Waa'ee ijaarsa godambaa guddicha Adawaa ogeessa hojiisaa keessatti hirmaaterraa

Gamoo Godambaa Adawaa

Godambaan kun Finfinnee iddoo Piyaassaa [Birbirsa Gooroo] jedhamutti lafa heektaara bal'aa irratti ijaarame. Pirojaktichi bataskaana Goorgiisiifi mana qopheessaa magaalaa Finfinneetti ollaadha. Waajjira Kantiibaa Magaala Finfinnee Mana qopheessaa keessatti argamunis riqichaan walitti qabsiifameera.

Manni maree magaala Finfinnee hanga har’aatti galma walgahii mataasaa hin qabneefis pirojektiin kun galma walgahii dhaabbataa ni argamsiisa. Pirojaktiin ijaarsa Godambaa kanaas galma magaalaa namoota kuma lamaa ol qabachu danda’u qaba.

Hunda caalaas guddinni pirojaktiin Godambaa Adawaa kan ka’aa jiru sababii seenaa mul’isuuf kaayyefateefi. Pirojektiin mootummaa guddichi kun, haala biyyoota Afriikaa kaaniin adda ta’een, yaaddannoo injifannoo Adawaa kan bilisummaa Itoophiyaa eegsiiseefi kan biyyoota garaa garaa keessatti sochii farra bulchiinsa koloneeffannaa kakaaseeti.

Pirojektoota gurguddaa mootummaan MM Abiya Ahimad ijaarsise keessatti kan argamu Godambaan Adawaa, ijaarsisaa ALI Adooleessa 2011 eegalame. Hojii ijaarsa isaa kan xumuraa hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, dhiheenyatti akka eebbiifamu eegama.

Godambaa Piyaasaadhaaf mallattoo haaraa ta’e jedhamee eegamu kanas adda durumaannaa hojii arkiteekcharaasaa kan hojjatee ogeessa Iskinidir Wubatuu jedhamuudha.

Yunivarsitii Finfinneerraa ogummaa Arkiteekcharummaafi Pilaanii Magaalaan kan eebbifame Isikindir, hojii dizaayinii kana waggoota 28’f hojjateera. Hojiiwwan hanga ammaatti hojjate keessaa inni guddichi Godambaa Adawaa Piyaasaatti argamuudha.

Akka Isikinidiri ibsuutti pirojaktiin kun akka hojiiwwan kaanii kan fedhii maamiltootaa dizaayina gamootti hiikuu qofa miti. ‘‘ijaarsii lafa heekitaara 1.5 ol irra kaa’amu gamoo qofa miti’’ kan jedhu oggeessi kun, yaad-rime diizaayina magaalaa karaa barnootaa, ogummaafi dubbiisuudhaan argate kan itti sadarkaa olaanaadhaan hojiirra oolcheedha (experiment) jedha.

Oggeessa Arkiteektii Iskindir Wubatu

Walitti dhufeenya Arkiteekti Iskindiriifi Godambaa Adawaa

Dhaabbanni ijaarsaa Godambaa Adawaa ijaaruu ‘‘Chaayinaa Jiiyaangisuu Intarnaashinaal’’ yoo Isikindir waliin hojjatu kun kan jalqabaa miti. Kana duras ijaarsa gamoo waajjira mummee Baankii Hibirati dhaabbanni kun ijaare, hojii dizaayina isaa kan hojjate Iskindiridha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Caalbaasiin ijaarsa Godambaa Adawaa ALI bara 2011tti pirojaktoota Paarkiingii Masaraa fi Mana Kitaaba Abirihooti waliin bakka tokkootti akka ture dubbata Isikindir. Dhaabbileen pirojaktoota kanneen ijaaruuf caalbaasicha irratti hirmaatanis arkitektii diizaayina galichaa hojjatu waliin dhiyeeffachu qabaata turan.

Haala kanaan ture dhaabbanni ijaarsaa Jiiyaangsuu Intarnaashinaal dhaabbata arkiteektii lammee Itoophiyaa ‘‘Isikindir Arkiteektis’’ waliin waliin haa hojjannu jedhee gaaffii kan dhiyeesseef.

