Waa'ee masaraa mootummaan Oromiyaa Finfinneetti ijaaruu namoonni maal jedhu?

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau
Mootummaan naannoo Oromiyaa Caamsaa 18, 2023 teessoo isaa magaala Finfinnee keessatti masaraa ijaaruuf dhagaa bu'uuraa kaa'era.
Pirezidantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirna kana irratti yaada kennaniin, "ijaarsi masaraa handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinneetti jalqabsiisne bu'aa njifannoo qabsoo uummata Oromooti," jedhan.
Roobii kaleessaa ijaarsi masaraa kanaa jalqabamsiifamuu hordofee miidiyaalee hawaasummaa gubbaatti yaadonni mormiifi deeggarsaa dhagaahamaa jiru.
Oduun dhimma jalqabbii ijaarsa masaraa kanaas kun kan dhagaahame, wayita dhimma fooyya'insa heera biyyaarratti qorannoon qophaa'e ifa itti godhameefi Naannoo Amaaraa keessatti ammoo mormiin bulchiinsa MM Abiy Ahimad irratti cimetti.
Kominikeeshiniin naannichaa Pirezidanti Shimallis ''ijaarsa Piroojekticha dhaabbanni Chaayinaa Siivil Injineriingi Konistiraakshin Korporeeshin (China Civil Engineering Construction Corporation – CCECC) waggoota lama keessatti xummuruuf kan waliigalame,'' jechuu himeera.
Magaalaan Finfinnee magaalaa guddoo Itoophiyaa ta'uun cinaatti handhuura Oromiyaa fi teessoo mootummaa Oromiyaati.
Mootummaan naannichaa garuu hanga ammaa waajira pireezidantiifi teessoo mootummaaf hanga yeroo dhiyootti gamoowwan magaalittii keessa jiran ergifachuufi kireeffachuun hojjechaa ture.
Kana malees diizayiniin isaa Seenaa, Aadaa, duudhaafi qaroomina uummata Oromoo kan agarsiisuufi ilaalchaafi sadarkaa siyaas-diinagdeen Oromoo amma irra gahe kan calaqqisu akka ta'e Obbo Shimallis dubbataniiru.
Masaraan kun lafa bal'aa kutaa magaalaa Boolee keessatti ijaaramuuf hojiin isaa kan eegale.
'Dura nama ijaarree, mana ijaarreetti waliin galla'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga mootummaan naannichaa ijaarsa kana eegalsisuu ifa godhee miidiyaalee hawaasaa gubbaatti yaadni mormiifi deeggarsaa hedduun dhagaahame.
Fedhiin siyaasa addaa gartuuwwan biyyattii keessa jiran magaala Finfinneerraa qaban ammoo dhimmichi yaada hedduu keessummeessuu isaaf sababawwan.
Ijaarsi kun eegaluun mooraa qabsoo Oromoo keessaatti mataa isaa yaada deeggarsaafi mormii kaaseera.
Warra jalqaba mormii ibsatan keessaa tokko miseensa paarlaamaa kan ta'an qaama hooggansa naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Taayyee Dandaa'ati.
Obbo Taayyeen miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti ''gaaffiin sabaa masaraa miti'' jechuun yaada ijaarsa masaraa kana morman.
''Ummanni Oromiyaa hardha nagaa, bulchiinsa gaarii fi diinagdee dhabuun ergarama. Agamii as ammoo gadadoo fi roorroo akkaan hamaa keessa jira. Imaammata, tarsiimoofi mala dhibdee kana furuun jiruu isaa wayyeessu barbaada.
''Ummata bahee galuu rakkatee jireenyi itti hadhaayeen 'Finfinneetti Masaraa siif ijaarree ililchi' jechuun ummaticha tuffatuu fakkaata,'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessan Obbo Taayyeen.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Facebookimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Facebook, 1
Miseensa dhaaba biyya bulchuufi qeeqaa jabaa hooggansa naannoo Oromiyaa kan ta'an Obbo Taayyeen, ''yoo naatoon ummataa jiraate xiyyeeffannoon nagaa, bulchiinsafi diinagdeef haa kennamu. Gaafii guddaan nagaadhas,'' jedhan.
Obbo Taayyeen namoota ijaarsa masaraa irraa mormii qaban ibsan keessaa nama tokko qofaa miti.
Kan adda isaan godhu qaama mootummaa ijaarsicha hojjisiisuu ta'uu isaaniiti malee.
Waallisaa beekamaan Oromoo Daawwitee Mokonniin gama fuula feesbuukii isaan, dursa nagaafi tokkummaa ijaaruuf kennamuu qaba yaada jedhu qoode.
''Mana ijaaruun gaariidha, waan jajjabeefamuu qabudhas. Nama ijaaruun garuu irra caalaa rabbi birattis nama birattis galata qaba. Dura nama ijaarree, mana ijaarree waliin manatti galla,'' jedhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Facebookimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Facebook, 2
Naannoo Oromiyaa keessa hidhattoota WBO fi mootummaa gidduu lolli waggoota afurii oliif gaggeefamaa ture torbanoota dura marii araaraa Zaanzibaaritti godhameen furmaata argata jedhamee abdatamus ammatti waliigalteerra osoo hin gahamiin jira.
Dhimma masaaraa ijaaruu kanaan walqabatees namoonni mormii qaban dhimma nageenya naannichaaf dursi akka kennamu gaafatu.
