Itoophiyaa waan sadiitu ishee barbaachisa: Nagaa, misoomaafi ulaa galaanaa - Fiild Maarshal Birahaanuu Juulaa

Fiild Maarshaal Biraanuu Jullaa

Madda suuraa, FHumna Ittisaa Biyyaauula Miidiyaa Hawaasaa

Itoophiyaa waan sadiitu ishee barbaachisa: Tokkoffaan nagaa, lamaffaa misooma, sadaffaan ammoo ulaa galaanaati jedhan Itaamaajor Shuumiin Humna Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa.

"Itoophiyaan karri itti cufamuun isheef hin malu. Ummanni keenya amma miliyoona 130 ta'a. Waggoota 25 itti aananitti ammoo miliyoona 200 guuta. Faayidaa ummata miliyoona lamaatiif akkamitti faayidaan ummata miliyoona 200 cufama? Kun waan hin malledha [fair miti]; seera idil-addunyaas miti; loojikiis miti; baayyee kan nama qaanessudha.

Waggaa soddomaaf rafneerra; amma dammaqneerra; gaaffii keenya itti fufna; nagaas, misoomas, ulaa galaans ni milkeessina," jedhan Fiild Maarshal Birahaanuu haasaa kabaja hundeeffama Humna Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waggaa 118 irratti taasisaniin.

Diinonni keenya waggaa 60 hanga 70 ulaa galaanaa keessaa akka baanu hojjechaa turan ammas itti fufanii hojjechaa jiru kan jedhan qondaalli olaanaa kun, "nuti, ijoolleen keenya faayidaan ulaa galaanaa warri isaaniif hin galle dogongoranii isaan tumsaniiru ta'uu danda'a.

Haata'u malee, abbaan ajandaa adda duree Itoophiyaa ulaa galaanaa akka hin qabaanne gochuu garuu seenaadhumaan warra diina keenya ta'edha. Kanaaf, Humna ittisaa keenya ni jabeessina, misooma keenya ni saffisiisna, ulaa galaanaas ni arganna," jechuu isaanii miidiyaalee biyya keessaatu gabaase.

Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa haasaa isaanii tibbanaa kanaan diinotaa warra jedhan maqaa dha'uu baatanis dubbii kanaan dura dubbatan keessatti garuu Masriin ''durii qabee diina Itoophiyaati'' jechuun waaman.

Masriin diina ganamaa Itoophiyaa seenaa keenya guutuu keessatti nuun dadhabsiisuun hojii hunda kan hojjetan isaanidha kan jedhan Fiild Maarshaal Birahaanuun, ''Ertiraa kan fottoqsan, galaanarraa akka fagaannu kan godhan isaanidha,'' jechuun TPLF dabalatee humnoota siyaasaa Itoophiyaa kaan 'kan uuman' isaanidha jedhanii ture.

Qondaalli waraanaa olaanaa biraa dhimma ulaa galaanaa kaasan ajajaa olaanaa Iizii 6ffaa Meejer Jeneraal Birhaanuu Xilaahun eebba loltoota 'maaragaa' Xollaayitti eebbifamanirratti argamuun, "Galaanni Diimaa qabeenya keenya ta'uu beektanii abbummaa ulaa galaanaa biyya keenyaa milkeessuuf kan qophooftan isin gootummaafi onnee abbootiifi akaakileen keenyaa hojjetan agarsiisuu qabdu," jechuun hubachiisaniiru.

Qondaalonni waraanaa olaanoo Itoophiyaa dhimma ulaa galaanaa yeroo kaasan kun kan jalqabaa miti.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itiyoophiyaaf buufata galaanaa argachuun dhimma jiraachufi jiraachuu dhabuu akka ta'e erga dubbatanii as, qondaalota waraanaa dabalatee namoonni siyaasaa irra deeddeebiin yeroo kaasan ni dhaga'ama.

Meejer Jeneraal Tashoomee Gammachuu,

Madda suuraa, Screenshoot Praayim Meediaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan dura Ministeera Ittisaa Itoophiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Hariiroo Halaafi Tumsa Loltummaa Meejer Jeneraal Tashoomee Gammachuu, sababoota amansiisoo afur Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gaafattuuf dubbatanii ture.

Sababoota kanneen keessaa tokko hariiroo seenaa Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu ta'uu kan kaasan jeneraalli kun, "walitti hidhamnsa seenaa qabna gaafa jennu Galaanni kun nu waliin ture. Galaanni diimaa Asab ture. Asab ammoo akkuma beektan kan ofiin of bulchu tre," jedhan.

Meejer Jeneraal Tashoomee Gammachuu itti dabaluun seenaa qofa osoo hin taane seerri idil-addunyaas nu deeggara jechuun fageenya Itoophiyaan Galaana Diimaarraa qabdu xiqqaa ta'uu akka ragaatti eeraniiru.

Jeneraalli kun Itoophiyaan Galaana Diimaatti dhiyoorratti waan argamtuuf seerri idil-addunyaallee akka ishee deeggaru ibsaniiru.

Kan MM Abiy dhimmi ulaa galaanaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jedhanis irra deebiyuun, "haala amma jiruun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'eera" jechuun dabaluun dubbatan.

"Ittiin of jajuuf osoo hin taane, ulaa galaanaa qabna jennee hawwuuf osoo hin taane amma dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'eera. ... Dhimmi jiraachuufi jiraachu dhabuu ammoo fedhii biyyaalessaa gatii kamiyyu itti kaffaltudha," jechuun kana milkeessuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa karaa dippilomaasiitiin yaalii gochaa jiraachuu ibsaniiru.

Jeneraal Tashoomee Gammachuu haasaa taasisan kanaan sadaffaarratti kan kaasan yaaddoowan Itoophiyaan qabdudha.

"Yaaddoowwan keenya itti dhiyeenyaan qolachuuf ulaan galaanaa kun ni barbaachisa," kan jedhan Meejer Jeneraal Tashoomeen, "yaaddoo gaafa jedhamu kan galaanarraa dhukaafamu, furguggaasifamu, fageenya dheeraa deemuu kanneen danda'an magaalota keenya, magaalaa guddoo keenya kan yaaddessan" ta'uu kaasuun kana dura dhaabatanii qolachuuf ammoo ulaan galaanaa barbaachisaa ta'uu eeran.

Ittoophiyaan Afrikaatti biyya guddoo garuu ulaa galaanaa hin qabne kan taate waggaa 30 dura yeroo Ertiraan walaboomtettidha.

Ergasii as biyyittiin daldala alaa galchituufi alatti ergituuf buufata doonii Jibuutii biyya ollaa xiqqoo taate fayyadamaa turte.

Ertiraan yeroo walabummaa argatte daandiirra deemte kaasuun jeneraalichi, mootummaan ce'umsaa yeroo sanaa buufata galaanaa kana dabarsee kennuuf aangoo seeraa akka hin qabne dubbataniiru.

"Mootummaan ce'umsaa ummataan hin filatamne buufata galaanaa dabarse ekennuuf aangoo hin qabu."