Gurgurtaan Kaarboonii bosonni Oromiyaa biyyoota guddatan irraa argatu maali? Akkamiin herregama?

Madda suuraa, Getty Images
Dachee Oromiyaan bosonaan uwwifaman irratti sagantaan hojjetu - Oromia Forested Landscape - jedhamu erga eegalee waggaa shan lakkoofsiseera.
Sagantaan Baankii Addunyaan deeggaramu kun biyyoota guddatan shan keessatti kan hojjetu yoo ta'u, Afrikaa keessaa Zaambiyaa fi Itoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jira.
Finfinneerraa fageenya kiilomeetira 450 irratti kan argamu bosonni gaarreen Arsii fi Baalee ammoo iddoo bu’uuraa sagantaa kanaati jedhu Hoogganaa Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Obbo Boonaa Yaaddessaa.
Bosonni uumamaa mukkeen gurguddoo biyya keessaan kan uwwifame kun Arsii fi Baalee gaarreen uwwisee jiru dabalatee walumatti lafa hektaara kuma 400 ol qabata.
Waggaa sagal dura irraa eegalee hawaasi gandoota muraasa bosonicha keessatti argaman gurmaa’uun hektaara kuma 260 ol ta’u misoomsaa jiru.
Hawaasi waldaan gurmaa’ee hojiiwwan adda addaa hojjechuun irraa fayyadamaa ba’eera kan jedhan Obbo Boonaan ''amma ammoo gama gurgurtaa kaarboonii- Kaarboonii Faayinaansiin faayidaa irraa argachuu eegaleera,’’ jedhan.
Bittaa kaarbooniif Baankiin addunyaa doolaara miiliyoona 40 caalu ramadeeras jedhan.
Kaarboon Faayinaansi (Carbon Finance) maali?
Qilleensa gubataa - green house gas jedhamu gara qilleensaatti gadi lakkisuu keessatti ga’een biyyoota guddataa jiranii xiqqaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan keessattuu bosona hedduu waan qabduuf aara gubataa qilleenssatti gadi dhiisuu keessatti ga’eenshee gadi aanaadha jedhu Obbo Boonaan.
''Garuu kan irra caalaa saaxilaman ammo biyyoota guddataa jirani.’’
Waliigaltee Paaris keessatti biyyoonni galma kaawwatan keessaa, ''biyyoonni guddatan (kanneen indastiriin badhaadhan) aara gubataa qilleensatti gadi lakkisan hir’isuun’’ isa ijoodha.
Biyyoonni guddatan kanneen akka Awurooppaa fi Ameerikaa hamma karbonii qilleensatti gadi lakkisanii hir’isuu qofaan galma kana (carbon balance) milkeessuu hin danda’an.
Kanaaf hamma karboonii qilleensatti gadi lakkisanii fi galma kaa’atan walmadaalchisuuf biyyoota guddatan irraa bitatu jechuudha.
''Kan biyyoota guddataa jiranii hanga qilleensatti gadhiisanirra hanga qilleensa keessaa xuuxantu caala. Biyyoonni guddatan garuu aarri gubataan isaan qilleensatti gadhiisan kan isaan qilleensa keessaa xuuxan caala,’’ jedhan.
‘’Kanaafuu kana walmadaalchisuuf dirqama biyyoota guddataa jiranirraa kaarboon baalaansii bituu qabu.’’
Waadaa addunyaaf seenan kana guutuuf bitachuu qabu.
Kunimmoo hojii eegumsa naannoo kan akka Itoophiyaan hojjechaa jirtuu kana akkasaan deeggaran taasisa.