'Murteen kun baayyee barfateyyuu'

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau
Dhaabbata dhimma nageenyaa ijaaruu irratti hojjetuu keessa kan hojjetuufi kaadhimamaa PhD kan ta'e Dassee Alamaayyeehu (Dassee Alex) garuu warra ijaarsa masaraa kana deeggaran keessaayi.
Dasseen yaada BBC'f kenneen, ''Anis akka nama bakka waraanni keessatti gaggeeffamu keessaa maatii qabuutti wantoota dursi kennamuuf qaban biroon jiru jedheen amana'' jechuun cinaatti, garuu wanta hojjetamuu danda'u waan ta'eef akka deeggaru hima.
''Akka nama mootummaan naannoo Oromiyaa Finfinnee keessaa masaraa dhabuun itti hin tolle tokkootti oduun ijaarsi jalqabuu natti toleera,'' jedha.
''Sababootan durirraa kaasee ittiin mootummoota Oromiyaa bulchan qeeqaa ture keessaa tokko ‘magaaluma Magaalaa Guddoo kooti jedhan keessaa Masaraa fi galma walgayii gaalcha qabu dhabuu fi biiroo ergisaan argatan keessa taa’anii biyya hafaa guddattu kana bulchuun isaanii’ isa angafaa ture.''
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Facebookimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Facebook, 3
''Mootummaan naannichaa Finfinneen teessoo kooti jechaa masaraa dhabuun isaa dhuguma teessoo isaati isa jedhu gaaffii keessa galchuu caalatti salfachiisaadha,'' jedha.
Mootummaan naannichaa hanga ammaaammaayyuu osoo hin ijaariin turuun ''baayyee baayyee barfate,'' jedha.
Oromiyaa keessa rakkooleen dursi kennameefi furamuu qaban osoo jiranii ''ijaarsi hin feesisu'' yaada jedhu irratti kan dubbate Dasseen, ''Eeyyen wantoonni dursi kennamuuf qaban jiru, garuu ammoo hanga isaan xumuramanitti waan biraa hojjeechuu hin qabnu jennee waan teenyu miti,'' jedha.
Anaaf dhimma nageenyaa wanti dusru hin jiru, haata'uyyuu malee dhimma naganeeyaa harka tokkoo... qamadii qotuu hin qabnu, masaraa ijaaruu hin qabnu hin jedhu. lamaanuu wal cinaatti hojjetamuu danda'u taanaan hojjetamuu qabu''
'Finfinneen kan biyyaa malee kan Oromiyaa qofa miti'
Dhimmi abbummaa magaalaa Finfinnee siyaasa sabummaarratti xiyyeefate warra gaggeessan keessummaa namoota siyaasaa Oromoo fi Amaaraa birratti addatti ilaalama, ijoo dhibdeedhas jedhamee fudhatama.
Mootummaan Oromiyaa ijaarsa masaraa kana eegalchiisuu hordofees namoonni siyaasaa dantaa Amaaraaf dhaabachuu himan adeemsa kana ''balaa qaba'' jechuun mormaniiru.
Miidiyaa Ethio-360 jedhamu irratti gaazexessummaan kan hojjetu fi sirna MM Abiy qeequn kan beekamu Habtamuu Ayyaaleew, ''caccabaa godoo keerratti- masaraa, caccabaa Itoophiyaa irratti Oromiyaa'' ijaaruufi jechuun piroojekticha mormeera.
Ogeessi diinagdee biyya Ameerikaa jiraatan Yonaas Birruu (PhD), miidiyaa hawaasaa irratti maqaa Koki Abeeseloom jedhuun barreessu.
Ijaarsi masaraa mootummaa Oromiyaa maallaqa maxxansuun raawwatamuu qaalayinsa jireenyaa hammeessee, gatii birrii gadi buusuun sharafa maallaqa alaa qaalessa jechuun mormu.
Itti dabaluunis suura dizaayina masaraa kanaafi teessoo isteetota Ameerikaa biroo wal bira qabuun, inni mootummaan Oromiyaa ijaaru akka malee qaal'aa akka ta'e akeekaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Facebookimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Facebook, 4
Ijaarsi isaa gargaarsa US fi Gamtaa Awuroooppaatii dhufu jechuunis duulli ijaarsa kanaa mormu twiitara gubbaa akka gaggeefamus gaafataniiru.
Dasseen ilaalcha siyaasaa abbummaa magaalaa Finfinneerra jiru irratti yaada kenneen, ''Finfinneen kan Itoophiyaa maraati warri jedhan Finfinneen kan Oromiyaa qofa miti jechuuf osoo hin taane Finfinneen kan Oromiyaa miti warra jedhaniidha'' jedha.
''Akkuma Baahirdaar teessoo naannoo Amaaraa taate, Maqaleen kan Tigraay taate, akka kootti Finfinneenis mootummaa naannoo Oromiyaan hoogganamuu qabdi,'' jedhe.
''Teessumni Finfinnee mataan isaa gidduugala Oromiyaati waan ta'eef ijaarsi masaraa kanaa mufii yoo kaase, mormii yoo kaase, mufiin sun dogoggora waan ta'eef sirrachuu qaba malee dogoggoraa uruursuuf jennee waan sirrii hojjechuu hin dhiifnu'' jedha.