‘‘Pirojaktoonni kunneen wayita caalbaasicha irratti hirmaataniitti pirojektoota keessaa kam irratti hirmaattu? Jedhamuun gaaffiichi kan dhufe. Anis zizaayina hedduu hojjaachuuf carraa waan naaf kennuuf jechan Adawaa filadhee dhaabbata Chaayinaa waliin kana keessa seene’’ jechuun attamiin akka hojiin kana keessa seene kaasa.

Pirojakticha kan eegalchiise bulchiinsi magaalattii Kabtiibaa duraanii Obbo Taakkala Umaatiin durfamu gamoo ijaaramu ilaalchisee yaadni ka’umsaa kaa’ame ture. Gamichi baayyee akka ol hin kaanee gochuun yaada ka’umsaa bulchiinsa magaalcihaa tokko ture.

Akkasumas gamoo Godambaa kanarratti garreen walqabataniifi yaadni dibbee akka calaqiisuu taasisuunis ulaagaalee bulchiinsa magaalichaa keessa ture.

‘‘Akkan yaada mataakoo itti dabaluuf bilisummaa yaadaan qaba ture’’ kan jedhu arkitekiin kun, ‘‘yeroo hundas dizaayina gamoo gaafatamu’’ hojjachuuf yaalii akka taasisu dubbata.

Godambaa Adawaa

Dibbee lafa jalaa siidaa Minilik waliin wal fullee jiru

Godambaan Adawaa heektaara 3.3 irratti ijaarame kunis gamoo haala walfakkaatuun dheerinasaa ol ka’e miti. Kan karaa adda addaatiin walitti hidhamaniifi walitti qabaa garaagaraa qaama gamoo waliigalaa ta'an qaba.

Karrawwan gara Godambaan Adawaa nama galchan afurtiitu jira. Isaanis gara gamoowwan tajaajila garaa garaa kennan nama geessu. Moggaasni karreen kanneenitis Gootoota Kibbaa, Gootota Kaabaa, Gootoota Bahaa fi Gootota Lixaa jedhamaniiru.

Iskindir ‘‘seenaan akkuma agarsiisuutti kallattii Itoophiyaa hundarraa hirmaannaatu ture. Kanaafuu kallattiiwwan hunda bakka bu’insa argataniiru. Moggaafni karreenii yoo kennamus miirrii, fakkeenyummaa isa sanadha,’’ jechuu hika maqaa kanneen duuba jiru hima.

Meeshaaleen hambaa waraana Adawaa waliin wal qabatanis godambaan keessa kaa’an isa kallattii seensa gootoota kaabaatiin jiru keessadha. Karri kunis kan argamu karaa siidaan Minilik jiruun yoo ta’u, pilaazimaa bal’aa kabaja injifannoo Adawaa kabajuuf oolu qabateera.

Hanga dhuma baatii Guraandhalaa kanatti ijaarsi gamoo kanaa gutummaan kan xumuramu yoo ta’u, bara kanarraa qabees ayyaanni injifannoo Adawaa achumatti akka kabajamu yaadameera.

Jidduu bakka kabaja ayyaana injifannii Adawaattis boca giingoo ofilaalii gamtokkoon ol ka’e kaa’ameera. Ofilaalicha jalatti kan argamu, manni lafjalaa (basement) keessatti kan hojjatame godambaa abbaa darbii lamaati.

Ofilaaliin sunis aduu siidaa Minilik asiphaaliin gamatti mul’aturra qubatu gara mana lafa jalaatti buusuudhaan godambicha keessatti ifa umamaa calaqisiisa. Ifti aduu karaa ofilaalii giingoo (circular skylight)n asiin gadee meetira 20 bu’us godambaa wallakkaa qubata. Dibbeen kallattii ofilaalichaa ta’us jira.

Iskindiri waa’ee teessuma dibbee sanaa yoo ibsu, ‘‘ka’umsaafi kan godambichi irratti bu’ureeffateedha’’ jedha.

Godambaa Adawaa

‘‘Yeroo durii wayita waraanni eegalu, yoo labsiin labsamu, yoo adda waraanaatti akka imlamu labsiin darbu dibbeetu reebama ture. Dibbichi jidduu taa’ee xiyyeeffannaa godambichaa kan jidduugalaa (focal point)dha. Yoo Godambaa keessa seentus dowwannaa kee waan tokkorraa eegalta,’’ jedhuun ibsa.

