Himannaa Itoophiyaan tokkummaa daangaa Eertiraan 'cabsite' fi ejjennoo Asab irratti ibsiteef Eertiraan deebii kennite

Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos [bitaa] fi Yemaanee G/Masqal, Ministira Odeeffannoo Eertiraa

Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia/Yemaanee G/mesqel

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos [bitaa] fi Yemaanee G/Masqal, Ministira Odeeffannoo Eertiraa

Itoophiyaan yaada ulaa galaanaa argachuu jedhuun Eertiraa irratti ''waraana labsaa jirti'' jechuun Ministirri Odeeffannoo biyyattii Yemaanee G/Masqal ibsan.

Paartiin Badhaadhinaa waraana Eertiraa irratti labsuu barbaaduuf sababa gahaa qabaachuu isaa ibsaa jira jechuun Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemaanee G/Masqal fuula X irratti maxxanse.

''Osoo adda hin kutiin ''humnaan ulaa galaanaa walaba tahe argachuu fi 'humna waraanaa Galaana Diimaa irratti ijaaruu qabna' jedhanii dubbii summaa'aa labsuun walabummaa Eertiraaf arrabsoodha'' jechuun Yemaanee G/Masqal fuula X irratti maxxansan.

Paartiin Badhaadhinaa waggoota lamaan darbaniif waraana Eertiraa irratti labsuu barbaaduuf yaada uummataa hubachuu fi ''gochaa seera qabeessa of tiksuuf fudhatame'' fakkeessuuf hojjechaa ture jechuun himatan.

'Fooramii Imaammata Alaa' jedhu Yuunvarsiitii Finfinneetti qophaa'e irratti Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos, 'Gochaa Eertiraan yeroo dheeraaf Itoophiyaa nagaa dhowwachuuf hojjettu' jedhu dhiyeessanii ture.

Dr Geediyoon waltajjii ambaasaadaroota dabalatee dippilomaatoota biyyoota gargaaraa irratti hirmaatan kana irratti, dhimmoota yeroo Gaanfa Afriikaa ilaalchiisuun ilaalchaa fi imaammata mootummaa Itoophiyaa dhiyeessaniiru.

Yemaanee G/Masqalis dubbii Dr Geediyoon Ximootiyoos dippilomaatotaaf dhiyeessan kanaaf deebii kennan.

Dr Geediyoon Ximootiyoos fooramicha irratti 'sarbama'' Ertiraan ''tokkummaa daangaafi walabummaa'' Itoophiyaarratti raawwattuu ilaalchisee ejjannoo mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhachuurraa 'of qusachuu'' agarsiisaan ''yeroo hunda akka itti hin fufnee fi kan daangaa hin qabne godhamee fudhatamuu akka hin qabaanne'' himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Geediyoon, Itoophiyaan ''foxxoquu Ertiraatiin duraafi booda'' sababii ''qabeenyaa buufata Asab irratti baastee olaanaatiin'' dhimmi Asab dhimma ''ijoo mootummaa federaalaatiin'' dursi kennamuuf akka ta'e ibsaniiru.

MM Abiy Ahimed dhiyeenya Paarlaamaatti yeroo dubbatani ulaa galaanaa Asab akkamiin dabarfamee akka kenname sanada tokkollee argachuu hin dandeenye jedhanii ture.

Yemaanee G/Masqal maxxansa isaa Sadaasa 15 bara 2025 kanaan Itoophiyaan ''Hulaa Galaanaa Walaba tahe'' argadha jechuun Paartiin Badhaadhinaas seenessa kana irra deddeebiin dubbata'' jedhe.

Itti dabaluun ''himannaan Eertiraa irratti dhiyaatuu fi ''Isaayastu Itoophiyaa jeeqa'' jedhu dhugaa irraa kan fagaatee fi kanaaf sababa tahu miti jedhe.

''Eertiraa biyyi xiqqoon kun waggootaaf biyya guddaa hagana gahu jeequu dandeessi taanaan humna addaa qabdi jechuudha'' kan jedhe Yemaaneen wal dhabdeen naannolee Itoophiyaa keessatti deemaa jiru ''rakkoo bulchiinsa mataa isaanii irraa kan maddedha'' jechuun deebisu.

Hulaa galaanaa Asabii fi waa'ee waraana Itiyoo-Ertiraa ilaalchisee akkamiin akka raawwatame ragaan jiraachuu kan himan Yemaanee G/ Masqal waliigalteewwan raawwataman jedhanis ibsaniiru.