Madda suuraa, Getty Images
Akkamiin herregama?
Bosonni parsantaan haga ta’e mataansaatuu karboonidha. Baala, jirma, hidda fi biyyee hiddi isaa qabate keessa kaarbooniin jira.
Bosona gubuu fi mancaasuu jechuun kana qilleensatti gadhiisuu jechuudha jedhan Obbo Boonaan.
Bosonni yoo jiraate ammoo karbon daayoksaayidii qilleensa keessaa xuuxuun baala, jirma, hiddatti kuusa.
''Kanaafuu jalqaba qabiyyeen kaarboonii bosonichaa ni qoratama. Bosona kana kunuunsuudhaan qabiyyeen karboonii isaa hagam dabale kan jedhus ni ilaalama,’’ jedhan.
Daballiin kun kuufama kaarboon daayoksaayidii qilleensaa keessaa xuuxameeti. Kana qaama ofiitti qabatee oksijiinii gadhiisa.
Hamma kaarboonii qama mukeenii keessatti kuufametu shallagamee gabaaf dhiyaatee bitama jechuun akkaataa shallaggii isaa ibsu.
Itoophiyaatti yoom eegale?
Akka Obbo Boonaan jedhanitti hojiin kun Itoophiyaa keessatti kan eegale Oromiyaa keessatti, akkuma biyaattuu.
''Kanaan dura tattaaffiin turus, garuu akka kanatti bal’inaan hin hojjetamne.’’
Hojiin kun karaa dhaabbata miti-mootummaa Farm Africa jedhamuu Oromiyaa keessatti hojjetamaa jira jedhan.
Adda durummaan ammoo aanaalee afran Arsii Lixaa fi Baalee iddoowwan bosonni uwwisee jirutti hawaasa gurmeessuun hojjetamaa jira.
''Aanaalee muraasa irratti hektaara kuma 260 ol irratti namoota waldaalee 64tti qindeessuun kunuunsa bosanaa hojjetaa turre. Marsaa lamaan kaarbooniin gurgurameera.
Marsaa duraa birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 49 marsaa lammaffaa ammoo birrii miiliyoona 300 fi miiliyoon 30 olitti gurgurreerra.’’
‘’Maallaqi kun irra jireessaan waldaalee gurmaa'anii jiran kunneeniif kennama. Bosona kana kunuunsuun maddi galiisaanii akka heddummaatu gochuuf karoorri qophaa'ee hojjetamaa jira.’’
‘’Sagantaan kun akkuma biyyaattuu isa guddichaa fi jalqabaati. Kanaan dura yaalamaa turus haga kana hin milkoofne ture.’’
Qabeenya bosonaa Oromiyaa fi bu'aa abdatamu

Madda suuraa, Getty Images
Sagantaan misooma dachee bosonaan uwwifamanii akka Afrikaatti Zaambiyaa fi Itoophiyaa qofa keessatti kan hojiirra oolaa jiruudha kan jedhan Obbo Boonaan, ''akka Itoophiyaatti ammoo Oromiyaa keessatti hojiirra oolaa jira,'' jedhan.
Sagantaan ''Oromia Forested Landscape Program'' jedhamu kun waggoota arfan shanan darban deeggarsa Baankii Addunyaatiin hojiirra oolaa tureera.
Hamma aara gubataa qilleensatti gadi lakkifamuu hir'isuudhaan bu'aan argame erga madaalamee booda Baankiin Addunyaa doolaara miiliyoona 40 ramadeera jedhan Obbo Boonaan.
''Sagantaan kun xumura bara kanaarratti ni obba'a. Hanga yoonaa gama aara gubataa hir'isuutiin bu'aan argame herregamee maallaqi Baankiin Addunyaa ramade kun ni gadhiifama. Isa booda hanga bara 2028tti akkaatuma bu'aa argameen bittaan kaarboonii ni raawwata jechuudha.''
Bu'aan kunuunsa bosona kanaan argame herrega maallaqa Baankiin Addunyaa ramade kanaan ol yoo ta'es, kan irraa hafe karaa baankilee idil-addunyaa biroo ni gurgurama.
Bosona Oromiyaa keessa jiran hunda irraa haala kanaan kaarboonii bituuf sirni hunduu diriireera jedhan Obbo Boonaan.
Kanaaf Itoophiyaan akkuma biqiltuu dhaabuurratti xiyyeeffattu bosona uumamaa jiran kunuunsaarrattis haala walfakkaatuun, inumaa sanaa olitti xiyyeeffachuu qabdi jedhu qondaalli kun.
Akka Oromiyaatti hanga ammaatti lafa bosonaa hektaara miiliyoona 1.8 ta'u karaa sagantaa hirmaachisaa (Participatory Forest Management) jedhamuun waldaalee bosonaa 792 ta'uun kunuunsaa jirra jedhan.
Hojiin ijoon hojjetamuu qabu kan biraan bosona daangessuudha kan jedhan Obbo Boonaan, keessattuu Bosona Harannaatti namni da'eeffatee galaa waan jiruuf uummata irratti ijaaruun kunuunsaa jirra jedhu.
Namoonni seeraan ala bosona kan mancaasan yookiin daangaa bosonaaf murtaa'e keessa jiraatan ammoo seeraan akka adabaman taasifama jedhan.
Kanaafuu bu'aa kana caalmaatti guddisuuf bosona jiru kunuunsuu, darbees ammoo gabbisuun itti dabaluun dirqama jedhan.