“Godambichi mataansaa gutummaa guututti lafa jalatti waan argamuuf, ifa gar asana galchuufi ifa aduun xabachuuf’’ kutaa gamoo yaaliin itti taasifame ta’u hima.

Yaadni gara biraa Iskindir dizaayinii gamoo kanarratti calaqisiisa ammo, gaarreen wal qabatan kan teessuma lafa waraanni Adawaa itti gaggeeffame bakka bu’aniidha. Kallattiiwwan keessoofi alaa gamichaa, sararawwan dagalee hirkoowwan sadarkaa irra ol kaafamuufi gadi buufamuun kaa’aman akkasumas irran gadee (ramp) bakka sadarkaa ka’aman irratti kun calaqisiifamu hima Iskinidir.

Kutaalee gamichaa gaara ‘‘Afaan arkitekcharaatiin’’ keessatti ibsame keessaa tokko seensa karaa mana qopheessattiin jiruutiin. Seensa kanaa sadarkaalee achiitti irrangadeewwan marfataan (ramp) fageenyarraa yoo ilaalamu gaara fakkaata.

Dowwattoonni karra kanaan seenanis akkuma sadarkaa xumuraniin kan argamu, fincaa’aa bishaanii yaaddannoo mala Giiftii Xaayituun waraana Maqaleetti burqaawwan bishaanii qabachuun waraanni Xaaliyaanii akka harka kennatuuf itti fayyadamaniiti.

Yaadni naannoo gaaraa fi dhakkaan guutame Godambaa Adawaa irratti calaqisiiuu, haalluu gamichaarrattis ni mul’ata. Keessattuu kutaa alaa gamichaa irratti addatti ifee kan mul’atu haalluu ‘‘bifa subee fakkaatuudha.’’

Guddina gamichaatiin wal qabatee haalluuwwan garaa garaa fayyadamuun akka danda’amu kan dubbatu Iskindir, garuu haalluu caalaa ‘kan umamaati’ jedhee yaade qofaa fayyadamu ibsa. ‘’Haalluu gaarreen caalaa ibsuuf dandeettii qabuudha. Gamichaafis ibsa mataasaa kenneefiira,’’ jedhan.

Dinguzaa ummattoota kibbaa

Dinguzaa Piyaasaatti

Iskindiri gamoon tokko wayita ijaaramu amnataa ‘ogummaa’’ naannichaafi jiraattootaaf dabarsu qaba jedhu qaba.

Godambaa Adawaa irratti dhimmi ‘‘yaaleera’’ jedhu mummeen, yaada mallattoolee fi ibsawwan Itophiyaanummaa dizaayina gamichaa keessatti hammachuuti.

‘‘Biyyoota biraatti akinaawwan (patterns) hedduu irratti yaaliin ni taasifama. Nuti amma ilaalu kan qabnu, gara alaa osoo hin taane gara keessaati. Wantoota kanneen yaaluun barbaada ture’’ jechuun danaa gamoo kanaa attamiin akka waan biyya keessaa (local context) qbaatu gochuuf akka yaale hima.

Aadaa itoophiyaa keessatti ‘‘ogummaawwan hin mul’anne’’ jiraachusaanii kan kaasu Iskindir, ‘‘waan ammayyaa haa hojjannuu miti. Waan baayyeen kan nu fakkaatu gara kaa’u deemuu qabna’’ jedhe.

Mallattoon Godambaa Adawaa irratti hamate kan biraa, Kibbaa Itoophiyaa naannawa Gaamoo fi Walaayittaatti kan uffatamu ‘‘dunguzaa’’dha. Dinguzaa haalluu diimaa, keelloo fi gurraachaan ija namaa hawwatu, sararawwan oliifi gadi bu’uun kuulasaarratti argamu kan ittiin adda baafamudha.

Kulli dunguzaa kunis kutaa sarara gamichaa meetira 100 ol dheeratu irratti calaqiseera. Mallattooleen gaashaafi faajjii gara alaatiin bocamanisa kan bocuma adeemsa sarara dinguzaa sanatti fayyadamuun hojjatamaniidha.

