Waa'ee Dirree Sheek Huseen (Anaajinaa) wantoota beekuu qabdan torba

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us
- Barreessaa, Hamzaa Huseen
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Magaalaa Finfinnee irraa kiilomeetira 620, magaalaa Godina Baalee, Roobee irraa ammoo kiilomeetira 180 fagaatee Aanaa Gololchaa keessatti argama - wiirtuun barsiisa amantii Islaamaa Dirree Sheek Huseen.
Dirreen hiikaan isaa lafa diriiraa ta'us Dirreen Sheek Huseen garuu hiika sanarraan adda ta'e qaba. Oromticha dura as jiraataa turetu maqaan Dirree jedhama jedhan maanguddoo garasii gaafanne.
Haalli ijaarsaa Masjiidotaa fi gamoowwan Dirree kanaa addunyaa teeknooloojii dura ogummaan ijaarsaa ganamaa naannoo kana akka ture ragaa baha.
Dirree kanatti duudhaan walgargaarsaa kan baratamedha, namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman ayyaana waggaa achitti kabajamurratti wayita walga'an rakkataa gargaaruu fi biyyaaf nageenya kadhachuudhaan dabarsu.
Waa'ee hambaa durii qusatamee har'a ga'ee, UNESCO jala akka galuuf abdatamaa jiruu kanaa maanguddoo fulaa kana harkaa qabanirraa iyyaafanneerra.
Haji Abdulnaasir Ahmad maatii warra Dirree Sheek Huseen keessatti barsiisaa fi duudhaa bakka kanaa eeganii dhalootatti dabarsaa turan keessaati.
Yeroo ammaa itti gaafatamaa oddoola hambaa kanaa ta'uun tajaajilaa jiru.
Sheek Huseen eenyu turan?
Haji Abdulnaasir akka jedhanitti, Sheekanaa Huseen Sheek Ibraahim Bin Malkaa jedhamu, abbaansaanii Dirree kana jiraachaa akka turaniifi gara Baha biyyaarraa as dhufuus himan.
''Abbaansaanii as turan, isaanis iddoo kana bakka Dirree jedhamtutti dhalatanii guddatan, asumatti diinii baratanii boodarra barsiisuurratti gadi dhaabbatan.''
Haji Abdulnaasir akka nutti himanitti haala namoota hedduu dinquun ganna hedduu jiraatanii dabran - ganna 280.
''Umriisaanii waggaa 280 keessaa waggaa 70 Dirree Sheek Huseenitti dabarsan, waggaa 50 Godina Arsii bakka Godina Harargeetti dhiyaatu Sakiinaa bakka jedhamu turan. Waggaa 160 ammoo biyya addunyaa garaagaraarra naanna'anii barsiisaa turan.''
Biyyoota alaa keessaa biyya Siiriyaa, Masrii fi Jarmanii qubatanii taa'aa turuu maanguddootarraa akka odeeffatanis himan.
''Dirree Sheek Huseenii fi Sakiinaatti akkasumas bakka marattuu wayita barsiisaa turan dhala namaa namummaa isaa qofaan kabajaa turan. Amantii isaanii olkaasanii kaan tuffataa hin turre,'' jedhu Haji Abdulnaasir.
Uummata Oromoo waaqeffataa yeroosaanii as ture gara amantii Islaamaatti waamuun barsiisuun cinatti Oromoon tokkoomee akka mataa walitti qabatus gochaa turan jedhan.
''Fakkeenyaaf Dirree maqaan jedhu nama Oromoo beekamaa bakka kana turedha, isaanis wayita barsiisummaaf asirratti qubatan maqaan nama kanaa dagatamee akka hin hafneef jecha bakka kana maqaa kanaan moggaasan. Maqaasaanii booda aansuun Dirree Sheek Huseen jedhanii moggaasan,'' jechuun seenaan Dirree Sheek Huseen achirraa ka'uu himan.
Amantaa wayita barsiisan uummata Oromoo afaan biraa hin dhaalchifne, afaanuma Oromootiin barsiisuu eegalan kan jedhan Haji Naasir, ''Afaan kun akka babal'atee guddatu tattaafataa turan,'' jedhu.
