Namichi gargaarsaaf Poolisitti bilbilate poolisiima birmateefiin ajjeefame

Ameerikaa Laas Veegaasitti Namni ganna 43 nama halkan manasaa keessa seene ofirraa ittisaa osoo jiruu gargaarsaaf 911 bilbilee poolisiima waammateen rukutamee lubbuun isaa darbe.
Maatiin nama ajjeefamee qondaalli poolisii gocha kana raawwate hojiirraa hari'amee yakka kanaaf akka itti gaafatamu gaafatan.
Abukaatoon poolisichaa garuu yakki qondaalli kun raawwate hin jiru jechuun falmaa jira.
Namni Birandon Durham jedhamu halkan keessa namootni lama alaa dhukaasa banuun manasaa cabsanii seenuuf yaalaa akka jiraniifi deeggarsi poolisii akka isa barbaachisu beeksisuuf gara 911 kan bilbilate ture
Kutaan Poolisii Magaalaa Laas Veegaasis, qondaaltota poolisii dhimma kanaaf furmaata hatatamaa kennan ramaduun gara nannawaa sanaa deeman.
Qondaaltonni kunneen waayita nannawaa sana ga'anis konkolaattota foddaan isaanii cabee alaa argan. Mana keessa ammoo sagalee wacaatu dhaga'ama.
Poolisoota kannnen keessaa namni ganna 26 Baakmaan jedhamu balbala fuulduraa cabsuun rasaasa nyaachifatee manicha keessa seenuun sakatta'uu eegale.
Akka Viidiyoon kaameraa poolisichatti hidhamee ture agarsiisutti, wayita maqa tokkorra ga'u namoota lama dubartiin waa matatti maratteefi dhiirri qullaan tokko Albee/Haaduu wal harakatti qaban arguun akka gatan itti iyye.
Itti dhukaasuun sekondii muraasa dura "Ablee kana gati, Ablee kana gadhiisi", jedhaa ture.
Dhukaasa poolisicharraa irra deddeebiin obbo Durhamirratti banameenis battaluma bakka taateen kun itti raawwatametti ajjeefame.
Dubartittiin ganna 31 Alejandira Bowudirox nama ajjeefame kana waliin albee wal harkatti qabaa turte to'annoo jala ooltee yakka afuriin himatamtetti.
Yakkoota kanneen keessaa meeshaa waraanaa ajjeesaa ta'een mana namaa weeraruufaa dabalataa.
Maatii namicha ajjeefamee kan taate intala isaa ganna 15 wayita sana kutaa tokko keessatti dhokattee turte qondaalli kun akka hojiirraa ari'amu gaafattetti.
"Poolisiichi erga Abbaa koo ajjeeseellee akka itti gadi bu'u akkataan itti himellee heddu jibbisiisaa ture. Poolisiin magaalaa kun umurii koo guutuu abbaa malee akkan jiraadhu na taasiseera; kun waan jibbisiisadha" jechuun miidiyaalee biyya keessaatti himteetti.
Abukaatoon maatii kanaas miseensa poolisii kanatti (Mr. Bookman) ajajni hidhaa hatattamaa akka kennamu gaafateera.

Gorsaan waliigalaa Waldaa Eegumsa Poolisii Laas Veegaas Deeviid Roojars ibsa CNN'f kenneen, ''dhimma siviilii irraa haala adda ta'een, ajjeechaan nama dhuunfaa dhimmoota yakkaa ittisuu irratti raawwataman ragaa qabatamaa barbaada'' jedhan.
"Duuti Durham kan nama gaddisiisu ta'ullee, Poolisichi hojiisaa hojjechaa waan tureef ta'e jedhee yakka raawwachuuf hin yaadne,”jechuun hime
Gabaasa poolisii wabeeffachuun miidiyaaleen oduu biyya keessaa akka jedhanitti, Obbo Durhaam fi Aadde Bowudrux kanaan dura hariiroo jaalalaa keessa turan.
Dhukaasni naannawa sanatti dhukaafamaa ture jedhamee gabaafames poolisiin ragaaa hin arganne.