Ministirri Odeeffannoo Eertiraa, Yemaanee G /Masqal, waraanni walabummaa Eertiraa waggoota kurnan sadiif ture kan ka'e Itoophiyaan gama tokkoon Federeeshinii fakkeessaa Eertiraa bulchaa gama biraan ammo maqaa federeeshiniin seera addunyaa ifatti cabsitee Eertiraa waan ofitti dabalteefidha jedhan.

Labsiin Federaalaa yeroo sanaa mataan isaa mirga Eertiraan koloneeffannaa irraa bilisa ta'uu kan hin ifatti sarbuu ture jedhan.

Gocha seeraan alaa jalqabaa keessatti gahee Itoophiyaan qabdu; Eertiraa humnaan ofitti dabaluu fi ajandaa babal'ifannaa osoo addaan hin citiin kaastudha jechuun himatan.

Kun sababa biyyoonni lameen yeroo hedduu walitti bu'aniif keessaa tokko akka tahe ibsan.

Dabalataan Eertiraan sababa wal dhabdee hin barbaachisne gaggeessitoonni Itoophiyaa irraan gahaa turanii fi ammas itti fufanii jiraniif gatii guddaa baasaa turteetti jedhan.

''Waraanni bara 1998-2000 daangaa irratti ka'e sababa bulchaa Itoophiyaa yeroo sanaa maqaa ''walitti bu'insa Baadimmee fi naannaa ishee'' jedhuun ka'e'' kan jedhu ibsi Yemaanee G/Masqal, yeroosis tahe maqaaf kana kaasan malee kaayyoon isaanii Asab qabachuu ture jechuun himatu.

Kaayyoon waraanicha yeroo sanaa ''daangaa irratti wal dhabame'' sana fudhachuu qofa hin turre jedhe.

''Torban jalqaba waraanni eegale yeroo sana Itti Aanaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa kan ture Tekeddaa Alamuu, hawwaasa Itoophiyaa Waashingitanitti walitti qabameef ergaa yeroo dabarsu, 'Asab qabachuun gooroo waraanichaati' jedhee dubbateera'' jedhan.

Waraanni Itoophiyaa Eertiraa gidduutti yeroo sana gaggeeffame lubbuu kumaatamaa galaafateera.

Yemaaneen yeroo waraanni marsaa sadaffaa Baadimeetti jalqabe biyyoota lamaan gidduutti ka'u, Itoophiyaan marii Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaan magaalaa Aljeersitti qophaa'e adda kutte jedhe.

Yeroo sana humni waraanaa Itoophiyaa haleellaa jabaa Asab irratti gaggeessuun miidhaa guddaan dhaqabeera jedhan Yamaanee G/Masqal.

Itoophiyaan Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu sana booda waliigalticha mallatteesite kan jedhan Yemaanee G/Masqal, haleellaan qilleensa irraa akka dhaabbatu pirezidaantii Ameerikaa kan turan Biil Kiliintan gidduu galuun bara 1998 waliigalteen mallattaa'e jedhan.

Waliigalteen Teeknikaa jechuun Waliigalteen Aljeersi mallattaa'e karaa Itoophiyaa cabe jechuun waan yeroo sana ture himatu.

Kun hammam dhugaa akka tahe gama Itoophiyaan ibsamuu baatus Itoophiyaan waliigaltee Aljeersi akka kabajjuu fi Eertiraan hanga ammaattiyyuu daangaa ishee akka sarbaa jirtu himatti.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa waa'ee Eertiraa maal jedhan?

Dhimmoota akka ka'umsa wal dhabdee biyyoota lamaan gidduu Dr Geediyooniin kaafaman keessaa tokko jidduu seentummaa mootummaan Ertiraa dhimmoota keessoo Itoophiyaa irratti raawwatu jedhan.

''Mootummaan Ertiraa dhimmoota siyaasa keessoo Itoophiyaa irratti ejjannoo qabachuu, yaada dhiyeessuu fi dammaqinaan hirmaachu dabalatee akka waan mirga qabuutti itti dhagahama'' jechuun mormiisaanii akka agarsiiftuutti deegaraniiru.

