Naannoo Tigiraayitti filannoo gaggeessuuf karoorsuu Boordiin Filannoo biyyaalessaa hime

Madda suuraa, EBC
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa naannoo Tigiaay dabalatee bakkeewwan filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaan hin gaggeeffamiin hafetti filannoo gaggeessuuf akka jedhu hime.
Boordichi filannoo kana A.L.I bara 2016 keessa gaggeessuuf akka jedhu beeksise.
Boordichi raawwii hojii ji’oota sagalii kan bara 2015 Koree Dhimma Dimokiraasii Bakka bu’oota Uummataaf gabaasa dhiyeessera.
Itti aanaan walitti qabaa boordichaa Obbo Wuubisheet Ayyalee sababa rakkoo adda addaan bakkeewwan tokko tokkotti filannoon osoo hin gaggeeffamiin hafuu himaniiru..
Filannoo kana bara 2015 keessa gaggeessuuf karoorfamee garuu akka hin milkoofne himaniiru.
Ji’oota darban keessa hojmaata paartilee waliin wal qabatee paartileen tokko tokko kora wlaiigalaa akka hin gaggeesine qaamolee adda addaan dhorkamuu boordichi mirkaneessuus himaniiru.
Dabalataan gaggeesitootni paartilee tokko tokkoos hidhaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoolee mudatan kana furuuf hojjechaa jiraachuus Obbo Wuubisheet himaniiru.
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa bara 2021 keessa gaggeeffameen Paartiin Badhaadhinaa mo’achuun aangoo qabateera.
Haa tahu malee filannoon kun naannoo Tigiraayii fi bakkeewan rakkoon nageenyaa jiru tokko tokko keessatti hin gaggeeffamiin hafeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoo Oromiyaa keessa paartileen socho’an kan akka Koongireensii Federaalistii Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo hoggantootnii fi miseensotni isaanii hedduu jalaa hidhamuu ibsuun filannicha irratti osoo hin hirmaatiin hafaniiru.
ABO’n hoggansi isaa hidhamuu qofa osoo hin taane waajjiri isaa bakka adda addaa jirus jalaa cufamuu komachaa ture.
Hoggantootni ABO kan akka Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa fi Daawwit Abdataa fa’aa ammayyuu mana hidhaa jiru.
Abokaatoon isaanii yeroo adda addaatti BBCtti akka himanitti, gariin isaanii manni murti yakka irraa bilisa jedhee mirga wabii isaanii eegus poolisiin gadhiisuu hin dandeenye.
Waraana waggaa lamaaf naannoo Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen booda waliigaltee nageenyaa mootummaa fi TPLF gidduutti mallattaa’een naannoo Tigiraayitti mootummaan yeroo hundaa’eera.
Naannoon Tigiraay qofaatti filannoo gaggeesuun bakka bu’oota isaa filatus filannichi Boordii Filannoodhaan fudhatama hin arganne ture.
Ammatti naannichi Mana Maree bakka Bu’oota Uummataa akka biyyaatti jiru keessaa bakka bu’oota hin qabu.












