Haadha intalashee osoo qayyabachiiftuu waliin barnoota dooktarummaa egalte

Haadhaafi intala dabaree wallaansa fayyaa baratan

Madda suuraa, Family handout

Ibsa waa'ee suuraa, Samyuktha fi haati ishee Amuthavalli bu'aa ba'iin booda sadarkaa irra gahaniin waliin boonan

"Haatikoo akkan doktora ta'u barbaadde. Intallikoo abjuu sana akkan dhugoomsu na gargaarte," jetti haati boontuu Amutaavaalii Maanivaanaan.

Yeroo baayyee kan dhagahamu yoo haatii ijoolleeshee gargaartee barsiiftuudha.

Seenaan amma dhageenyee kun ammoo haadhatuu deeggarsa intala isheetiin qormaata darbuun barnoota doktarummaaf intalashee waliin eegalte.

Amutaavaalii magaalaa xiqqoo kibba Hindii kan bulchiinsa Taamiil Naaduu irraa kan dhufte yoo ta'u, umuriishee guutuu rakkoolee hedduu keessa dabarte.

Isheenis garee gosa hawaasaan loogeeffamuu Daaliit jedhamuun beekamu keessaa kan dhufte yoo taatuu, daa'imummaa ishee irraa kaasee dhukkuba pooliyootiin qabamteetti. Abbaan ishee yeroosheen mucaa waggaa kudha tokkoo jirtu jalaa du'an.

Amutaavaalii ijoollummaa isheetii kaaftee doktora ta'uu hawwaa turte. Garuu sababii qormaata xumuraatii qabxii gahaa argachuu hin dandeenyeef, fiiziyooteraapii barachuuf seente.

Bara darbe intalashee (mucaashee tokkittii) Saamyuktaa qormaata seensa mana barumsaa fayyaaf akka qophooftuuf gargaaruu eegalte, sana booda ofiisheetiinis akka itti fuftu murteessite.

Hawwiin isheen duraan qabdu cimtee akka hojjettu kan ishee kakaase yoo ta'u, ciminni ishee kunis bu'aa buuseera.

Amutaavaaliin intalashee waliin qormaata kana kan darban yoo ta'u, amma lamaan isaaniiyyuu barnoota isaanii wallaansa fayyaa jalqabuuf jiru.

"Ji'oota jahan darbaniif cimee itti qophaa'eera. Kolleejjii fayyaa mootummaa keessatti bakka argachuun na ajaa'ibeera," jetti haati umuriin ganna 49 kun.

Dorgommii cimaa

Saamyuktaa manatsarii kaawwattee

Madda suuraa, Samyuktha

Ibsa waa'ee suuraa, Saamyuktaan doktara ta'udhaaf qormaata seensaa biyyaaleessaatiif waggaa tokkoof qophoofte

Kolleejjii fayyaa Hindii seenuun dorgommii olaanaa qaba.

Guutummaa biyyattiitti barattoonni gara miliyoona 2.4 ta'an koorsii MBBS kan dorgomtoonni kaadhimamtoota doktora wallaansa fayyaa namaa ta'uuf ulaagaa guutan gara kuma 120 ta'an argachuuf irratti dorgomu.

Bakkeewwan kunneen keessaa gara walakkaan qofti dhaabbilee mootummaan geggeeffamuufi kanfaltiin isaas gadaana ta'eetti kan ramadaman

Saamyuktaa akkuma barattoota hedduu barnoota erga xumurteen booda qormaata biyyaalessaaf qophaa'uuf waggaa tokko dabarsiteetti.

"Yeroo baayyee deebii ishee sirrii ta'uu ilaaluuf na gaafatti turte. Akka tasaa, anillee yaaluun akkan qabu natti dhaga'ame," jechuun Amutaavaaliin 'BBC News Tamil'tti himtee jirti.

Yeroo qormaataa

Amuthavaalii (gara mirgaa) xiqqoo fiiziksiin cimaa ta'uu dubbattuuleen baayooloojiitti gammaduu himti
Ibsa waa'ee suuraa, Amuthavaalii (gara mirgaa) xiqqoo fiiziksiin cimaa ta'uu dubbattuuleen baayooloojiitti gammaduu himti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amutaavaalii erga mana barnootaatii baatee waggoota 30 oliin durawaan ta'eef yeroos sirna barnootaa baayyee adda ta'e barate.

"Fiiziksiin baay'ee ulfaataa ta'ee natti mul'ate. Hima walqixaa (equations) fi foormulaa baay'eetu ture. Waan baay'ee hubachuu hin dandeenye."

"Baayooloojiin akka gaariitti hojjechuu danda'eera," jetti miira boqonnaa argatte keessa ta'un.

Dorgomtoonni qormaata seensa wallaansa fayyaa fudhatan gaaffilee filannoo dachaa deebisuu qabu, haata'u malee deebii dogoggoraa yoo kennan ammoo qabxii adabamu.

