Boordiin Filannoo gaaffii TPLF qaamni seerummaa isaa irraa mulqamee ture akka deebi'uuf gaafate kuffise

Madda suuraa, TPLF
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gaaffi TPLF eeyyamni akka paartiitti socho'uu jalaa haqame ture akka ka'uuf gaafate kuffisuu isaa boordiichi beeksise.
Boordiin filannoo ibsa Caamsaa 13/2023 baaseen akka eeretti, TPLF eeyyama akka paartiitti sochuu deebi’ee argachuu kan danda’u irra deebiin gaaffii galmaa’uu yemmuu dhiyeessutti boordichi akka seera kaa’amee jirutti yoo eeyyama kan kennu ta’edha.
Paartiin TPLF gaaffii akka paartitti deebi’ee socho’uu kana kan dhiyeesse, waligaltee Piritooriyaa irratti waldhabdee itti fufan dhaabuuf waligaltee taasifame eeruun xalayaa Caamsaa 6 barreesseen ture.
Xalayaan kun murtee boordiin filannoo gaafa Amajjii 18, 2021 mirga akka paartiitti socho’uu TPLF haqe kaaseera.
Murteen boordiin filannoo baase, paartichi shorokeessummaa humna irratti hundaa’e irratti hirmaachuu mirkaneesseera jechuun, eeyyama akka paartiitti socho’uu haquu, hoggantoonni partichaa maqaa paartichaa fayyadamuun akka hin sochonee dhorkuu, akkasumas qabeenyi paartichaa kan oolu liqaa paartichi qabaachuu malu kaffaluun qabeenya hafe ammo barnoota filattootaaf akka ooluuf ajajuudha.
Waraanni naannoo Tigraay keessa ture nagaan xumuramuusaa fi mootummaa federalaa fi TPLF gidduutti waligalteen uumamuu isaa eeruun, paartichi gocha shororkeessummaa irratti hirmaateera murteen jedhu amma geeddaramuu isaa hubannoo keessa galchuun boordichi murteewwan paarticha irratti darban akka gaafamaniif TPLF gaafachuu isaa boordiin filannoo ibseera.
Boordichi dhimmicha erga qoratee booda murtee dabarseera jedheen, sababni kana dura bordichaaf murtee ture humna fayyadamuun gocha shororkeessummaa amma hin jiru jedheera.
Ta’us garuu eeyyama akka paartiitti socho’uu deebisuuf qajeelfamootni dandeessisan akka keeyyata 1162/2011’tti kaa’ame akka hin jire himeera.
Sababa kanaanis boordichi, gaaffiin TPLF dhiyeesseef kan seeraan deeggaramee akka hin taane ta’usaa waan aragteef akka hin simanne ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaafuu akkaataa labsii fi danbiiwwan itti anaanii jiranitti TPLF beekamtii qaama seeraa argatee socho’uu kan danda’u irra deebiin gaaffii akka paartiitti galmaa’uu yoo dhiyeessee fi akkaataa seera boordichaan yoo eeyyamameefii tahuu murtaa’eera.
Hoggantoota paartichaa fi qabeenya isaa ilaalchisee gaaffii dhiyaate bu’aa boordichi akka paartichi haqamu murteesse waan taheef akka haaraatti kan gaafatamuu qaban jedhee waan hin amanneef gaaffilee dhiyaatan kuffisuu ibseera.
Amajji 10/2013 A.L.Itti Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qaama seerummaa paartii TPLF haquu isa ani yaadatama.
Boordichis murtee kana irra kan gahe TPLF waraana ka’e keessatti kallattii adda addaan hirmaachuu waan mirkaneeffateef tahuu ibseera.
Kanarraa ka’uun beekamtii qaama seerummaa isaa haquun namni kamiyyuu maqaa paartii TPLF jedhuun akka paartiitti socho’uu akka hin dandeenye beeksisee ture.
Waliigaltee Piriitooriyaa hordofee nageenya waaraa naannichatti fiduuf TPLF kana dura Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan akka shororkeessaatti galmaa’ee kan ture irraa ka’eera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti ka’uun gara naannolee olla akka Amaaraa fi Affaariitti babal’ate lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa’amanii galaafachuun miliyoonota ammo qe’ee isaanii irraa buqqiseera.








