Moojootti namoonni lukkuu gurraacha qalanii awwaalaa turan qabaman

Nama huccuu amantaa uffatuufi andaqqoon gurraachi itti rarraafame

Madda suuraa, Kominikeeshinii Magaalaa Mojoo

Poolisiin bulchiinsa magaalaa Moojoo Jimaata ganama namoonni jiraattoota magaalichaa hin taane lama indaaqqoo gurraacha qalanii osoo awwaalanii qabuu beeksise.

Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Moojootti, Itti Gaafatamaa Kominikeeshinii kan ta'an Gargaaraa Inispeektaraa Sillaasee Bazzaabbii yaada BBC'f kennaniin, ''shakkamtoonni lamaan handara magaalaa Moojootti indaaqqoo gurraacha qalanii osoo awwaalanii eeruu uummataan qabaman'' jedhan.

Namoota gocha kana osoo raawwatanii qabaman keessaa tokko isaa uffannaa uffaterraa nama amantaa fakkaata.

Poolisiin dhugumatti nama amantaa ta'uu isaanii fi dhiisuu adda baasuuf qorachaa jiraa jedhan.

Namoonni lameen ganama kana konkolaataa dhuunfaan magaalaa Finfinneerraa akka dhufaniifi magaalittii keessa erga naanna'aniin booda naannoo Mana Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaatti indaaqqoo qalan awwaaluuf osoo jedhanii eeruu ummataan qabamuu kominikeeshiniin magaalichaas beeksiseera.

Namoonni lameen erga to'annoo jala oolfamanii gochicha sababa maaliif akka raawwatan gaafatamanii wanti deebisan jiraa? jechuun, Gargaaraa Inispeektaraa Sillaasee gaafannus, ''ammatti namni gaafates hin jiru, shakkamtoonnis bor kan jecha kennan,'' jedhan.

Oduun namoonni kun to'atamuu erga dhagaahamee booda viidiyoon indaaqqoon gurraachi morma shakkamaa tokkoo irratti rarraafamee uumanni dabaalee yeroo daandii irra deeman mul'isu qoodameera.

BBC'n dhimma kana irratti Gargaaraa Inispeektaraa gaafatus, ''Poolisiin namoota lamaan seeraan qabee to'atee buufata Poolsii magaalaa Moojoo galche,'' jechuun waa'ee ta'ii kanaa quba akka hin qabne dubbatan.

Itoophiyaa keessatti binseensota halluu gurraachaa qaban qalanii ykn ajjeesanii qe'ee namaatti ykn iddoo filatanii kaa'uun toshaa ykn gocha falfaltummaati jedhamee fudhatama.

Poolisiin ammatti kaayyoon shakkamtootaa maal akka ta'e ni qorataa jedhameera.

''Maaliif indaaqqoo gurraacha qalee awwale'' kan jedhuun shakkamanii jedhu Gargaaraan Inispeektaraa, Kominikeeshiniin magaalichaa ammoo, ''gocha safuu hawaasaa cabsu raawwataa turan,'' jedhamuun akka to'ataman ibseera.

Poolisiin gocha kana qoratee erga qulqulleessee booda waan irra gahe uummataaf beeksisas jedhaniiru.