"Gaaffii hundaaf deebii afur kan walfakkaatu qaba. Intallikoo mala deebii sirrii filachuuf gargaaru natti agarsiifte."

Intalli Amutaavaalii, haatishee gaaffilee hundaaf deebii kennuudhaaf daftee akka hojjettu, akkasumas tilmaama irratti qabxii dhabuudhaaf akka hin saaxilamne gorsuu ishee ni yaadatti.

"Akka idileetti yeroo hunda akkuman dareedhaa gara manakootti deebi'een haati koo gaaffii shan akkan ishee gaafadhu na taasisa turte. Yeroo baayyee, deebii sadii dogoggoraan argatti turte. Kun na aarsa ture," jetti shamarreen umuriin ganna 18 Saamyuktaan.

"Haatikoo baayoloojii ni jaallatti turte, garuu fiiziksii fi keemistirii irratti baay'ee rakkatte. Osoo xiqqoo hojjettee qabxii muraasa dabalataa argachuu dandeessi turte," jechuun Saamyuktaan.

Saamyuktaan akka jettutti, haadha ishee qayyabachiisuun ofii isheetii akka gaariitti akka barattu ishee gargaareera.

Caba onnee ganamaa

Barattoonni barsiisaa isaanii maddiitti walitti qabamuun yoo kompitara irratti ibsuuf dhaggeeffataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wallaansi Indiyatti dirree dorgommii baayyee dorgommiin itti baayyatuudha

Doktooronni Hinditti sadarkaa hawaasummaa olaanaa fi kabaja guddaa qabu.

Haadhaafi intalli boonaa jiran kunneenis hiriyootaa fi firoottan isaanii irraa ergaa baga gammaddanii isaan qaqabaa jira.

Amuthaavaalii BBC waliin yeroo haasoofteetti, bu'aa ba'ii jireenyaa bara dheeraa ishee irratti yaada kenniti.

"Bara 1994tti yeroon barnoota koo yeroon xumureetti doktora ta'uu barbaadeen ture," jechuun jalqabdi.

Erga fudhatama dhabdeen booda mufannaa fi rifaatuu ishee ifatti ibsiti.

"Adeemsa galmee wallaansa fayyaa haadhakoo waliin keessa darbe. Qabxiin koo kolleejjii yaalaa seenuuf gahaa waan hin turreef fiiziyooteraapiittan ramadame," jechuun itti fufti.

"Haadhakoo amanuu hin dandeenye. Haamleen ishee waan miidhameef jajjabina dhabdee boo'uu eegalte."

"Fiiziyooteraapiin gosa hojii wallaansa fayyaa ta'uu fi ammallee dhukkubsattoota akkan tajaajilun itti hime."

Yeroo sanatti, maatiin kanfaltii galmeetillee, bara 1994tti gara doolaara 200 kan ture, kanfaluun baayyee itti cime.

Haatii Amutaavaalii mana barnootaa darkaa tokkooffaatti barsiiftuu fi ijoollee ishee afur guddiisuuf baayyee rakkataa turte.

''Amma kunoo naa mirkaa'era, garuu milkaa'ina kiyya kana arguudhaaf haatiikoo lubbuun hin jirtu'' jechuun miira keessa taatee ibsite.

Kooleejiiwan garaa garaa

Suuraa maatii

Madda suuraa, Samyuktha

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan warraa Atutaavaalii, Maanivaanaan barnoota haadha warraa fi intalasaanii deeggaruuf hijii mana keessaa baayyeessaa hojjata

Abbaan warraa Amutaavaalii Maanivaanaan haadha warraa fi intala isaatiin ni boona.

"Hospitaala keessa hojjettulleen yeroo hunda doktora ta'uu dhabuu isheetiin xiqqoo gaddi itti dhagahamaa turte. Haata'u malee, deeggarsa intala keenyaa irraa kan ka'e kana galmaan gahuu dandeessee jirti," jedha ogeessi seeraa Maanivaanaan.

Amutaavaalii kutaa biyyaa ishee keessatti kolleejjii fayyaa mootummaan geggeeffamu keessatti rammaddii argatteetti.

Jireenyashee guutuu hospitaalotaa fi hakiimota waliin waan hojjetteef, hiriyyoota dareeshee baay'ee umuuriin xiqqaa ta'an cinaa teessee wayita jirtuullee akka omaa itti hin dhaga'amne yaaddi.

"Namni hundinuu umurii intalakoo kan ta'aniidha. Ani baay'ee haalaa gaarii ta'een isaanitti madaquu nan danda'a."

Saamyuktaan ammallee ganaa hin ramadamne, garuu kolleejjii haatiishee itti barattuu waliin deemuuf fedhii hin qabdu.

"Daree tokko keessatti waliin barachuuf rakkoo tokkollee hin qabu" jetti.

"Garuu osoon kolleejjii biraatti ramadamee caalaatti gaarii fi bilisa ta'uu nan danda'a."