''Oromiyaa keessaa dacheen isaan irra qubatanii barsiisaa turan hundi Afaan Oromoo dubbatti, uummatichi eenyummaasaa qabatee amantii Islaamaa akka hordofu gochaa turan.''
Sheek Huseen Afaanota 66n namoota 6667 caalan barsiisaa masjiidota Baallaa fi Zurxum jedhamanitti barsiisaa akka turan odeeffachuu himan Haji Abdulnaasir.
Yeroo sana uummanni Baalee barattootaa fi hawaasa Dirree Sheek Huseeniif waggaatti yeroo lama galaa fidaa ture.
Kan yeroo ammaa muuda jedhamee, namoonni gumaata fidanii kabajan haala yeroo sana galaan itti kennamaa turerraa kan dhufeedha jedhu Haji Naasir.
Kana malees Sheek Huseen teeknooloojii ijaarsa manneenii fi akkaataa kunuunsa naannoo akkasumas ammoo akkaataa uummanni itti bishaan kuufachuu qabu barsiisaa turan jedhan.
''Haroo Lukkuu Dirree keessa jiruu fi daangaan gaara Dadalaa irratti isaan hidhan uummata hedduuf barnoota bu'uuraa ta'e. Uummanni Oromiyaa guutuurraa bakka kana dhufu barnoota kana kudhaammatee gala.''
Ulee Sheek Huseen

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us
Sheek Huseen yeroo ulee bal'oo qabataa turan, akka yeroo ammaa karaan mijataa waan hin turreef, wayita bosona keessa deeman baallaa sanaan qoree fi waan kaan ofirraa qabaa turan.
Karaa qara qabuun lafatti waraananii bal'oo lamaanirratti quluu salaataa (meeshaa ittiin dhiqatan) irratti fannifachuufis itti fayyadamaa turan.
Bara Sheek Huseen jiranitti nama isaan biratti diinii baratee eebbifamee ba'eef akka ragaa barumsaatti ulee bal'oo kanatu kennamaaf.
Namni ulee sana harkaa qabu nama Sheek Huseen biraa eebbifamee ba'u ta'uunsaa waan beekamuuf ni kabajama, uummannillee iddoo boqonnaa mijeesseefii barnoota irraa fudhata.
Yeroo ammaa garuu akkaataan namni ulee kanatti itti fayyadamuu fi hiiki kennamuuf kan ganamaan adda jedhan Haji Abdulnaasir.
''Ergasii akkaataa qabannaa fi baay'inasaa irrattillee namoota jijjiiran. Akkasumas abbaadhumti fedhe qabachuu eegale, namuu dirree dhufnaan qabateenii deema. Yeroo ammaa nama dirree dhaqe ta'uu ibsuuf qofa fayyadaa jira.''
Masjiidotaa fi gamoowwan

Madda suuraa, Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Baalee
Waa'een Dirree Sheek Huseen wayita dubbatamu, masjiidotaa fi gamoowwan adda baasanii ilaaluu barbaachisa jedhu Haji Abdulnaasir.
Gamoon amma mooraan itti ijaaramee halluu adiin dibamee mul'atu waggaa 370 kan lakkoofsisee fi bakka dhaloota isaanii fi bakka qabirii isaaniirratti ijaarame jedhan.
Masjiidonni lamaa fi haroon lukkuu garuu waggaa 990 dura ijaaramuu himan.
''Masjiidni tokko masjiida Baallaa jedhama, utubaa 40 qaba, bakka gamoon Sheek Huseen jirurraa kiilomeetira sagal irratti argama. Kuun ammoo gamoo Sheek Huseenii gaditti kan argamu Masjiida Sheek Huseen kan jedhamu - umrii waggaa 990 caalu qaba.''
Gamoo/qubbaa Sheek Huseen kan halluu adii dibamee mul'atu kan ijaarsisan nama Sheek Mohaammad Tilmaa Tilmoo jedhaman, nama dirree kanarra qubatanii barsiisaa turanidha.
Gosa Oromoo Jiddaa kan ta'an Sheek Mohammad Tilmaa Tilmoo nama ogummaa ijaarsaa qabu Adduus nama jedhamu akka hojjechiisan himu Haji Abdulnaasir.
