Carraan TPLF itti aanu maal ta'uu danda'a?

Alaabaa asxaa TPLF qabu

Madda suuraa, Getty Images

Addi Bilisa Baasaa Tigiraay (TPLF) sirna mootummaa Dargiitiin mormuudhaan ALI Guraandhala 11, 1967 ture kan qabsoo hidhannootti gale.

Boodas Caamsaa 1981 Tigraay keessa naannawa Tambeen Addii Gazaa'itii jedhamtuutti gamtaa Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) jedhamu hundeessan.

Waltahinsa kanatti Dhaabbanni Dimokiraatawaa Uummata Oromoo (DhDUO), Warraaqsi Dimokiraatawaa Saba Amaaraa fi booda keessa ammoo Warraaqsi Dimokiraatawaa Ummattota Kibba Itoophiyaa dabalamaniiru.

ALI bara 1983 sirni Dargii erga humna waraanaatiin aangoorraa kaafameen booda, addi hoggansa TPLFn hundeeffame biyyattii bulchuu eegale. TPLFis dursaa paartii ta'e.

Dura taa'aa TPLF fi ADWUI yeroo dheeraaf kan turan Obbo Mallas Zenaawii, hanga lubbuun darbanitti Itoophiyaa Pirezidantummaa fi Ministira Muummee ta’uun bulchaniiru.

Mormii ummataa Oromiyaatti eegaluun guutummaa biyyatti babal'ate hordofee Ministirri Muummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaalanyi aangoosaanii fedhiidhaan gadhiisuun MM Abiy Ahimad aangoo hoggansa Aaddichaa fudhachuun ni yaadatama.

MM Abiy ADWUI paartilee afurii irraa gara paartiilee walitti dabalameetti ceesisuun Paartii Badhaadhinaa yoo hundeessan, jidduugala paartichaa kan ture TPLF adda of baasuun maratee Tigraayitti gale.

Erga Paartiin Badhaadhinaa hundaa'een boodas paartichi mootummaa jiddugalaa kan to'ate yoo ta'u, walitti dhufeenyi TPLF kan of adda baase waliin qabu yeroodhaa gara yerootti garmalee badaa wal dhabdeen paartilee lamaan Sadaasa 4, 2020 gara waraana cimaatti ce’e.

Yeroo sanatti ture Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa seera qabeessummaa TPLF haquu kan beeksise.

Waraanni waggoota lamaaf ittifufe waliigaltee nagaa Pirtooriyaatiin xumuramus, boordichi TPLF'f deebisee beekamtii hin kennine.

TPLF maaliif haqame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boordiin Filannoo Biyyooleessaatti ittaanaa walitti qabaa kan ta’aa Obbo Wubisheet Ayyalaa, yeroo sanatti Boordichi TPLF diddaa humna bu’uureffate irratti bobba’uu dhimma ilaallatu qorachuufi ragaalee sakatta'uu BBCtti himan.

Boordichi damee paartilee siyaasaa hordofuuf to’atu qaba.

Dameen Boordichaa paartilee siyaasaa hordofu yeroo sanatti ibsa hoggantoonni TPLF kennan bu’uureffachuun seera qabeessummaa paartichaa haquu dhimma ilaallatu kaase jedhan.

Dhimmichi Boordii Filannootiin ilaalamuu wayita eegalu "gama TPLF irraa mirgi seeran waan tureef,’’ nama paarticha bakka bu’ee Boordicha waliin hariiroo qabutti himuu dubbatan.

''Yeroo sanatti dhimmicha wayita ilaallu himannaan dhiyaatera, dhimmicharratti deebii akka kennan gaafanne.

Bakka bu’aan TPLF paarticha bakka bu’ee akkaataan itti dhiyaadhu waan hin jiraanneef, dhufee hubachiisuu hin dandeenye jedhe,’’ jechuun dubbatan.

Sana booda akkaataa ragaa dhiyaaten humnaan diddaarratti paartichi hirmaatera jedhamuun "labsiin akkaataa ifatti taa’een murtoon haquu darbuu akka qabu Boordicha dirqisiisa, kana bu’uurefachuun paarticha haqame’’ jedhan.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa murtoo sana ALI Mudde 28, 2013 dabarse. Murtoon paartichi haqamuu Amajjii 10, 2013 kan ifatti ibsame.

Akkaataa seeratti paarticha haquu qofa otoo hin taane, hoggantoonni paartichaa sochii siyaasa kamiyyuu akka hin gaggeessine murteeffame.

''Sirumayyuu liqiin yoo irra jiraate, qabeenyi paartichaa liqaa kaffaluuf akka oolu, yoo irra hin jiraanne maallaqni irraa hafe barnoota lammummaafi filattoota barsiisuuf akka oolu,’’ murteeffamuu himan.

Gaaffiin TPLF maaliif fudhatama dhabe?

