuu kun ogeeyyii kunuunsa naannoofi saayinsii bosonaatiin deeggaramuu qaba jedhu gargaaraa pirofeesaraa Taammiruun.
"Akka waliigalaatti sosochiin biqiltuu dhaabuu kun inuma barbaachisa. Garuu namoonni biqiltuu dhaaban daldala siyaasaaf jedhanii kan dhaaban yoo ta'e, akkamitti akka dhaabamu hubannoo osoo hin qabaatiin kan dhaaban yoo ta'e, kunuunsa biqiltuun sun barbaadu osoo hin beekiin kan dhaaban yoo ta'e faayidaa isaarra miidhaa isaatu caala" jedhan.
Biqiltuun amma dhaabamu bu'aa barbaadamu yoo fiduu baate, "fuulduraaf uummanni hojii kana hojjechuuf ni rakkata" jedhu.
Duula biqiltuu dhaabuu waggoota afran darban gaggeeffame bu'aa isaa madaaluuf yeroon kan hin geenye ta'ullee, hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii biqiltuu dhaabuu dursee hojjetamaa ture akka bu'aa guddaatti kaasuun akka danda'amu himu.
Xiyyeeffannaa kunuunsaaf...
Bara kana walumaagalatti biqiltuu biliyoona jaha dhaabuuf kan karoorfame yoo ta'u, bara darbe haaluma wal fakkaatuun biqiltuun biliyoona jaha dhaabamuu miidiyaalee gabaasanii turan.
Gargaaraa pirofeesaraa Taammiruun dhugumatti jijjiiramni akka dhufu yoo barbaadame xiyyeeffannaan lakkoofsa biqiltuuf kenname walakkaan isaa kunuunsuufis kennamu qaba jedhu.
Fakkeenyaaf "bara darbe biqiltuu biliyoona afurtu dhaabame yoo jenne, gatii biqiltuu tokkoo qarshii shaniin yoo herreegne, biqiltuu biliyoona afur dhaabuuf qarshii biliyoona 20 ta'a. Qarshii kana walakkaa isaa biliyoona 10 biqiltuu miliyoona lama ittiin dhaabnee, biliyoona 10 hafe ammoo kunuunsaaf osoo oolee" irra caalaa faayidaa qabaata jedhu.
Dhaabuun dura lafti isaa sirnaan qoratamee, erga dhaabbatee booda ammoo kunuunsi barbachisu godhameefii jennaan biqiltuun biliyoona lama waggaa tokkotti dhaabamu bu'aa guddaa argamsiisa jedhu.
Itti dabaluun kunuunsa irratti xiyyeeffatamee, biqiltuun dhaabbate qabatee yoo argu hawaasni itti fufiinsaan hojii biqiltuu dhaabuu akka itti fufu gargaara jedhan.
"Akka amma argaa jirru kaan gadi garagalchee dhaabaa, kaan miidiyaa irratti ittiin mul'achuuf qofa dhaabee kan biraa galu yoo ta'e, miirri uummata keessa jiru hir'ataa deema" jedhan.
Hojiin biqiltuu waggoota afran darban dhaabaman kunuunsuu hamma hojii biqiltuu dhaabuu xiyyeeffannaafi uwwisa miidiyaa argachuu baatus, mootummaan kunuunsa isaafis xiyyeeffannaa kennuu hima.
MM Abiy Ahimad ofii isaaniin biqiltoota dhaaban bishaan obaasuun hawaasni akkanuma akka godhu waamicha dhiyeessaa turan.
Mootummaan Itoophiyaa duulli biqiltuu dhaabuu kun faayidaa eegumsa naannoof qaburratti dabalataan madda carraa hojii guddaa ta'uu hima.
Duula biqiltuu dhaabuu 'ashaaraa magariisaa' kanaan walumaagalatti namoota 183f carraan hojii uumameera jedha gabaasni OBN.