Uummanni Baalees nama kana waan qabuun gargaaruun masjiida umrii dheeraa lakkoofsise kana osoo sibiilaa fi simintoo hin fayyadamin ijaaran jedhan.
''Masjiidni dhagaa, dhoqqee fi muka hindheessa jedhamurraa ijaarame, hindheessi gaara Kubbaayyoo fi Dadalaa irraa murama. Gamoon/Qubbaan ammoo dhagaa hin ulfaanne kan Aash/Nooraa jennee waamnurraa ijaarame, feerroo fi simintoo homaatuu itti hin galle.''
Qalama adii gamoon kun itti bareedus achumatti akka qopheessan himan Haji Abdulnaasir.
''Muka doddotii fi dhagaa aash/nooraa jedhamu laga Aynaagee keessaa guurree boolla keessatti gubuudhaan qalama adii qulqulluu qopheessina. Waggaatti yeroo lama qalama dibuun haaressina.

Madda suuraa, Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Baalee
Gamoo guddaan cinaa gamoo Sheek Huseen jiru kan biraan ammoo gamoo Abdulqaadir Jeeylaanii jedhama.
''Abdulqaadir Jeeylaanii nama biyya Iraaq, Baagdaad, yeroo meeshaan walquunnamtii tokkollee hin jirretti rabbiin walitti fidee addana Sheek Huseen bira dhufanii oolanii bulanii deeman,'' jedhan Haji Abdulnaasir.
''Bakka isaan yeroo sana boqotan yaadachuuf jecha gamoon kun ijaarameef, isaan asis hin jiraanne, asittis hin duune.''
Masjiidota umrii waggaa 900 ol qaban lamaan malee masjiidonni mooraa gamoon/qubbaan Sheek Huseen keessatti argamu keessa jiran 13 ol ta'u, kunneen umriinsaanii waggaa 370 fi isaa gadidha.
Har'allee masjiidonni kunneen tajaajila kennaa jiru. Barumsi amantii Islaamaas kennamaa jira. Mooraa kana haaressinee hambaa kana addunyaatti beeksisuuf abdii qabna,'' jedhan.
Zaaraa fi Arafaa - ayyaanota waggaa

Madda suuraa, Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Baalee
Dirree Sheek Huseenitti waggaatti ayyaanota lamatu kabajamu - Zaaraa fi Arafaa
Akka Haji Abdulnaasir jedhanitti Zaaraa Galgala Goobanaa kan jedhamu gaafa Sheek Huseen dhalatan fi gaafa isaan addunyaa kanarraa darban kan itti yaadatamuudha.
Guyyaan kun kadhannaa/du'aayii fi namoota harka qalleeyyii hirphuudhaan kabajama, baaroodhaan Sheek Huseeniin amaanfatuu/leellisuudhaan sirni miidhaffama jedhan.
''Sheek Huseen gara amantiitti nama waamaa turuu, miskiina/rakkataa gargaaruu fi jaalala barsiisaa turuunsaanii baaroodhaan faarfama.''
Ayyaanni asitti ayyaaneffatamu inni lammataa Arafaa/Iid al-Adhaa jedhama, guyyaa Arafaa namuu horii fidee asitti uduuhiyyaa/horii qalee miskiina nyaachisa.
Ayyaana kanarratti hordoftoota amantii Islaamaa namoota hanga miiliyoona tokko ta'antu hirmaataa turan jedhu Haji Naasir.
''Bakka namni miiliyoonaan walga'ee salaatuudha dirreen kun. Uummanni amantii biraallee heddumminaan ni dhufu, dhaamsa darbu dhaggeeffatanii ayyaana hirmaatanii deebi'u.''
Ayyaanaaf waggaatti yeroo lama walga'uun kun bu'uurri isaa kan dur uummanni barattootaa fi barsiisota Dirree Sheek Huseeniif waggaatti yeroo lama galaa geessaa tureedha.
Muuda, Jawaara, Haroo Lukkuu

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us
Muuda kan jedhu gumaata bara durii uummanni Baalee barattootaa fi hawaasa Dirree Sheek Huseeniif geessaa ture irraa kan dhufeedha.
