'Hawwiin ulaa galaanaa Itoophiyaa aggaammii walabummaakoorratti dhufedha' - Ertiraa

Alaaba Ertiraa gamoo fuulduratti fannifamee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Ertiraa 'hawwii ulaa galaanaa argachuuf Itoophiyaan irra deddeebiin kaastu gocha walabummaa biyyattiirratti aggaamamudha' jechuun cimsee akka dura dhaabbatu dhaadate.

Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa dhiheessuun hariiroo biyyoota lamaa kan laaffise yoo ta'u, booda keessa ifatti wal himachaa akkasumas walitti dhaadachaa jiru.

Itoophiyaan gaaffii kana karaa nagaan akka milkeessitu ibsituus, xiinxaltoonni haalichi walitti bu'iinsatti qajeelu mala jechuun yaadda'u.

Ministeerri Dhimma Alaa Ertiraa ibsa bal'aa mata-duree: 'Eritrea Unyielding: Defending Sovereignty Against Ethiopia's Recycled Ambitions' jedhu jalatti Sadaasa 23, 2025 baaseen, Itoophiyaan fedhii ulaa Galaana Diimaa argachuuf qabdu tooftaa dippilomaasii haaraatiin itti jirtu walabummaa Ertiraa kan sarbudha jechuun, Ertiraan ulaa galaanaasheefi tokkummaa daangaashee akka eeggattu ibseera.

Aanga'oonni Itoophiyaa seeraafi waliigalteewwan hariiroo biyyoonni ollaa ittiin bulan dagataniiru kan jedhe ibsi ministeera dhimma alaa Ertiraa kun, ulaa galaanatti ba'uu argannaatiin bocaafi daangaa biyya walabaa suuta jijjiiruuf yaalu jechuun himateera.

Ibsi kun Itoophiyaan duula "ulaa galaanaa walabaa" argachuu jedhuun gootu fedhii ji'opolitikaa jiru keessatti akka dirqama ta'eetti fakkeessaa jirtu jechuun qeeqa.

Walitti dhufeenyi hawaasummaa fi aadaan walabummaa biyyaa bakka hin bu'u kan jedhe ibsi kun, Itoophiyaan" tokkummaa daangaa Ertiraa sarbuuf" ajandaa "gaaffii Affaar" fayyadamti jechuun balaaleffateera.

"Eenyummaa Affaar daangaa gamaafi gamanaarra jiran kaayyyoo siyaasaaf fayyadamuun ummata meeshaa ji'oopoolitikii taasisuudha," jedheera

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Hawaasni Affaar Ertiraan taphattoota cheezii galaanaa miti; yookaan ammoo hariiroon sabaa kabaja daangaa idil-addunyaa hin laaffisu" jedha ibsichi.

Waggoota lamaan darban keessa ministiroonni, ajajoonni waraanaa, ambaasaaddaroonniifi namoonni siyaasaa adda addaa, Ministira Muummee Abiy Ahimad irraa eegaluun, abbummaa buufata doonii kanaa ilaalchisee ibsa adda addaa wal irraa hin cinne kennaniiru.

Ertiraan yeroo walabummaa argatte to'annoo buufata dooniirratti dogoggora raawwatte jechuun ammas dhimmi Galaana Diimaa ka'uu qaba jechuun falmaa jiru.

Ibsi kun fedhiin Itiyoophiyaa itti fayyadamarraa gara abbummaatti, innumaattuu abbummaara darbee gara humna nageenyaa irraa qabaachuutti guddachaa deemuu argaa jirra jedha.

Ibsi Ertiraa kun seerri idil-addunyaa biyyoonni ulaa gaalaanaa hin qabne akka buufata doonii biyyoota ollaarraa akka argatan akka hayyamu yaadachiisuun, kun garuu marii fi waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti taasifamuun hojiirra kan oolu ta'a jedha.

