Dargaggoonni maqaa WBO'n daa'ima butanii birrii mil. tokko gaafatan adabaman

Madda suuraa, Getty Images
Daa’imni ganna torbaa Godina Shawaa Lixaa magaala Hoolotaa jiraatu tokko dargaggoota sadiin ukkaamfamuun gara Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti geeffame.
Dargaggoonni kunneen daa’imicha butanii mana onaa keessa kaa’uun maatii isaatti bilbiluudhaan qaama Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta’uu himuun qarshii miliyoona tokko akka kennaniif gaafatani.
Maallaqni isaan gaafatan hin kennamuuf taanaan garuu reeffa daa’ima isaanii akka fudhatan itti himuun dorsisaa turani.
Haala buttaa daa’imichaa, akkamiin akka argameefi dargagoonni yakkicha raawwatan akkamiin akka to’tamaniifi adabbii itti murtaa’e ilaalchisee BBC’n abbaa adeemsa dhimmoota yakka adda addaa Godina Shawaa Lixaa dubbisuun waan kana qixeesseera.
Dhiyaadhaa.
Daa’imni ganna torbaa magaala Hoolotaa ganda Galgal Kuyyuutti ergamee suuqii deemaa ture tokko torbee darbe ALI Onkoloolessaa 24 bara 2017 tilmaamaan sa’aatii saddeet irratti dargaggoota sadiin butamee Aanaa Ejeree ganda Dhaamottuu jedhamutti mana onaa keessa kaa’ame.
Dargaggoonni halkan guutuu maatiitti bilbiluudhaan “Jaal Didaa [hogganaa WBO naannichatti beekmau]” ta’uu ibsuun qarshii miliyoona tokko akka kennaniif kan gaafatan yoo ta’u maallaqni gaafatan hin kennamneef taanaan reeffa daa’ima isaanii akka fudhatan dorsisaa turani.
Halkan sana guutuu maatii daa’ima kanatti bilbiluudhaan qarshii miliyoona tokko akka geessaniif kan gaafataa turan yoo ta’u hin gaafatan taanaan garuu, “reenfaa mucaa kanaa fudhattu” jechuudhaan sodaachisaa turuus hima abbaa adeemsa dhimmoota yakkaa kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaaf, “dafaatii qarshii miliyoona tokko amma nuu fidaa” jechuu isaaniis ibsa, Waajira Aabbaa Alangaa Godina Shawaa Lixaatti abbaan adeemsa dhimmoota yakka adda addaa, Baqqalaa Beekaa BBC’tti himeera Baqqalaan.
Hojii qaamoleen nageenya magaala hawaasaa fi hawaasni naannichaa waloomaan hojjetaniin daa’imichi butamee guyyaa tokkoon booda Onkoloolessa 25 ganama sa’aatii lamatti to’annaa jala ooluun gaafa guyyaa 29 ammoo tokkoon tokkoon isaanii irratti adabbiin cimaa hidhaa waggaa kudha tokko tokkoo akka murtaa’es dabaluun ibsa, Baqqalaan.
Miseensa hogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan naannawaa sana socho’uu Jaal Didaa maqaa dhahachuun maallaqa kana kan gaafatan yoo ta’u, boodarra sakkatta’insa sarara bilbilaa isaan ittiin bilbilan irratti mosaajii ‘True caller’ jedhamuun maatiin dargaggootuma naannawaa sanatti beekaman ta’uu isaanii akka adda baafatanis dubbata, abbaan adeemsa yakkaa kun.
Walooma qaamota nageenya bulchiinsa magaalaa Hoolotaa fi deeggarsa hawaasa naannootiin baajaajii daa’imni sun ittiin butamee fi bakka daa’imichi itti dhokfame adda baasuun namoonni daa’imicha butan to’annoo jala akka oolanis yaadachiisa, ogeessi seeraa kun.
“Hodoffii cimaa taasifameen” guyyaa tokkoon booda to’annoo jala ooluu kan kaasu Baqqalaan daa’ima butamerra miidhaa hamaan akka hin geenye ibseera. Namoonni kunneen erga to’annaa jala oolanii booda galmeen qorannaa ariitiidhaan irratti banamuun yakka daa’ima butuun maallaqa gaafachuutiin himatamuus dubbata abbaan adeemsa yakkaa kun.
Qajeelchi poolisii bulchiinsa magaalaa Hoolotaa fi qorataan poolisii galmee qoratee gara abbaa alangaa godinaatti kan dabarse yoo ta’u, erga qorannoo xumuramee Abbaa alangaa godinaatiif dhiyaateen booda himannaa seera yakkaa bara 1996 bahe keeyyata 32/1 A, B fi 590 /1 B fi 2E jalatti himatamauu shakkamtootaa ibsa Baqqalaan.
“Himatamtoonni kunis gocha yakkaa ittiin himataman kana guutummaa guutuutti raawwachuu isaanii kan amanan waan ta’eef, ragaa abbaa alangaa dhagahuun otoo hin barbaachisiin dhaddacha gaafa [Onkoloolessa] 27 ooleen murtiin balleessummaa itti kenname.