Waraana waggoota lamaaf mootummaa fi TPLF giddutti gaggeeffamaa ture waliigaltee nageenyaan erga goolabamee booda paartichi kan hogganu bulchiinsi yeroo hundeeffameera.

Kana malees, yeroo waraanaatti TPLF gartuu shororkeessatti ramadamee ture irraa kaafamuun, hoggantoonni fi miseensonni paartichaa hidhaa turan hidhaarraa gadhiifamuun, paartichi Mootummaa Federaalaa waliin hojjachaa jira.

Taatee kana hordofee TPLF Boordii Filannoo Biyyaalessaa beekamtii seeraan jalaa haqamee turee fi qabeenyisaa akka deebi’uuf gaaffiin dhiyeesse fudhatama akka hin arganne Boordichi beeksise.

Obbo Wubisheet akka sababaatti kan dhiyeessan, paartiin tokko erga haqamee booda deebi’ee beekamtii akkaataan itti argatu labsii Boordichaarra kallattiinis ta’ee, al-kallattiin hin kaa’amne jedhan.

Sababa kanaaf murteessuuf rakkisaadha jedhan.

Paartiin haqamef akkaataa beekamtiin deebi’ee kennamuuf seerri deeggaru tumamee waan hin jirreef Boordichi beekamtii kennuu hin danda’u jedhan.

Gaaffiin dhiyaateef seera, dambii fi qajeelfamaan alatti akka hin murteessine dhaabbatichi walaba ta’uun itti gaafatamummaa ofii bahuurra kan darbe filannoon biraa hin jiru jedhan.

Barsiisaan seeraafi qorataa heeraa Yunivarsiitii Maqalee kan ta’an Obbo Gabremasqal Hayiluu, murtoo Boordii Filannoorratti gaaffii qabaachuu ibsuun, "Boordichi TPLF hojii seera maleessumarraatti waan hirmaateef seera qabeessummaasaan paartichaa irraa mulqama kan jedhu qofa hiike,’’ jedhan.

‘’Seerri kaayyoo wayii akka milkeessuuf malee, jecha-jechaan hiikamuu hin qabu ,’’ jedhan Obbo Gabremasqal.

Boordichi murtoo kan kennu qabu "gaaffiin dhiyaatee, falmiin irratti gaggeeffamee deebiin kennuu qaba ture,’’ jedhan Obbo Gabremasqal.

Kana malees Waliigalteen Piritoriyaa TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti kan mallattaa’e ta’uu eeruun,’’ akkas jechuun TPLF qaamni jedhamu jiraachuu akeeka,’’ jedhan.

Kanaafuu "Marii fi waliigalteen erga gaggeeffame booda TPLF qaamni jedhamu beekamtii hin qabu murtoon jedhu sirrii miti,’’ jedhanii falmu Obbo Gabremasqal.

Dura taa'aa TPLF, Dabratsiyoon G/mikaa'eeliifi ittaantuu Fatila Worqi G/igzabiheeri

Egeree TPLF...

Boordiin Filannoo gaaffii TPLF akka seera qabeessummaansaa deebi'uuf dhiyeesse deebisuuf bu'uurri seeraa waan hin jirreef, akka haaraatti galmaa’uuf akka gaaffii dhiyeessu gorse.

Haata’u malee, TPLF ta’ee, bulchiinsi yeroo Tigiraay deebiin Boordii Filannoo kan haala qabatamaa jiru xiyyeeffannoo keessa kan hin galchine ta'uu eeruun mormeera.

Sababa kanaaf dhimmi seera qabeessummaa paartichaa akkuma hin murtofneetti jira. Gaaffii cimaan garuu 'egereen TPLF maal ta'a?' kan jedhu ta'eera.

Akkaataa waliigaltee mallatteeffameen bulchiinsa yeroo kan bakka bu’u bulchiinsi dhaabbataa ta’eefi miseensota paarlaamaa naannichaa bakka bu’an filachuuf bara dhuftu filannoon gaggeeffamuuf jiraachuun ibsameera.

Akkaataa labsiin jedhutti TPLF beekamtii seeraa argachuun sochii siyaasaa gaggeessuu kan danda’u, irra deebiin galmaa’uuf Boordicha gaafachuun eeyyama yoo argate qofa ta’uun murtaa’era.

TPLF akka haaraatti galmaa’uuf ulaagaa seerarra taa’e guutee akka dhiyaachuu qabu murtaa’uu fi xalayaan beeksisuu Obbo Wubisheet himan.

''Deebisanii galmeessuu danda’u. Garuu maallaqaa fi dhaala kan hin qabne akka dhaabbilee haaraatti dhiibbaa akka hin uumne, dhaabbata xiqqaa akka ta’u barbaadame natti fakkaata," jedhu Obbo Gabremasqal.

Dhimmicha ilaalchisee deebii gama Tigiraayiin kennamu fuulduratti ilaalla jedhu Obbo Gabremasqal.

