Walitti bu’iinsa Dabra Eliyaas keessatti sochiin amantaa ‘Ifa Addunyaa’ jedhamu hirmaataa ture jedhame

Madda suuraa, AMHARA COMMUNICATION
Naannoo Amaaraa Godina Baha Gojjaam, Aanaa Dabra Eliyaasiitti walitti bu’iinsa Gadaamii Sillaasee jedhamu keessatti uumame keessatti kanneen amantaa haaraa babal’isuuf kaayyoo qaban hirmmaachuusaanii Bulchaan Naannichaa himan.
Bulchaan Aanaa Dabira Eliyaas Obbo Malkaamu Addis BBCtti akka himaniitti, kanneen gadaamicha keessatti dahatanii turan kan ‘‘kaayyoo amantaa ‘Ifa Addunyaa’ [Ye Alem Birhaan]jedhamu babal’isuu qabanii,’’ raayyaa ittisa biyyaa waliin walitti bu’usaanii ibsan.
Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Mootummaa ibsa Sambata galgala baaseen, "mootummaa humna hidhannoon deegarameen kuffiisuudhaaf humni Dabra Eliyaas Gadaamii Sillaasee keessatti maandheffatee ture jedhame keessaa hidhattoonni 200 ajjeefamuu’’ beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Tarkaanfii raayyaa ittisa biyyaafi humnoota nageenyaa naannoo Amaaraatiin fudhatame jedhameen, gareen hidhattootaa 'Amaaraa Izbaawii Ginbaar' jedhamu Isikindir Naggaatiin hoogganamu naannicha keessa socha’aa akka ture humni waloo ibsee ture.
Bulchaan aanichaa garuu walitti bu’insa gadaamicha keessa ture keessatti adda dura kan turan kanneen amantaa haaraa ‘Ifa Addunyaa’ jedhamu babalisuuf keeyyeeffatan jechuun BBCtti himan.
‘‘Gadaamii ummanni yeroo dheeraaf itti tajaajilamaa ture, waggoota sadiifi afuriin asi amallisaa geedaramuun amantaa kan barsiisa amantaa Ortodoksii hin taane ‘Ifa Addunyaa’ jedhamu yoo agarsiisan hawaasichi sirrii miti jechuun dheekkamuu isaa ibseera.’’
Itti dabaluunis, miseensoonni sochii kanaa namoota ajjeessuun gara gadaamichaa galuun osoo hin gaafatamne akka baqatan kan dubbatan bulchaan kun, ‘‘Loltoota ni leenjisu. Irra dedeebiin gochaa akkanaa akka dhaabaniif itti himneerra. Garuu fudhachuu hin dandeenye. Akkasumas, Sinidoosii Batasikaan Ortodoksiif hin ajajaman,’’ jechuun ibsan.
Rakkoon kun karaa mariitiin akka furamuuf bulchaan naannichaa ‘‘yeroo kudha lama ta’u yaalanilleen hin milkoofne’’ jedhaniiru.
Tibba mariiwwanittis ‘‘yeroo kaan gochiicha ni haalu, ykn ammoo ni amanu’’ jechuun kan ibsan Obbo Malkaamuun, ‘‘Nu hin tuqiinaa’’ deebii jedhu akka kennameef dubbatu.
Mariin baatiiwwaniin dura eegalame kunis waan furmaata hin argamsiifneef jecha humnootiin nageenyaa naannichaa wayita gara naannichaatti bobbaafamaniitti, ‘‘dhukaasni banamee humna nageenyaafi isaan irras namoonni du’aniiru. Dhumarrattis humnootiin nageenyaa booddeetti deebii’aniiru’’ jechuun ibsan.
Isaan boodas haalichi baatii Amajjiifi Guraandhalaa keessa sadarkaa yaaddeessaa irra gahee ture kan jedhan Obbo Malkaamuun, dubbichi cimaa dhufnaan raayyaan ittiisaa naannichatti bobbaafame jechuun ibsan.
"Raayyaa ittisaa duras ni dhaabbatan. Humna raayyaa ittiisaa dura dhaabbachuutuu gadaamii sana keessa jira’’ kan jedhan bulchaan Aanichaa, gadaamicha keessa kan jiran, ‘‘kanneen monokseedha ofiin jedhan, garuu monoksee kan hin taaneedha’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC’n qaama walabaa irraa qulleeffachuu baatulleen, walitti bu’insa guyyootaaf gaggeeffameen namoota gadaamicha keessa turan irra miidhaan qaqabuu odeeffaamaa turulleen Obbo Malkaamuun garuu kan miidhame monoksee akka hin ture dubbatu.
Monokosee akka hin taanee attamiin akka mirkaneessan BBCn gaafatamanii, “gochaansaanii kana mirkanneessa. Monokseen nama ajjeessaa? Monokseen loltoota leenjiisaa?” jechuun gaaffii dhiyaateef gaaffiin deebiisan.