Gaafa guyyaa 28 ammoo [sadan isaanii] murtii adabbii hidhaa cimaa waggaa kudha tokko tokkootiin” akka adabaman BBC’tti himeera abbaan adeemsa yakkaa adda addaa godinichaa.
Yakki raawwatee guyyoota afur keessatti murtoon ariifannoon akkamiin kenname?
Murtoon ariifannoon yookaan battalaa [RTD] kennamu sadrakaa manneen murtii aanaatti himannaa akka hannaafaa irratti akka kennamu kan himu Baqqalaan, yakki daa’ima butuun maallaqa gaafachuu kunis haaluma kanaan murtoo ariifachiisaan akka itti kenname ibsa.
“Dhimma yeroon itti kennamuu barbaachisu miti. Dhimma daa’immaniitisi, daa’ima waggaa torbaa irratti yakki kun kan raawwate.
Dhimmichis hawaasa keessatti waan balaa guddaa fiduu danda’udha; yeroo ammaa kanatti haalli itti hawaasni walshakkuu eegale, firumtillee maatiidhuma ta’ee daa’imasaa bakka kaa’atu [haala] wal nama shakkisiisurra gahee jira” jechuun haala itti guyyoota afur keessatti dhimmicha murtoo argate ibsa, Baqqalaan.
“Daa’ima fuudhanii ammuma maallaqatti jijjiiruun kan danda’amu [ta’uu ergaa dabarsuun] hawaasa keessatti sodaachisaa fi yaaddessaallee waan ta’eef, kan irraa baratamuu qabudha kan jedhuun xiyyeeffannaan itti kennamuun” murtoon battalaa akka kenname hima abbaan adeemsa yakkaa kun.
Yakka yaaddessaa ta’aa dhufe
Namoota nagaa butuudhaan maallaqa gaafachuun Oromiyaa keessatti dhimma yaaddessaa ta’aa dhufuu kan kaasu Baqqalaan, yakki akkasii “sadarkaa aanaatti bara darbe galmeewwan sadii kan dhiyaatanii fi baruma kana [ALI 2017] keessa godinichatti daa’imni ganna afuriis butamuun maatiin maallaqa akka gaafatamanis himeera ogeessi seeraa kun.
“Dhimma siyaasaatti fakkeessee namni dhuunfaallee jaal abaluun jedhama jechuudhaan namuma walbeeku jalaa daa’ima butee haalli itti maallaqni gaafatamaa jiru [jira].
Daa’ima qofa otoo hin taane namni gurguddaanillee fuudhamee butama. Darggaggoon walgurmeessee haalli ittiin [yakka akkasii raawwatu] baay’inaan Oromiyaa keessaatti uumamaa jira” jechuun kan ibsu ogeessi seeraa kun, maatiin oolmaa daa’imman isaanii hordofuu, hawaasnii eeruu qaamolee nageenyaatiif kennuun akka deeggaran gaafata.
Dhimmoota hanga ammaatti dhiyaatan irraa ka’umsi yakkoota akkasii “maallaqa barbaacha” ta’uu kan himu abbaan adeemsa yakkaa kun, “maallaqa barbaacha qofa otoo hin taane, safuun baduutu jira” jechuunis ibsa. Yakki yeroodhaa yerootti raawwatu faallaa safuu hawaasichaa sadarkaa yaaddeesaarra gahaa jira jechuunis dabaluun dubbata.
Yakkoonni akkasii yeroo raawwatan daa’imman butamanii fi maatii isaanii irratti yaaddoo uumuun miidhaa xiinsammuu gara fuulduraatiif waan saaxiluuf “dhimma baay’ee sodaachisaa” ta’uus ibsa ogeessi seeraa kun.
“Mootummaan tokkoo tokkoo hawaasa kanaatiif poolisii qacaree eegsisuu waan hin dandeenyeef, hawaasumti wal eegee, daa’imasaa bakka ooltu, bakka bultu” sirnaan hordofuu qaba jechuunis dhaameera, abbaan adeemsa yakkaa kun.
Waldhabdee akka biyyaa fi akka naannoo Oromiyaatti qaamolee hidhatanii fi mootummaa gidduutti uumameen yakkoota gara garaa namoota nagaa irratti raawwatan keessaa tokko namoota nagaa butuun maallaqa gaafachuudha.
Keessumaa naannolee akka Oromiyaa fi Amaaraa keessatti ammoo gocha irra deddeebiin raawwatu yoo ta’u qaamoleen hidhatanii socho’an gocha kanaan kan himataman yoo ta’uu qaamoleen maqaa isaanii dhahachuun yakka kana raawwatanis akka jiran himamaa tureera.
Yakki kun babal’achaa dhufuudhaan namoonni biroo hidhattoota maqaa dhahachuudhaan gochichi yaaddessaa dhufuus dabaluun ibseera, abbaan adeemsa yakkaa godina Shawaa Lixaa.
Waggoottan shanan darban erga Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa gidduutti waldhabdeen uumamee as namoonni nagaan hidhattootaan butamuun dararaan gara garaa irra gahuu fi kaan ammoo maallaqani irratti gaafatamuu BBC’n yeroo gara garaatti gabaasuu turuun kan yaadatamudha.