Haata'u malee, mirgoonni kunneen ulaa galaanaa biyya walabaa biraarratti abbummaa qabaachuu ykn dhaabbataan to'achuu akka hin taane ibsa.

"Qajeeltoowwan walabummaa daangaa kabajuu mariif kan dhiyaatu miti," kan jedhe ibsichi, qajeeltoowwan kanneen akka hin taanetti fudhachuufi jallisuuf yaaliin godhamu kamiyyuu kallattiin tokkummaa daangaa cabsuu ta'a jedheera.

Torban muraasa dura Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos Sarbama Ertiraan tokkummaa daangaafi walabummaa Itoophiyaarratti raawwattu jedhan ilaalchisee ejjannoo mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhachuurraa ''of qusachuu'' filateef ''yeroo hunda akka itti hin fufnee fi kan daangaa hin qabne godhamee fudhatamuu akka hin qabaanne'' himanii ture.

Dr Geediyoon, Itoophiyaan ''foxxoquu Ertiraatiin duraafi booda'' sababii ''qabeenyaa buufata Asab irratti baastee olaanaatiin'' dhimmi Asab dhimma ''ijoo mootummaa federaalaatiin'' dursi kennamuuf akka ta'e ibsanii ture.

Ka'umsi wal dhabdee bara dheeraa Eritraafi Itoophiyaa kan wal dhabdee daangaa ykn fedhii ulaa galaanaa irra darbu ta'u ibsuu isaanii haasaa guutuu marsariitii Minisitira Dhimma Alaa Itoophiyaa irratti baheen ibsameera.

Dhimmoota akka ka'umsa walitti bu'insaatti kaafaman keessaa tokko jidduu seentummaa mootummaan Ertiraa dhimmoota keessoo Itoophiyaa irratti raawwatu jedhameera.

''Mootummaan Ertiraa dhimmoota siyaasa keessoo Itoophiyaa irratti ejjannoo qabachuu, yaada dhiyeessuu fi dammaqinaan hirmaachu dabalatee akka waan mirga qabuutti itti dhagahama'' jechuun mormiisaanii akka agarsiiftuutti deeggaraniiru.

Ministirri Dhimma Alaa kun yaadni Ertiraa ilaalchisuun kaasan kan biraa ammoo dhimma ''doktiriinii Isaayaas jechuun'' kaasaniidha. ''Donktiriiniin kunis dhimmi Ertiraan biyya of dandeessee of bulchitu taatee itti fufuu bora'uu nageenya, qooqqoodamuu fi tasgabbii dhabinsa Itoophiyaa irratti akka bu'uureeffatu yaada'' jedhaniiru.

Anga'oonni biyyattii "qaxana kana keessatti qaamolee sadaffaatiif akka damee tokkkootti tajajailuuf fedhii guddaa qabaachuusaanii" eeruun himataniiru Dr. Geediyon.

Haa ta'u malee, Dubbii Himaan ootummaa Ertiraa Obbo Yamaane G/Masqal himannaa Dr Geediyoon mormaniiru.

''Osoo adda hin kutiin'' humnaan ulaa galaanaa walaba tahe argachuu fi 'humna waraanaa Galaana Diimaa irratti ijaaruu qabna' jedhanii dubbii summaa'aa labsuun walabummaa Eertiraaf arrabsoodha'' jechuun Yemaanee G/Masqal fuula X irratti maxxansan.

Itti dabaluun ''himannaan Eertiraa irratti dhiyaatuu fi ''Isaayastu Itoophiyaa jeeqa'' jedhu dhugaa irraa kan fagaatee fi kanaaf sababa tahu miti jedhe.

''Eertiraa biyyi xiqqoon kun waggootaaf biyya guddaa hagana gahu jeequu dandeessi taanaan humna addaa qabdi jechuudha'' kan jedhe Yemaaneen wal dhabdeen naannolee Itoophiyaa keessatti deemaa jiru ''rakkoo bulchiinsa mataa isaanii irraa kan maddedha'' jechuun deebisu.