Mallattooleen siidaa Aksuumiifi Laallibalaa irra fudhatamanis diizaayina sadarkaa gamichaa fi naannoo koridarii isaarratti ibsamuu dubbata oggeessi kun.

SAbaa darajaafi karaa miilaa amma hojjatame

Bifa Piyaasaa durii mallattoo Araadaa haaraarratti

Gamoowwan Tiyaatira Biyyaaleessaa, Mana qopheessaa fi waajjirri mummee baankii daldalaa duraanii, gamoowwan bara Hayilasillaasee keessa bareedinni dizaayina gamootiin ijaaramaniifi Finfinneen qaba jettu keessaayi.

Gamoowwan kunneen dizaayiniin saanii kan hojjatame arkitektoota biyya alaa kan akka lammii Faransaay Heenarii Shoomeet fi lammii Xaaliyaanii Artiroo Meezediimiin ture. Isikindir, ‘‘dizaayina haala naannichaa qorachuun isa calaqisiisuuf (local context) kennuuf ittin yaalameedha’’ jechuun leellise.

Gamoowwan kunneen haalli ittin ibsaman tokko, fulduraan gabaabaa ta‘un namoota miilaan deemaniif bakka irra tarkaanfatan umuusaaniiti. ‘‘Karaa Araati Kiiloo fi naannawee gara Piyaasaatti yoo dhufu gamoowwan sadarkaadhaan walitti dhufu. Namoonni miilaan imalan haala itti toluun gaaddisa jala imalaniidha’’ jedha.

‘‘Piyaasaa irraa kanan fudhadhe pilaaniingi duraanii (traditional)ti. Amma ammo pilaanigiin ammayyaa jira. Anis gara sanattan deebii’u barbaada. Innis pilaaniigii gaariidha,’’ jechuun Godambaa Adawaa irratti daandiin namoonni irra imalan umamu kaasa.

Suuqiiwwan gamoo Godambichaa keessatti alatti akkuma gamoo Humna Ibsaa Piyaasaatti kan namoota miilaan deeman kessuummeessaniidha.

Godambaa Adawaa kallattii Gamoo Araadaatiin argamu ammo kan akka agarsiiftuu danaa Piyaasaa agarsiisuu taasifamuun hojjatame kan biraati. Seensi Gootoota Kibbaa bilookiiwwan lama jidduutti sadarkaa dheeraan diriirfamee kunis, 70 Darajaa Piyaasaatiin waan wal fakkaatu qaba.

Diizaayina Godambaa Adawaa irratti hojjataman keessaa tokko

Siidaawwan Godambaa Adawaa fi yaadawwan ka’an

Dizaayiniin Godambaa Adawaa wayita hojjatuutti bociwwan gara 40 waraanichaan hidhata qaban akka keessatti hammataman dubbata Iskindir. Isaan keessaayis kan dhaabbataniifi kan keenyaarratti maxxanfaman keessaa wallakkaansaanii hojjatamusaanii kan dubbatu Iskindir, ‘‘kan hafan ammo gara fuulduraatti ni hojjatamu’’ jedhamee akka eegamu hima.

Siidaawwan ammatti bocuudhaan dhaabbatan keessaayis kan Atsee Minilikii fi Kan Giitii Xaayituu akkasumas gottoonni waraanaa 12 ni argamu. Siidaawwan Minilikiifi Xaayituu gamoo fincaa’aa bishaanii irra wal maddii kaa’amaniiru. Siidaawwan dureewwan waraanaa ammo ala kutaa galma magaalichaa irratti eddoowwan argaman kaa’amaniiru.

Akka ibsa Iskindiriitti, teessuma gamichaa irratti dizaayina inni jalqaba hojjateerratti yaadni dabalataa hammatamaniiru. Dizaayinichaarratti siidaan dureewwan waraanaa 12n kutaa tokko keessa akka taa’an taasifamee ture. Siidaan Giiftii Xaayituu ammo yaadannoo mala waraanaa Maqaleerratti fidaniitiif fincaa’aa bishaanii jidduurra akka taa’u yaadame ture.