''Uummata haqa dhabuufi malaammaltummaan mufachiise murtoo kanaan maaltu akka itti dhaga’amu hin beeku,’’ jedhe.

Akkuma jedhame TPLF akka haaraatti deebi’ee galmaa’uuf fedha yoo qabaate, maqaa duraatiin galmaa’uu akka danda’u kan gaafataman Obbo Wubisheet "TPLF galmaa’uf gaaffii yeroo dhiyeessu ilaalla,’’ jechuun deebisan.

TPLF fi waliigaltee Piritoriyaa

Waliigalteen mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti Afriikaa Kibbaa Piritooriyaatti taasifames kan wal waraansa dhaabeefi nagaa walitti fufaan akka bu’uuf daandii bane ta’eera.

Kana hordofees paarlaamaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) garee shororkeessaatti farajee ture akka ka’u gochuun ni yaadatama.

‘‘Erga kun hundi (waliigaltee nagaafi shororrkeessummaarraa haqamuun) ta’een booda ‘si hin beeku, seera qabeessa miti’ jechuun dhugaawwan kanneen fulduratti yoo ilaalamu fudhatama hin qabu,’’ jedhu Obbo Gabramasqal.

Yeroo araarri biyyaaleessaa umamuuf jiru kanatti murteen akkasii dhiibbaa kan qabu, kan waliigaltee nagaa balleessuufi haala balaafamaa hordofsiisuu kan danda’u jechuun yaaddoosaanii kaa’u.

‘‘Tarii waliigaltee nagaa taasifamerratti dhiibbaa mataasaa taasisuu danda’a. Akka waan mootummaan yeroos hin hundeeffamneetti lakkaa’ama. Gaaffii eenyu waliin mootummaan ce’umsaa umamee jedhu kaasa,’’ jedhan.

Waliigalteen Piritooriyaa dhiibbaa inni murtee Boordii filannoo irratti qabaatu gama ilaalunis BBCn Obbo Wubisheetiif gaaffii dhiyeessee ture.

Labsii booridichi ittiin hundeeffameen alattis kan paartileen ittiin bulfaman jiraachu kaasan.

Qajeelfamoota isaan kana bu’urreeffachuun bahan qofti kan boordicha abbooman ta’uu ibsuun, paartiin tokko jiraachuu akka itti fufuuf ykn akka itti hin fufnee taasisuun kan murtaa’u seeraan ta’u kaasan.

‘‘Kanaan alatti kan nu ilaallatu hin jiru" jechuun deebii kennan.

TPLF hoo maal jedhe?

Dhimmicha ilaalchisee TPLF ibsa baaseen, murteen boordichaa fudhatama hin qabu jedheera.

‘‘Waliigaltee Piritooriyaatti waliigalameefi kan seera bu’uura hin taasifanne, hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa cimaa adeemaa jiru kan abbaa dhabsiisuudha’’ jechuun murticha cimsuun mormeera.

Murteen boordii filannoo fudhatama seeraas ta’e kan siyaasaa akka hin qabne, ‘‘abdii nagaa Itoophiyaatti mul’ataa jiru deeggarurra abbaa waliigaltee nagaa mummee kan ta’e TPLF akka hin jiraanne taasisuuf kan dabarseedha,’’ jedheera.

Paartichi dabaluunis waliigalticha dhaabbilee ardichaafi idil-addunyaa adda addaatiin, akkasumas mana maree bakka bu’oota ummataa, mana maree ministirootaa, Ministeera Haqaa fi qaamoolee kaaniin beekamtiifi deeggarsa kan kennaniif ta’u eeruun, ‘‘murteen boordichaa kan waliigaltee Piritooriyaa hin fudhanneedha’’ jechuun qeeqeera.

Murteen boordichaa ‘‘adeemsa nagaa balaarra kan buusudha’’ kan jedhe TPLF, murticha akka hin fudhanneefi qaamoolee dhimmisaa ilaalattu waliinis akka mari’atu ibseera.

‘‘Murtee boordii filannoo irra deebiin xinxaluun murteewwan dhaabbileen federaalaa dabarsaniifi waliigalte Piritooriyaa ka’umsa taasisuun,’’ gaaffii isaa akka fudhatuufi gaafateera.

Mootummaan federaalaatis, ‘‘filmaatawwan seeraafi siyaasaatti fayyadamee’’ paarticha gara waraanaan dura tureetti akka deebiisuuf waamicha dhiyeesseera.

Bulchiinsi yeroo naannichaa murteen boordichaa, kan ‘‘waliigaltee nagaa abbaa malee taasisuu’’ fi aanga’oota TPLF bullchiinsa yeroo keessatti hirmaataa jiran ‘‘beekkamtii dhabsiisuun jiraachuu bulchiinsa yeroo kan balaarra buusu’’ jechuun, waan waliigaltee nagaa danqu ta’eefuu boordichi murteesaa xinxaluun akka sirreessuuf gaafateera.