Namoonni daa'ima karameellaa siif binna jechuun butanii maatiirraa birrii 900,000 fudhatan to’ataman

Itoophiyaatti nama ukkaamsanii birrii gaafachuun hammaataa jira

Madda suuraa, Getty images

“Mucaan waggaa afurii ni bade kan jedhu maatiin eeruu kenne. Eeruu sanarratti hundaa’uudhaan qaamoleen nageenyaa hawaasa wajjin ta’ee dhimma kana hordofuu jalqabe,” Obbo Abiyyuu Mihiratuu.

Gaafa guyyaa ALI Adoolessa 29, 2016 dargaggoonni yeroo ammaa to’annoo poolisii jala jiran walgurmeessuun Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Duukam Aanaa Xaddachaatti kan argamu naannoo mana maatii miidhamaatti imalu.

Dargaggoonni jahan gochaa nama butuu duuba jiran kunneen keessaa gariin firoota dhiyoo maatii miidhamtootaati.

Naannoo mana miidhamtootaa yemmuu gahanis daa’imni waggaa afurii naannoo qe’eetti taphachaa ture.

Haaluma kanaan dargaggoonni kun daa’ima kanaan “karameellaa siif binna” jedhanii fudhatanii deeman. Sana boodas magaaluma Bishooftuu keessa taa’anii maatiitti bilbiluu eegalan.

“Maatiidhaan ‘qarshii 900,000 galchaa! Kanaan alatti mucaa keessan argachuu hindandeessan’ jechuun bilbilan” jedhu Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Magaalaa Bishooftuu Obbo Abiyyuu Mihiratuu.

Maatiin daa’imaas dhimmicha qaamolee nageenyaaf erga beeksisanii booda qaamoleen nageenyaa dhimmicha hordofuu eegalan.

Marii qaamoleen nageenyaafii maatiin daa’imaa taasisan irratti hundaa’unis maatiin daa’imaa maallaqa daa’imasaanii deebifachuuf gaafataman kaffalan.

Dhimmicha hordofaa kan turan qaamoleen nageenyaa magaalichaas Kamisa Hagayya 2, 2016 opireeshinii taasisan, shakkamtoonni jahas to’annoo jala olfaman.

“Naannoo sa’aa 8-9’tti opireeshinii gaggeeffameen namoonni jahan baajaajii tokko, birrii 840,000 fi mucaa waliinuu waliin qabuun danda’ameera” jedhan Obbo Abiyyuun.

Yeroo ammaattis shakkamtoota kunneen irratti qorannoon taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Gama biraatiin Magaalaa Bishooftuu keessatti namoonni yakka hannaatiin walqabatee to’annoo jala oolan jiraachuu kan himan qondaalli kun, “inni ijoollee fudhatanii birrii fidaa jedhu kun hanga ammaa nun qunnamne” jedhan.

Magaalaa tuurizimii ta’uun kan beekamtu Bishooftuu naga qabeettii gochuuf qaamoleen nageenyaa magaalichaa hojiilee jajjaboo hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Naannoo Oromiyaa, Tigiraayii fi Amaaraatti yakki namoota ukkaamsuun maallaqa gaafachuu akka malee dabalaa dhufe.

Gochaan kun Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti amaleeffatamee ture.

Qonnaan bulaan ukkaamfamuun maallaqa callaa takkaa argetee hin beekne akka kaffalu yoo gaafatamu irra dedeebiin dhagahamaa ture.

Maahilet Takilaay mucaa waggaan 16 yoo taatu, Naannoo Tigraay Godina Jidduugalaa, Magaala Adawaatti ALI Bitootessa 10, 2016 namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen butamte.

Guyyoota 90 booda ajjeefamtee bakka awwaalamtee poolisiin reeffa ishee arge. Namootni ishee ukkaamsan abbaa ishee birrii miliyoona sadii gaafataa turan.

Naannichatti miidhaan dubartootaa fi ijoollee irra gahu akkamalee dabaluun yaaddoo uumeera.

Mootummaan nageenya lammiilee isaa eeguuf dirqama qabus yakkoota akkasii hanbisuuf hojjechaa jiraachuu himus qaamoleen nageenyaa hidhattoota himachuu irra kan darbe gochicha dhaabsisaa hin jiran.