Masaraawwan moototaa lixa Oromiyaa jigaa jiru

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Biyyi biraa hambaa awwaalame qotee baasa, dhalootni keenya garuu kan jiru qonne awwalla'

Masaraan Kumsaa Morodaa homaan waraanaa keessa qubachuufi masaraan Jimma Abbaa Jifaar immoo suphaa argachuu dhabuu isaatiin haala badaa keessatti argamu.

Tarkaanfiin arifachiisaan dhiyeenyatti hin fudhatamuu taanaan rakkoo amma jiruu irraa kan hammaatte dhufuun hambaan kun baduu akka danda'u jiraattonni BBC'tti dubbataniiru.