TPLF murteen boordii filannoo ‘waliigaltee Piritoriyaa faallessa’ jechuun morme

Madda suuraa, TPLF
Addi Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) gaaffiin qaamni seera qabeessuummaasaa fi qabeenyaansaa waraanaan dura ture akka deebi’uuf boordii filannootiif dhiyeesse kufuunsaa waliigaltee Piritoriyaatiin ala jechuun ibsa baaseen morme.
Waraanaa Tigraayiitti mudate hordofee TPLF paarlaamaadhaan garee shororkeessaa jedhamee farajamuuniifi boordii filannootiinis haqamunsaa ni yaadatama.
Waraana waggaa alamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuudhaaf erga Afrikaa Kibbaatti waliigalteem mootummaafi TPLF jidduutti taasifameen booda, shororkeessuummaan TPLF irra kaa’amee ture kaafamee bulchiinsi haaraan hundeeffameera.
TPLF waliigaltee Piritoriyaatti taasifame eeruudhaan, boordii filannootiin haqamuu fi qabeenyaansaa akka deebii’uuf Caamsaa 6, 2023 booridichaf gaaffii dhiyeessus waan hin fudhanneef mormii isaa ibseera.
Boordiin filannoo seera qabeessummaa TPLF deebisuudhaaf labsiin isa deeggaru waan hin jirreef, gaaffiin dhiyaate kan ‘‘seeraan deeggarame ta’ee waan hin argamneef’’ akka hin fudhannee eereera.
Paartichi seera qabeessummaa argatee socha’u kan danda’u irra deebiin gaaffii galmaa’uu yoo dhiyeesseefi boordichis seera bu’uureffachuun hayyama yoo kenneef ta’uu beeksiseera.
Haata’u malee TPLF murteen boordichaan kenname kan fudhatama hin qabneefi ‘’kan waliigaltee Piritooriyaa faallessuu fi seera bu’uura kan hin godhanneedha’’ jechuudhaan, hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa cimaa adeemaa jiru abbaa dhabsiisa jechuun ibsa Caamsaa 16, 2023 baaseen mormeera.
Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay, boordiin filannoo ‘‘abdii nagaa Itoophiyaatti mul’atu deeggaruu irra, waliigaltee nagaatiif kan abbaa ta’e, TPLF akka seera qabeessa hin taane gochuuf murteen dabarse seeraanis ta’e siyaasaan fudhatama hin qabu’’ jedheera.
Paartichi dabalunis, waliigaltichi dhaabbiilee ardittiifi idiliaddunyaa adda addaan akkasumas paarlaamaadhaan, Mana maree Ministirootaan, ministeera haqaa fi qaamolee kaaniin beekamtiifi deeggarsa kan argate ta’uu eeruun, ‘‘Murteen boordichaa kan waliigaltee Piritoriyaa faallesseedha’’ jechuun qeeqeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Murteen boordichaa kunis waliigalticha kan balaarra buusuu kan jedhe ibsi TPLF kun, murtichas kan hin fudhanneefi qaamolee dhimmisaa ilaallatu waliin akka irratti mari’atu eere.
''Murtee boordii filannoo irra deebiin xinxaluun waliigaltee Piritoriyaafi murteewwan dhaabbileen federaalaa kaan dabarsan ka’umsa godhachuun’’ gaaffiinsaa akka fudhatamuuf gaafateera TPLF.
Mootummaan federaalaatis murteen boordii filannoo irra deebiin ilaalamuun, gaaffilee seera qabeessummaa TPLF waliin wal qabatanii ka’an waliin kan jiran, filannoowwan, ‘‘seeraafi siyaasaatti fayyadamuun’’ paartichi gara eenyummaa waraanaan dura tureetti akka deebifamuuf gaaffii dhiyeesseera.
Bulchiinsi yeroo naannichaas, murteen boordichaa ‘‘kan waliigaltee nagaa abbaa dhabsiisuu’’ fi qondaalota olaanoo bulchiinsa yeroo keessatti hirmaataa jiran ‘‘beekamtii dhowwachuun, jiraachuu bulchiinsa yeroo balaa irra buusudha’’ jechuun boordichi murtee isaa keessa deebii’ee akka ilaaluuf gaafateera.
Waraanni cimaan waggaa lamaaf Tigraay keessatti eegalee, baatiiwwaniin booda ALI Amajjii 10, 2013 ture Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa TPLF ‘‘gochaa humnaan fincila kaasuu irratti hirmaachuusaa’’ mirkaneessuu ibsuun seera qabeessuummaa isaa haquu kan beeksise.
Bu’uura Kanaan hooggantoonni paartichaa maqaa paartichaan socho’uu akka hin dandeenye murteen kan darbee fi dabalataan qabeenya socho’anii fi hin sochoone kan maqaa paartichaan galmaa’an, paartichi yoo idaa qabaate sana kaffaluuf akka oolu murtaa’eera.
Idaansaa kaffalamee qabeenyi irraa hafu yoo jiraate barnoota lammummaa fi barnoota filattootaaf akka oolu boordichi murteessee ture.
Waliigalteen nagaa erga mallattaa’ee fi waraanni erga dhaabbatee booda TPLF gara sochii siyaasaatti kan deebi’e yoo ta’u, kana hordofees beekamtiinsaa akkasumas qabeenyisaa akka deebi’uuf gaafatus boordichaan fudhatama hin arganne
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa dhuma torbee darbeerratti deebii kenneen, qaama seerummaa TPLF deebisuun akkaataa labsii 1162/2011n bu’uura seeraa kan hin qabne ta’uu ibsuun, gaaffii TPLF kuffiseera.
TPLF qaama seerummaa argatee socho’uuf akka haaraatti galmaa’ee, boordichaan yoo beekamtii argate qofadha jedheera boordiin filannoo Itoophiyaa.
Qabeenya paartichaan walqabatee gaaffii dhihaate irratti boordichi paarticharratti tarkaanfii haquu fudhate waan ta’eef, akka haaraatti gaafatamuu waan danda’u ta’ee hin mul’anne jechuun gaafficha kuffiseera.