Suuraaleen siidaawwan kanneenii erga miidiyaalee hawaasaarratti qoodamanii booda, yaadniwwan garaa garaa yoo kennaman dhagahama. Yaadawwan komii ka’an keessaa, ojjaa fi danaan siidichaa akkasumas meeshaan irraa hojjataman kanneen eeraman keessaa. Waldaan fakkii fi boca kaasaniif hojii boca Godambichaarratti ‘‘hin hirmaannee’’ jedhunis yaada gara biraati.

Hojii Siidaafi boca baasuu garee oggeessoota 20-25 ta’aniitii hojjatamaa akka jiru kan dubbatu Iskindir, isaanis suuraalee kitaaboota seenaa qabatanii, dabaa gamoowwanii qorachuu hojjatan. Kana argeera’’ jedha.

Haata’u malee hojiiwwan bocaa dursa eega,amuun qorannoof yeroo gahaan kennamuuf qaba ture jedha.

Arkitektichi akka jedhuutti, hojiiwwan bocaa Godambaa Adawaa keessa kaa’aman keessaa ‘‘murteessoo’’ kan ta’an kan naasiin hojjataman dizaayina gamichaarratti hammatamanii ture. Haata’u malee amma ijaarsa gamichaatiif hojiirra kan oolfame meeshaa gara biraati jedhe.

Siidaa Minilikiifi Xaayituu Godambicha keessatti ijaaraman

‘‘Nuti yoo hojjannu hojiiwwan murteessoon naasiin akka hojjataman kan jedhu ture. Tarreen hojii qabameef akkas ture. Amma garuu waan eebbisiisuuf hin qaqabneef, ittaansee siidaawwan naasii akka hojjatamanan beeka’’ siidaawwan irra deebiin akka hojjaman amantaa qabaachu kaasa.

Meeshaalee amma siidawwan ittiin hojjatamanis kan kana dura bociiwwan garaa garaa Itoophiyaa keessatti ittiin hojjataman ta’u dubbata.

Yaadawwan hojii bocaatiin wal qabate ka’aniin akka waliigalu kan kaasu Iskindir, ‘‘hojii aartii fooyyeessanii hojjachuu, jijjruun ni danda’am’’ jedha. Hojiiwwan bocaa amma hin hojjatamiin yoo hojjataman ‘‘muxannoo kanarraa fudhachuun adeemsa itti aanu hirmaachisuun, caalaa yeroo kennuufi qorannoon yoo deemame’’ jechuu yaada kenna.

Hojiiwwan siidaawwanii dabalatee diizaayinarratti jijjiram taasifame jiraatulleen, ‘‘haala harka 90 jedhamuun’’ dizaayinni inni kaa’e hojiiirra oolfamu dubbata Iskindir. Ijaarsi Godambaa Adawaa ka ‘‘haala rakkiisaa’’ keessatti hoojjatame ta’u kaasuun, hojii gaariin hojjatamu hima.

Ijaarsa Godambaa kana walinis hojiiwwan kemikaalii, elktirkiii fi suur-sagalee (audio-visual) haalaa ‘‘olaanaadhaan hojjatamu’’ ibsuudhaa, meeshaalee adeemsa ijaarsichaatiif faayyidaarra oolfaman kan sadarkaasaanii eeggataniidha jedha.

Iskindir, ‘‘haala Adawwaaf ta’uutti kan qabnu hunda hojjannee kenniineera. Yeroo dheeraadhaaf hojii gara biraa osoo hin hojjatiin asuma turre. Hojii dizaayinii akkasii yeroo hunda guutummaa guutuu hin ta’u. qeequmsi hedduun dhufuu akka danda’u beeka. Garuu dandeettii qabnuun kan dandeenyu hunda hojjanneera,’’ jedhe.

Isikindir muuxannoo gara waggoota sodomaatti siqu qabuun, waa’ee pirojaktii guudda ta’e yoo kaasuu, ‘‘biyya alaattis arkiteektiin Godambaa hojjatuu carroomaadha jedhama. Carraa baroota keessatti yeroo tokko dhufu ta’a. Anis baayyee carroomaadha’’ jechuun miirasaa BBCtti hime.