Bara tokko galaa geessuun adda citee waan tureef, ergasii namoonni waan harkaa qaban gumaachuun 'muuda' jechuunii eegalan jedhan Haji Abdulnaasir.
Garuu namoonni muraasni ergaa ganamaa kana jijjiiruun muuda jedhanii akka waan Sheek Huseen waaqessuutti kanneen fudhatan dogoggora jedhan.
''Sheek Huseen nama Islaamummaa barsiisaa turaniidha, Rabbiin Raahmata akka godhuuf kadhatu.''
''Bakka amantiin Islaamummaa itti bu'eeraffame maqaa balleessuuf jecha namoonni akka waan Sheek Huseenitti amanamuu fakkeessan dubbatan dogoggora. Dirreen Sheek Huseen bakka Rabbii tokkicha qofa itti amananiidha malee bakka gamoof yookiin namaaf sagadan miti,'' jedhu Haji Abdulnaasir.
Bakka kanatti namoonni akkaataa barsiisaa fi naamusa Islaamummaan ala gochaawwan garaagaraa raawwatan jiru, kanneen dhagaatti dhiiga diban fi gamoo dhadhaa diban jiru.
Isaan kunneen akkuma amantii kamii fi bakka kamuu jiran asillee muraasni jiru. Irraa waldhorkaadhumatu jiraanna. Garuu namoonni kunneen guutummaatti Dirree Sheek Huseen ni ibsu jechuun dogoggora.''
Namoonni wayita gara Dirree Sheek Huseen deeman waa lama fudhatanii galu-Bishaan Haroo Lukkuu fi Jawaara.
''Bishaan Haroo Lukkuu uffataan hin miiccani, hojii mana keessaafis hin fayyadaman-dhuguu qofaaf. Sheek Huseen wayita jiran 'Yaa rabbi bishaan kana uummata kiyyaaf dawaa naaf godhi' jedhanii kadhatan. Isaantu qotee bu'uurses,'' jechuun waa'ee Haroo Lukkuu ibsu Haji Abdulnaasir.
Jawaarri ammoo namoonni dachee kana wayita dhufan erga kadhatanii booda biyyee dachee kanaa kan dibataniidha.
''Yaa Rabbii abbaa dachee wiirtuu amantii Islaamaa kanaa taate, dachee kana dawaa nuuf godhi jedhanii kadhatanii dibatu''
Biyyeedhuma dachee kanaa kan namoonni as dhufan fudhatanii ittiin galaniidha malee hiikaa biraa hin qabu jedhan Haji Abdulnaasir.
Baaroo fi Sarmadee

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us
Baaroon haalaa fi amala Sheek Huseen ibsuurraa kan eegalame yoo ta'u ergaan isaas Sheek Huseeniin akka galaanaa yookiin baharaatti ibsuudha jedhan Haji Abdulnaasir.
''Jaalalloon isaanii maqaa isaanii dhahuudhaan beekumsa diinii isaan gumaachanii fi jaalalaa fi arjummaasaanii faarsu,'' jedhan.
''Namoonni Baahroo hojjetan kunneen waa tokkollee barreeffatanii hin dhufan, sammuudhuma isaanii keessaa jedhu, kun mataansaa beekumsa as qofatti argamuudha.''
Sarmadee kan jedhamu warra dibbee dhahee sirbuudha, kun bara Sheek Huseen lubbuun jiranirraa kaasee asitti waan beekamu hin turre jedhu Haji Abdulnaasir.
''Namootumatu yeroo keessa fidan, bara mootummaa [TPLF] keessa namoota muraasaan eegalamte.''
Sarmadee kana wayita hojjetan warri dhiirotaa toora tokkoon dubartoonni ammoo toora tokkoon dhaabbachuun dibbee fi harka rukutaa sagalee walqixxeeffatanii jedhu.
''Sarmadeen kan warra Soofumar biratti beekamtuudha malee asitti kan beekamu baaroodha.''
Yeroo ammaa Baaroon aartii keessa galee bifa ammayyaawaan meeshaa muuziqaan dabaalamee hojjetamuusaatti akka hin gammanne dubbatan Haji Abdulnaasir.