Kana malees, hoggansi mootummaa Ertiraa ''humnoota Itoophiyaarratti dubbii barbaadan hunda ofiisaa akka meeshaatti dhiyeessuuf fedhii'' akka qabu kaasuun himtaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa kun yaadni Ertiraa ilaalchisuun kaasan kan biraa ammoo dhimma ''doktiriinii Isaayaas jechuun'' kaasaniidha. ''Donktiriiniin kunis dhimmi Ertiraan biyya of dandeessee of bulchitu taatee itti fufuu bora'uu nageenya, qooqqoodamuu fi tasgabbii dhabinsa Itoophiyaa irratti akka bu'uureeffatu yaada'' jedhaniiru.

Ministirichi Ertiraan ''tokkummaa daangaafi walabummaa daangaa irratti sarbamaafi dubbii barbaacha olaanaa'' raawwqchuushee hirmattotatti himaniiru.

''Yeroo ammaatti loltoonni Ertiraa kutaalee bulchiinsoota naannoo kaaba Itoophiyaa hedduu to'atanii argamu'' kan jedhan Ministirri Dhimma Alaa kun, eddoowwan kunneen ''gutuummaa guutuun kan bulchiinsa daangaa Itoophiyaa keessatti argaman'' ta'uu ibsaniiru.

Ejannoon tarkaanfii deebii kennuurraa of qusachuu kun, ''yeroo hunda kan itti fufuufi daangaa maleessa godhamee fudhatamuu akka hin qabaanne'' akeekkachiisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa imaammata isaa kaanan kan itti fufu ''hanga danda'u qofaaf'' ta'uu kaasaniiru.

''Dubbii barbaachiifi lola kaasuun Ertiraa kana caalaa obsuu rakkiisaa taasisaa jira'' jedhan.

Ministirri Dhiima Alaa kun kaleessa waltajiicharratti waa'ee fedhii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabduus akka kaasan odeeffannoon waajjira isaanii irraa argame ni agarsiisa.

Dr Geediyoon, ulaa galaan argachuun ''Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu'' ta'uusaa, akkasumas ummanni biyyattii ''miiliyoona 130 ol ta'uuf galaana walitti fufiinsaa fi nageenyisaa mirkanaa'e akka barbaachisu'' kaasuudhaan, yaada kanaan dura mootummaa isaaniitiin ka'ee ture irra deebiin calaqisiisaniiru.

Kana malees, Dr Geediyoon buufanni Asab ''dhimma ijoo mootummaan Itoophiyaa dursa kennuuf'' ta'uu dubbachusaanii yaada cunfaa waltajiichaa kan qopheesse 'Horn Review' marsariitii isaarratti baaseen ibsameera.

Mootummaan ejjannoo kana kan qabate buufata Asab ilaalchisee dogongorawwan ''seeraafi seenaa'' raawwataman ''sirreessuun'' fedhii qaburraa qofaa kan madde akka hin taane kaasaniiru.

Itoophiyaan ''foxxoquu Ertiraatiin duraafi boodas buufaticha irratti qabeenyaa olaanaa baasunshee ''buufata Asab dhimma ''dursi kennamuuf'' ta'uuf sababa akka ta'e ibsaniiru jedhameera.

Itoophiyaan haala ''diinagdee dirqiisiisaa, dhugaawwan dimogiraafii fi haalawwan seenaatiin'' kan ka'e, fedhiin ulaa galaanaa mootummaan kaasu ''haqa qabeessa, kan sababaafi fudhatama qabu'' akka ta'e kaasaniiru.

Dr Geediyoon ''muddamni'' Itoophiyaa fi Ertiraa jidduu jiru furamu kan danda'u ''tokkummaa dinagdee qaxanaa'' biyyoota lamaan jidduutti uumuudhaan ejjannoo jedhu ibsa isaaniitiin kaasaniiru.

Yemaanee G/Masqal dhimma dinagdee biyya isaanii fi Itoophiyaa yoo kaasan waggoota 30 oliif deeggarsa biliyoonotaan IMF irraa arachaa turtee fi ammas lakkoofsa uummata biyyattii deeggarsa hatattamaa barbaadan kaasuun dubbicha busheessan.

Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf kutannoo akka qabdu ibsiti. Eertiraa fi Masiriin michummaan isaanii jabaachaa kan deeme yoo tahu bulchiinsa hulaa galaanaa ilaalchisee biyyoonni karra galaanaa hin qabne isaan hin ilaallatu jechuun waliigalaniiru.

Kun Itoophiyaa hulaa galaanaa argachuu irraa dhiibuuf.