Dubartiin arraba nama miidhaa saalqunnamtii irraan gahe ciniinte waggaa 61 booda bilisa baate

Madda suuraa, News1
Dubartiin Kooriyaa Kibbaa tokko arraba nama miidhaa saalqunnamtii irratti raawwatte ciniinuu isheetiin murtii waggoota dheeraan itti murtaa'e ture irra deebi'ee erga ilaalee booda bilisa baate.
Dubartiin maqaanshee Cho'i Maal-ja jedhamtu kun umuriinshee yeroo waggaa 18 turteedha kan miidhaa qaamaa cimaa qaqabsiisuun baatii 18'f hidhamte.
Namni isheerratti miidhaa qaqabsiisee kan umuriinsaa waggaa 21 ture, murtiin salphaan ji'a jahaatu itti murtaa'e.
Maqaashee qulqulleessuuf waggoota dheeraaf duulli erga godhameen booda, ji'a Adooleessaa keessa magaalaa kibbaa Busaan keessatti irra deebiin dhaddachi dhimmashee ilaaluu jalqabame.
Dhaddacha jalqabaarratti abbootiin alangaa dhiifamashee gaafachuun, tarkaanfii hin baratamneen manni murtiis murtee kana akka haqu gaafataniiru.
"Dhimmi kun deebii malee akka hafu dhiisuu hin dandeenye... Miidhaamtoota biroo hiree koo waliin wal fakkaatu qabaniif dhaabbachuun [barbadhe]," jedhan Aadde Cho'ii erga bilisa ta'anii booda.
Yeroo sanatti dargaggeettii kan turte dubartiin kun taatee sun "miidhamtuu irraa gara himatamtuutti geeddaruun" hiree ishee jijjiire.
"Namoonni naannookoo jiran akka hanqaaquu dhagaarratti darbachuutti akka ta'u na akeekkachiisan, garuu dhimma kana gadhiisuu hin dandeenye," jetti Aadde Cho'ii, kan amma umuriinshee waggaa 78 ta'e.
Cho'ii deeggartootashee galateeffatteetti, namoota aangoorra jiran, "aangoo isaaniitti fayyadamanii dadhabbiisaanii dhoksuufi seera dabsan" jette ibsite.
Dhimmishee kitaabota barnootaa seeraa Kooriyaa Kibbaa keessatti manni murtii miidhaa saalaa yeroo ofirraa ittisuuf beekamtii kennuu dadhabuu isaatif akka fakkeenya kaa'ameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka galmee mana murtii agarsiisutti, namni haleellaa irratti raawwate sun Aadde Cho'ii magaalaa kibbaa Gimhae keessatti lafatti maxxansee ture. Isheenis erga arraba isaa gara cm1.5 (0.59in) ciniintee booda qofa harkaa bahuu dandeesse.
Namtichis irra deddeebiin miidhaa irra gaheef beenyaa kan gaafate yoo ta'u, yeroo ta'e sirummayyuu haaduu qabate mana Aaddee Choo'ii seenee akka ture miidiyaaleen Kooriyaa Kibbaa gabaasaniiru.
Murtee Kooriyaa Kibbaa dhimma miidhaa saalquunnamtii falmiisiisaa keessaa tokko kanaan nama kanarratti doorsiisuufi daangaa darbuudhaaf hidhaa baatii jahaatu itti murtaa'e. Dirqiidhaan gudeeddii raawwachuuf yaaluudhaan garuu gonkumaa hin himatamne.
Dubartiittiin garuu miidhaa qaamaa irraan geesseef murtee baayyee cimaan irratti murtaa'e. Yeroo sanattis manni murtii gochaan ishee kan ''daangaa of ittiisuu bira darbeedha'' jedhe.
Isheenis wayita qorannoo kanaatti ji'a jahaaf kan hidhamte yoo ta'u, boodarra murtiin ji'a kudhaniif addaan cituu itti murtaa'eera.

Madda suuraa, News 1
Bara 2018 keessa sochii #MeToo addunyaa kan Kooriyaa Kibbaattis babal'ate irraa kaka'umsa argachuun Aadde Cho'ii osoo dhimmishee irra deebiin akka ilaalamuuf hin iyyatiin dura, gareewwan abukaatoo dubbiisuun gara waggaa lamaa ragaa walitti qabuudhaan dabarsite.
Manneen murtii gadii iyyatashee kana ofirraa ittisuuf ragaan isheen dhiheessite deeggaru hin jiru jechuun kuffisaniiru.
Aadde Cho'ii itti fuftee qabsaa'uun, miidhamtoonni jeequmsa saalaa biroo waan isheen hojjette keessa darban arguu akka hin barbaanne dubbatteetti. ''[Isaan] dhukkubbii kana kophaa isaanii baachuu hin qaban,'' jechuun gaaffiifi deebii kanaan dura The Korea Herald waliin taasifteen dubbatteetti.
Dhumarratti, Muddee 2024tti Manni Murtii Olaanaa iyyata isheen dhimmichi irra deebi'ee akka banamu isheef kenneera.
Guyyaa Roobii mana murtichaa alatti Aadde Cho'ii fi deeggartoonnishee hundisaanii gammadaa kan turan yoo ta'u, gariin isaanii barruulee "Choi Mal-ja godhe!" fi "Choi Mal-ja milkaa'e" jedhu qabatanii jiru.
Gareewwan duula Aadde Cho'ii deeggaran keessaa tokko kan ta'e Sararri 'Hotline' Dubartoota Kooriyaa, murtiin gaafa darbe kenname miidhamtoota jeequmsa saalaaf karaa haqaa ni saaqa jedhee amanu.
"Gara fuulduratti, tarkaanfiin ittisa dubartootaa akka seera qabeessaatti ni hubatama. Dubartoonni muraasni gidiraa haqa hin qabne ni mudatu jechuu ta'a jedheen eega," jetti garee kana kan hoogganu Song Ran-hee.
"Yoo xiqqaate miidhamtootaaf ergaan dabarsa. Adeemsi isin amma keessa jirtan kan dhukkubbii qabuu fi haqa kan hin qabne yoo ta'elleen: 'Sagaleen keessan gatii qaba. Dubbadhaa," jedhan Aaddee Song BBC'tti yoo himtetti.
Yoo xiqqaate Kooriyaa Kibbaatti dubartoonni arraba nama saalqunnamtii irratti raawwatan ciniinan lamatu jira. Innis, tokko bara 1988tti magaalaa Andong keessatti, kan biraan ammoo bara 2020tti Busan keessatti.
Taatee lamaaniinuu manneen murtii waan dubartoonni raawwatan akka gochaa of ittisuu seera qabeessa ta'etti beekamtii kennuudhaan isaaniif murteessan.












