Humnoonni mootummaa Oromiyaa keessatti namoota nagaa ajjeesaa, hidhaafi dararaa jiru - Gabaasa UN

Waggoota muraasa darban Itoophiyaa bakkee adda addaatti walitti bu'iinsi hammaatee lammiilee nagaa hubeera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waggoota muraasa darban Itoophiyaa bakkee adda addaatti walitti bu'iinsi hammaatee lammiilee nagaa hubeera

Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti Komishiniin mirgoota namoomaa qoratu humnoonni mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti namoota nagaa murtii seeraa malee ajjeesaa, hidhaafi dararaa jiru jechuun himate.

Komishinichi akka fakkeenyaatti kan ka’an hidhaafi ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyyuu Mudde 1, 2021 Shawaa Bahaa, aanaa Fantaalleetti humnoota nageenyaan raawwataman dabalatee ajjeechaa murtee seeraa malee raawwataman qorachuu ibseera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas qorannoosaa jalqabaa dhimma ajjeechaa jila Abbootii Gadaa Karrayyuurratti bara darbe baaseen, Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee namoonni 14 humnoota mootummaan ajjeefaman jedhe.

Komishiniin UN kun waa’ee ajjeechaa ol-adeemaa umuriin isaa wagga 17 ta’e [Amaanu’eel Wandimmuu] godina Qeellam Wallaggaa, magaalaa Dambi-Doollootti Caamsaa 11, 2021 ajjeefamees qorateera.

Ajjeechaa dargaggoo reefuu kanaan walqabatees namni itti gaafatameeru akka hin jirre adda baafachuu Komishinichi himeera.

Akka ibsa UN kanaatti, Oromoonni Qeellam Wallaggaafi Wallagga Lixaa yeroo baayyee miseensonni maatiisaanii miseensa Waraana Bilisummaati jedhamuun murtee seeraa malee akka ajjeefaman dubbatu.

Oromoonni sivilii ta’an WBO waliin hidhata qabdu jedhamuun qabamuufi hidhamuun hedduu ta’uus Komishinichi ifa godheera.

“Harka koo duubatti na hidhanii. Kophee isaaniitiin ammoo mataa koorra na ejjetan. mataakorra ejjatanii Shanee waliin hidhata qabda naan jedhan.

''Isaan booda faana miilla koo jala shiboo elektiriikaatiinan reebame… Itti fufaniidhuma WBO waliin hidhata qabda naan jedhan. Ani WBO tokkoyyu hin beeku,” jedhe nami isaan dubbisan tokko.

Oromiyaan bakki guddaan komaandi postii waraanaan kan bulu fakkaata kan jedhu Komishiniin UN kun, haleellaa diroonii lixa Oromiyaa bakka gara garaatti yeroo gara garaatti raawwatamaa tures namoota nagaarraan rakkoo hamaa geessisaa akka ture qorateera.

Oromiyaan Lixaa ugguramee, dhorkaan waan kaa’ameef odeeffannoon akka hin jiraanne taasifameera jedhe gabaasni kun.

Waan biroo maal jedhe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana Kaaba Itoophiyaatti ture ilaalchisuun, eeguma mootummaafi TPLF gidduu waliigalteen nagaa raawwatees yakki waraanaafi yakki namoomaa bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti raawwataa jira jedhan ekispartoonni UN.

Gareen dhimma Itoophiyaa qoratan kun gabaasa fuula 21 baasaniin haala mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jira jedhan ibsaniiru.

''Walitti bu’iinsi Tigraay keessaa hin dhaabbanne,’’ kan jedhe gabaasichi ammallee ‘’waraanni Ertiraafi milishoonni Amaaraa,’’ sarbama raawwataa jiru jedhe.

Gama kaaniin eeguma Labsiin Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraatti labsamee sarbami mirgaa galmaa’uu ‘’gabaasoti amansiisaa’’ isaan bira dhaqqabullee himan.

Gabaasa isaanii kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.

‘’Mootummaan Itoophiyaa sarbama raawwatan qoratuu hanqateera, haqi ce’umsaa eegalee hanqina qaba,’’ jechuun qeeqan ekispartoonni kunneen.

Himannaa sarbama mirgaa Itoophiyaa keessa jiru akka qoratu gareen hundaa’e kana Itoophiyaan jalqabumaa mormaa turte.

Keessumaa Tigraay, Amaaraa, Afaar fi Naannoo Oromiyaatti badiiwwan kana dura raawwataniifi ammas raawwataa jiran qorannaa dabalataa fedhu jedhan.

Akka UN kana dura ibsetti, erga Adoolessa keessa humnoota federaalaafi hidhattoota Faannoo gidduu walitti bu'iinsi eegalee lammiileen 180 ol lubbuu dhabaniiru.

Badiiwwan naannolee afranitti raawwatan ajjeechaa jumlaa, gudeeddii, beela, dirqiin buqqaasuufi adeemsa seeraa malee hidhamuu ta'u gabaasichi eera.

Yeroon turtii isaa waggaa tokkoof erga dheerate booda baatiiwwan muraasa booda xumurama. Ta’us, dhaabbileen mirga namoomaa akka dheeratu gaafataa jiru.

Dhaabbileen mirga namoomaa kaanis eeguma waliigalteen nagaa mootummaafi TPLF waliin raawwatee badiin akka itti fufe ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa badiiwwan yeroo waraana kaaba Itoophiyaa mudatan furuuf Haqa Yeroo Ce'umsaa hojiirra oolchaa akka jiru ibseera.

Haa ta'u malee, lammiileen Itoophiyaa qorattoonni UN dubbisne jedhan jaarmayaalee biyyattiirraa haqa arganna jedhanii akka hin amanne ibsan.

Itoophiyaan waggoota muraasa darban walitti bu'iinsi itti hammaatetti lammiileen hedduu lubbuu dhabaniiru, miliyoonaan kan lakkaa'aman buqqa'aniiru.

Waliigalteen TPLF waliin irratti gahame nagaa fiduus Naannoo Amaaraatti hidhattoota Faannoo waliin walitti bu'iinsi haaraa mudateera.

Naannoo Oromiyaa keessattis walitti bu'iinsi hidhattoota WBO waliin itti fufeera.

Gidduutti lammiileen nagaa hubamuufi bu'uraaleen misoomaas manca'uu jiraattonni ibsu.