'Hidhaa tasaa fi ajjeechaan murtee seeraa malee atattamaan dhaabbachu qaba'- KMNI

Magaala naannoo Amaaraa

Madda suuraa, KMNI

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) miidhaaleen namoota nagaarra gahan, ajjeechaan murte seeraan alaa fi hidhaan akka tasaa raawwatamu atattamaan dhaabbachu qaba jedhe.

Komishinichi ibsa Jimaata Fulbaana 15, 2023 mata duree ‘Sarbama mirgootaa qabsoo hidhannoon walqabatee yaaddeessummaan isaa itti fufee’’ jedhuun baaseen, rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti baatii Eblaa irraa kaasee Hagayya keessa ammo itti caalee dhiheenyaan hordofaa jiraachu ibse.

Keessattuu erga labsiin yeroo muddamaa baatii Adoooleessa keessa naannichatti hojiirra oolfamee kaasee, dhiibbaa inni mirgoota namoommaa irratti qabaatu hordofuun Izzii qajeelcha waliigala labsii yeroo muddamaa fi bordii qorataa labsiichaa dabalatee,qaamoolee mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu dubbiisuufi yaada gorsaa kennuun itti dhiyeenyaan hordoffii taasisaa jiraachu himeera.

Haaluma hordoffii isaattis, ‘‘miidhaaleen namoota nagaa irra gahan, ajjeechaawwan murtee seeraan alaafi hidhaan akka tasaa dhimmoota yaaddisoo ta’un aragamaniidha’’ jedheera Komishinichi.

Dabalunis naannichatti odeeffannoo jiraattoota, miidhamtoota, maatii miidhamtootaafi namoota ijaan argan irraa walitti qabadheera jedheen, ‘‘walitti bu’insichi naannichatti gara aanaalee adda addaatti babal’achu hubadheera. Miidhaan jiraattootarra gahu itti cimeera,’’ jedhe.

Fakkeenyaaf, ‘‘Hagayya ALI 19-30, 2015tti, Magaala Dabra Maarqoos, Godina Gojjaam KaabaattiAdeetiifi Maraawwii, godina Gondar Kibbaa Dabra Taabooritti, Jidduugala Gondar Daligiitti,Shawaa Kaabaa Maajateetti, Shawaa Roobiiti fi Antsookiyaa fi gandoota baadiyaa naannichaatti walitti bu’insa keessa amoonni nagaa baayyeen ajjeeffamu, miidhaa qaamaaf saaxilamuufi qabeenyi barbadaa’u hubadheera,’’ jedhe.

Komishinis gabaasa isaa kanaan namoota wal jijjiraa dhukaasaan ykn meeshaa jajjabaan ajjeeffaman keessaa kanneen bakka hojii qonnaa fi manasaanii keessatti ajjeefaman akka jiran dhagaheera jedhe.

Gama kaaninis naannichatti dhimmi ajjeechaa miseensoota Faannoo dabalatee, namoota haala garaa garaatiin to’ataman irratti murtee seeraa malee raawwatamee komishinichaafi boordii qorannoo labsii yeroo muddamaatiin qorannoon guutuun irratti gaggeeffamu qabaata jedhe.

Itti dabalunis Komishinichi ibsa isaa kanaan, maneen hidhaafi eddoowwan qajeelchi komaandi poostii ifatti beeksiiseen alatti, naannoo Amaaraa, oromiyaa fi magaala Finfinnee keessatti humnoota nageenyaa mootummaatiin hidhaa bal’aan gaggeeffamaa jira jechuun eddoowwan tarreesseera.

Namoota hidhaman keessaayis kan gadi dhiifaman jiraachu kaasuun, ‘‘hedduun ammas hidhaarra jiru’’ jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni hidhaman irra caalaan isaanis ‘‘garee hidhattootaa deeggartu fi/ykn meeshaa waraanaa dhoksitanii jirtu sababii jedhuu,’’ jedhe ibsi kun.

Tibba kanas jidduugala turtii naannoo Oromiyaa Galaan aanaa Siidaa Awaash jedhamuutti daa’imman dabalatee saba Amaaraa kan ta’a hidhamu miidiyaa hawaasaa gubbaatti bal’inaan qoodamaa ture.

Komishinichi ibsa isaa kanaan garuu, namoonni achi keessatti argaman dubartootaafi daa’imman naannoolee adda addaa irraa dhufan dabalate bakka namoonni daandii irra jiraatan kaafamun keessa akka turan kan taasifamu ta’ufi namoota gara jidduugala kanaa dhiheenya geeffaman keessaa 29 adda baafamuun gadhiifamu ibseera.

Kan murtaa’an ammoo sagantaa deebiisanii dhaabuutiin gara nannoo irraa dhufaniitti akka deebii’an taasifamuu, dhukkubni buufaticha keessatti ka’ee ture to’atamu hordoofiisaatiin mirkanneessuu ibseera.

Walumaagalattis Komishinichi walitti bu’insichi haala waaraa ta’een akka furamuuf haaluma kana dura waamicha taasiseetiin, filmaatawwan nageenyaatiif dursi akka kennamu kaaseera.

Akkasumas tarkaanfii qaamni kamu fudhatu namoota nagaa ykn kan bu’uraalee misoomaa irratti kiyyeeffate ta’urraa akka of qusan, sochiileen hawaasummaafi diinagdee akka adda hin cinnee ittiisuu dabalatee, namoota nagaatiif eegumsi barbaachisu akka taasifamuuf gaafateera.

Akkasumas ‘‘qaamoolee namoota nagaarratti ajjeechaa raawwataniifi akka tasaatti hidhuurratti hirmaatan irratti qorannoon barbaachisu taasifamuun gaafatamummaan haa mirkannaa’u’’ jedheera.

Dhimmi namoonni ajaja izzii qajeelfama waliigla labsii yeroo muddamaatiin ala hidhamanii bulchiinsa haqa yeekka idileetiin raawwatamuun akka mirkannaa’ufi kanneen labsichaan shakkamuun to’ataman ammo dhimmisaanii atattaamaan xumuramee mirgi haqa argachusaanii haa mirkanaa’u jedheera.

Tarkaanfiiwwan labsii yeroo muddamaa hojiirra oolchuuf fudhaman hundi haalaa barbaachisuu, kan gituu, loogiirraa bilisa haala ta’eefi kan dudhaalee seera-qabeessummaa bu’uurreeffataniin durfaman akka ta’aniif gaafateera