Bulchaan aanichaa rakkinichi kan jiru bulchitoota gadaamichaa bira akka ta’e eeruun, rakkinicha kan uuman, ‘‘kanneen lubbuu namaa balleessuun achi seenaniidha. Abbaan amantii qiddaaseef wayita batasikaana seenanitti ajjeessaniiru, bulchaafi ittaanaan madaa’aniiru” jechuun dabaluun ibsan.
BBCn odeeffannoo naannichaarra waliitti qabaterraa akka hubateetti, humnootiin mootummaa duula kana kan eegalan Caamsaa 26 yoo ta’u, guyyoota afur ta’uuf walitti bu’insi cimaan gaggeeffamaa turuufi namoota dhibbatti lakkaa’aman irra miidhaan qaqqabeera.
Obbo Malkaamuun walitti bu’insa cimaa guyyoota darban gaggeeffameen miidhaan namoota meeqarra akka gahee beekuu akka hin dandeenye kaasuun, ‘‘garuu namni nagaa akka hin miidhamne,” dubbataniiru.
Jiraattoonni naannawa dhiheenya gadaamcihaatti argaman ammoo, walitti bu’iinsa guyyootaaf tureen wayita meeshaaleen waraanaa jajjaboon dhukaafaman dhagahaa akka turani, garuu sabaiinsaa maal akka ta’e akka hin beekne Kamiisa darbe BBCtti himunsaanii ni yaadatama.
Torban darbe Waajjirri Nageenyaafi Tasgabbii Aanaa Dabra Eliyaas akka jedhetti, Gadaamiin Sillaasee hollaa Dagoolmaatti argamu ‘‘hidhattoonni maqaa amantaatiin gadaamichatti dahoo godhachuun abbootii amantaa, jaarsoolii biyyaafi qondaaltoota mootummaa ajjeesuun akka seeraan hin gaafatamneef bakka jiraatan ta’eera,” jedhee ture.
Bulchaan Aanaa kunis dabaluun, sochii amantaa haaraa kanas ‘‘abbootiin qabeenyaafi hayyoonni biyya keessaafi biyyoota adda addaarra keessatti akka argaman kaasaniiru.
Walitti bu’insichi osoo hin eegaliin dura rakkinichi qoratamee karaaa nagaatiin akka furamuuf karaa jaarsaatiin furuudhaaf gareen ijaaramee qophiirra osoo jiramuu, “gadaamicha keessatti dhukaasni baname” kan jedhan Obbo Malkaamuun, guyyaa ittaanu, “hawaasa naannichaa waliin isin araarsina” jedhamanilleen dhukaasni itti fufuu ibsaniiru.
Humni waloo ibsa Sambata baaseen, tarkaanfii fudhatameen dursaafi qindeessaa garichaa Isikindir Naggaa fi hiriyyoonni isaa muraasni naannichaa baqachuu kaasee ture.
Obbo Malkaamuun garuu Isikindiir bakkicha ture jedhamuu ilaalchisee “wanti beekan akka hin jirre” dubbataniiru.
Gadaamiin hidhattoonni gara 200 ta’e walitti bu’insa umame keessatti ajjeefamuun dubatame Gadaamiin Sillaasee Dabra Eliyaas, batasikaana Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa Kutaa lallaba Godina Gojjaam Bahaa jalatti argama.
Hojii Gaggeessaan Kutaa Lallabaa kanaa Malaa’ika Salaam Qasiis Gizaachaww Silawandim, ‘‘rakkoo tibbana uumamee bu’anii adda hin baafne” jechuun ibsa gadi fageenyaa kennuuf akka rakkatan BBCtti himan.
Dhimma gadaamicha keessatti uumame Sinidoosii waliigalaa waliin ta’udhaan, “erga qulqulleessanii” boode odeeffannoo argamuun alatti, ammatti odeeffannoo gadi fageenyaa akka hin qabne dubbatan.
Itti dabalunis, “gadaamii ta’u mirkanneessuun’’ allatti ammatti ‘‘keessa isaa eenyutu ture?’’ kan jedhu deebiisuuf akka hin dandeenye ibsan.
Mootummaan raayyaa ittisaa fi humnoota nageenyaa naannoo Amaaraa ‘‘finxaaleeyyii mootummaa humnaan kufiisuuf socha’aniiru’’ jedheefi kan bulchaan aanaa, ‘‘miseensoota garee sochii amantaa gosa haaraa’’ jedheen waliin walitti bu’insii guyyootaaf erga gaggeeffameen boda amma naannichi nagaa ta’u ibsan.
‘‘Naannichi amma nagaadha. Omtu hin jiru. Humduu amma gara hojii idileesaatti deebii’ee hojjataa jira’’ jedhan Obbo Malkaamuun BBCtti wayita dubbataniitti.
Haata’u malee qabeenya Bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa kan ta’e gadaamii kana keessatti taatee mudateera jedhame kana ilaalchisee, batasikaanittiin hanga yoonaatti omaa hin jenne.
BBCn haala taatee Aanaa Dabra Eliyaasitti mudateera jedhame kana ilaalchisee qulqulleeffachuuf guyyoota darban keessa jiraattoota naannichaafi aanga’oota naannoo Amaaraa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasisee hin milkaa’iin tureera.