''Baaroon aartii keessa seenee beekamuu osooma jaallannuu garuu waan jibbinummoo qabna. Karaa Shari'aa Islaamaa hin eegneen hojjetama, ammoo baaroo dhalaan jechuun dhorkaadha.''
Baaroo sheeka amantaa Islaamaa ittiin faarsuuf eegalame kana bifa sirbaatti geeddaruunillee ergaa baaroo balleessuudha jedhan.
''Baaroon meeshaa muuziqaan dabaalamuudhuma hin qabne, warra sirba baasanis osoo nu gaafatanii wayya. Osooma nuti hin beekne muuziqaa hojjetanii maxxansu,'' jechuunis komatu.
Baaroon seenaa Sheek Huseen isa sirrii leellisuu fi ga'ee isaan diinii Islaamaa keessatti ba'aa turan kan yaadachiisu akkasumas waa'ee ollaa kanaa seenaasaa kaasee kan barumsa dabarsu ta'uu qabdi jedhan.
''Ni ammayyeessina jedhanii ergaasaa aleessuun dogoggora seenaa ta'a nu biratti.''
Saakina Anaajinaa-Dargaa
Erga Sheek Huseen addunyaa kanarraa du'aan boqotanii booda imaamonni/dura buutonni torban itti aanuun barsiisaa turan.
Ergasii booda ammoo Sheek Mohaammad Tilmaa Tilmoo namni jedhaman bakka kanatti barsiisaa turan.
Namni kun isaaniif abbaa torbaffaa ta'uu kan himan Haji Abdulnaasir, imaamonni Sheek Mohaammad Tilmaa Tilmootti aanuun bulchaa turan Haji Abdullaahii Turee, Imaamushaafi'ii, Imaam Abdulqaadir, Imaam Mohaammad Sayyid, Imaam Mahmuud hamma dhufee guyyaa har'aan ba'utti barumsi madrasaa adda citee hin beeku jedhan.
''Yeroo keenya kana keessattis beektota amantii Islaamaa kanneen akka Ustaaz Muhassin, fi Ustaaz Abdulbaasix nama jedhamantu barsiisaa jiru.''
Haala bulchiinsaa abbaarraa ilmatti darbu kun bara bulchiinsa Dargii keessa haalaan erga gufatee booda haga ammaatti daddaaqamaa jira jedhan.
Garuu namoonni Dirree kana qubatanii hambaa kana eegan guyyuu dirqamasaanii ba'aa jiru jedhan Haji Abdulnaasir.
''Maatiin kunneen maatii Sheek Mohammad Sheek Abbaas- Saakina Anaajinaa jedhama. Saakina Anaajinaa yookiin Dargaan nama as qubatee asirraa hin sochoone, asuma taa'ee hambaa kana eegu jechuudha.''
Hanga Dirreen Sheek Huseen asitti hundeeffame kan eegee kunuunsee asiin ga'e isaani.
''Baalee keessaa gamoon akkasii hedduutu diigame, kun garuu sababa dargaa eegamee har'a ga'e,'' jechuun ga'ee dargaan ba'ataa jiru ibsan.
Hawaasi as qubatee hambaa kana eegu mindaa tokkollee hin qaban, kan jiraachisu uummata Baaleeti.
Uummanni kun amantaa fi jaalala bakka kanaaf qabuuf jecha rakkoo dhufaa darbaa dandamatee asitti cichee hafe.
''Fakkeenyaaf bara waraana Somaaliyaa-jarri xiyyaaraan bakka kana haleelte uummanni kun baqatee hin godaanne, bara 1977(ALI) wayita beelli biyyattii mudates asirraa hin baqanne,'' jedhan Haji Abdulnaasir.
Ammammoo mootummaanillee xiyyeeffannaa kennaa waan jiruuf rakkoon hamtuudha jedhamu hin jiru jedhan.
''Daandiin aslpaaltii fi soolaarii nuuf galchaa jiru, kun uummata kanaaf hamilee ta'eera. Hambaa kana kunuunsuun hambaa addunyaa gochuuf kutanneerra. Bakki fageenyaa fi roobni dhibuu akkasumas bishaan dhabuun garuu guddoo nu miidhaa jira.''

















