Dureewwan waldaa namoota dhukkubsatan ni fayyifna jechuun hidhan to’ataman

Namoonni dhukkubsatan goodoo keessa tursiifamu

Madda suuraa, Getty Images

Taanzaaniyaatti dureewwan waldaa lama karaa kadhannaa fi qoricha aadaatiin fayyifna jechuun namoota dhukkubsatan hedduu godoo keessatti hidhanii argaman to’annaa jala oolfaman.

Namoonni dhukkubsataniifi fayyina barbaadan jedhaman 100 ol ta’an mana godoo dhoqqee irraa ijaaraman keessa tursiisuun argaman.

Manneen kunneenis naannawa waldaaleetti ganda Nyaamhinzaa Aanaa Misungwi kan naannoo baha -Lixa Mwaanzaa keessatti argamaniidha.

Namoota godoowwan kanneen keessatti hidhamaniifis dhiyeessitiin qorichaas ta’e nyaataa homtuu akka hin turretu himame.

Muraasni isaanis baatiiwwaniif akka achi keessa turan taasifamuun hanga guutummaatti bayyanatanittis ofumaan nyaata akka barbaaddatan gaafatamaa turan.

Haallii kunis adda baafamuu kan danda’e erga jiraattoonni naannichaa poolisiif eeruu kennaniin boodadha.

Dubartii battaluma ijoollee lakkuu deesse dabalatee namoonni hedduun erga hospitaalaa bahuun gara waldaalee kanneenii deemaniin booda du’aa akka jiran himame.

Dhuma torban darbeettis, poolisiin nama dhukkubsataa deebisee gara hospitaalaatti geesseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisoonni du’a mudatanii fi yoo bakki awwaalchaa dhiheenya sanatti raawwatame jiraate qorataa jira.

Ajajaan poolisii naannoo Mwaanzaa, Wilbrood Mutaafungwaa Roobii darbe gaazexessitotatti akka himanitti, qorannoo jalqabaatiin namoonni naannichatti awwaalaman hin argamne.

Garuu ammalleen itti dhiheenyaan hrodofaa jirra jedhan.

Shakkamtoonni to’atamuusaanii mirkanneessuun, dureewwan waldaa Wiiliyaam Maasuum fi haatii warraa isaa Kaabuulaa Lushikaa sochiiwwan kadhannaa fi waaqqessuu akkasumas tajaajila karaa addaatiin namoota fayyisuutiif gaggeessuuf hayyama hin qaban jedhan.

Himatamtoonni kunneenis himannaa irratti dhiyaate kanarratti deebiin kennan homtuu hin jiru.

‘‘Shakkamtoota qorachuu dabalatee amma qorannoo gadi fagoo gaggeessaa jira.Jiraattoonni naannichaa dhimmicharratti odeeffannoo gahaa qabdan gara poolisootaa dhaquun adeemsa qorannichaa akka deeggartaniifan isin gaafadha,’’ jedhan.

Waldaan kunis waggoota shanii oliif hojii kana hojjataa turuutu himamae.