Waa'ee viidiyoo osoo miseensi humna nageenyaa dubartii reebu mul'isuu waan beeknu

Madda suuraa, Social media/ screenshot
Viidiyoon wayita miseensi farra riphee lolaa Oromiyaa tokko dubartii lafatti kufte irra deddeebiin reebu agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti bal'inaan qoodamaa ture.
Miseensi farra riphee lolaa Oromiyaa Konistaabil Daani'el Tafarraa jedhamu dubartii tokko lafatti erga kufte booda irra deddeebiin wayita reebu agarsiisa ture viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qoodame.
Viidiyoo kana keessatti miseensichi uffata dambii uffatan kun yeroo "ka'i... ka'i" jechuun dubartii kana dhaanu, miidhamtuunis "wayyoo... wayyoo" jechuun yeroo boossu dhagahama.
Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa taatee kana ilaalchisee yaadawwan garagaraa kan kennan yemmuu ta'u, BBC'n dhimma kana ilaalchisee yaada Abbaa Alangaa Magaalaa Beddellee gaafateera.
Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Beddellee kan ta'an Obbo Birhaanuu Baqqalaa, taateen kun ALI gaafa Qaammee 1 bara 2017 waaree booda naannoo sa'aatii 9-10 gidduutti magaalaa Beddellee keessatti raawwatamuusaa himaniiru.
Isaanis waa'ee taatee kanaa erga dhagahaniin booda dhimmicha gara seeraatti fidan malee miidhamtuun iyyattee akka hin taane dubbatan.
"Jarri kunneenis abbaa manaafi haadha manaa yemmuu ta'an waliin jiraatu, ijoollee sadi waliin qabu" kan jedhan Abbaan Alangaa kun, "taateen kunis kan dhimma siyaasaa walin walqabatu miti" jedhan.
Miidhamtuun maal jette?
Taateen kun erga raawwatamee booda shakkamaan to'annaa jala ooluufi yaada miidhamtuu fudhachuu kan himan Abbaan Alangaa, ka'umsi taatee kanaas waldhabdee dhuunfaa haadha warraa fi abbaa warraa gidduutti uumame ta'uu dubatan.
"Jalqaba gabaa waliin dhaqanii deebi'an. Wanna gabaadhaa bitatan bitatanii isheen mana baaburaa keewwattee gara manaa galan," jechuun haalaa ture ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti aansunis miidhamtuun meeshaa mana baaburaa keesse fudhachuuf bahuusheefi abbaan warraas ni "turte" jechuun reebicha akka irratti raawwate jecha kennuushee himan abbaan alangaa kun.
"Maalif turte jechuudhaan afaan keessa walbaane. Durumaanuu darbee darbee walitti buuna. Kanuma irraa ka'ee na rukkute' yaada jedhu nuuf kaaste" jedhan Abbaa Alangaa Birhaanuu Baqqalaa.
Haala miidhamtuun irratti argamtu kan gaafanne Abbaan Alangaa, "miidhamtuun fayyaadha. Kaleessa iyyuu Waajjira poolisiitti waamnee ture. Nagaadha, miidhaan irra gahes salphaadha" jechuun haala miidhamtuun irratti argamti jedhan kan ibsan.
Shakkamaan miidhamtuu haadha warraasaa taate saqqiidhaan reebuu kan himan Abbaan Alangaa, qaamnishee dhiita'uu yookiin dirmammaa'uusaa akka ishee gaafatan fi 'lakki nagaadha' jechuun akka isaaniif deebiste himaniiru.
Miseensi farra riphee lolaa kunis haadha warraasaa reebuu kan amanan yoo ta'u, waan raawwataniitti gaabbuu dubbatan Abbaan Alangaa kun.
"Seerri miidhaa qaqqabe giddugaleessa godhata"
"Yakkoonni dubartootaafi daa'imman irratti raawwataman haala addaatiin xiyyeeffannoodhaan kan ilaalamanidha" kan jedhan Abbaan Alangaa kun, taatee magaalaa isaanii keessatti uumamee fi miidiyaa hawaasaarratti bal'inaan qoodame kana akkaataa seerri jedhuun akka hordofan himaniiru.
"Namni abbaa warraa fi haadha warraa ta'e yookiin namni biraas wal reebuu danda'a. Seerri garuu miidhaa qaqqabe giddugaleessa gochuudhaan kan ilaalamu ta'a" jedhan yoo adeemsa seeraa ta'u malu ibsan.
Haaluma kanaan tarkaanfiin itti aanu miidhaa qaamaa salphaa, miidhaa qaamaa cimaa akkasumas harka darbuu kan jedhu adda baasuun kan raawwatamu ta'uu dubbatan oggeessi seeraa kun.
Dhimmicha ilaalchisee ragaan namaa fi ragaan mana yaalaa akka ilaalamu himuunis, "Miidhamtuudhaan 'mana yaalaa dhaqii yaalam' jennee itti himneerra" jedhan.
Yakkoonni dubartoota, daa'immanii fi qaama miidhamtoota irratti raawwataman xiyyeeffannoon addaa akka itti kennamu kan himan Abbaa Alangaa Birhaanuun, "yakki raawwatamee yeroo gabaabaa keessatti seeratti dhiyaatee murtii akka argatu taasifama" jedhan.
Dhumarrattis "dhimmichi ilaalamaa jira, akkuma seerri jedhutti ilaallee murtoo seeraa kan argatu ta'a" jedhaniiru.












