Qeellam Wallaggaatti himatamaan mana sirreessaa miliquun obboleettiisaa ajjeese duuti itti murame

Madda suuraa, Getty Images
Himatamaa Geetaachoo Mootii bara A L I 2013 ture yakka yaalii ajjeechaa cimaadhaan shakkamee kan to’annoo jala oolfamee ture.
Waqtii sanatti himatamaan kun Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti abbaa mana biratti qacaramee hojjetu waliin waldhabdee keessa seenan.
Maddi waldhabdees dhimma maallaqaa yommuu ta’u, himatamaan Obbo Geetaachoon hojjechiisaa isaa irratti yakka yaalii ajjeechaa cimaa akka raawwate Waajjira Abbaa Alangaa Godina Qeellam Wallaggaatti, Abbaa Adeemsaa Dhimmoota Yakka Adda Addaa kan ta’an Qabbannaa Hundasaa himu.
Kanaanis to’annoo seeraa jala erga olee booda, galmeen irratti qulqullaa’ee yakka yaalii ajjeechaa namaa cimaatiin hidhaan cimaa waggaa kudhanii irratti murtaa’ee akka ture himan.
Haata’u malee, sirreeffamaa Obbo Geetaachoonis A L I Waxabajjii 7 bara 2014 rakkoo nageenyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti uumamee ture akka carraatti fayyadamuudhaan mana sirreessaatii miliqe bahuun himame.
“Godinni keenya yeroo adda addaatti rakkoo nageenyaa keessummeessaa ture. Kanaanis manni Amala Sirreessaa Godina Qeellam Wallaggaa rakkoo nageenyaa ture sanaan cabee ture. Sirreeffamtoonni hedduun miliqanii kan turan yoo ta’u, himatamaan kunis haaluma walfakkaatuun miliqee ture,” jedhan Abbaan Alangaa.
Haaluma kanaan himatamaan kun yeroon adabbii irratti murame osoo hin xummuriin mana sirreessaatii miliqee gara aanaa Laaloo Qileetti imaluun obboleettiisaa waliin jiraachuu eegale.
'Yakka sukkanneessaa obboleettii ofiirratti raawwatame'
Rakkoo nageenyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti uumame dahoo godhachuudhaanis mana sirreessaatii kan miliqe himatamaa Geetaachoo Mootii, obboleettiisaa waliin yeroo dheeraaf nagahaan jiraachuu hin dandeenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himatamaan kun ALI Amajjii 17 bara 2016 ganama naannoo sa’aa 4:00 yoo ta’u, obboleettiisaa Leelluu Mootii waliin wal dhabdee keessa galan.
“Waldhabdeen isaanii ‘maallaqa naaf kenni; hin kennu’ kan jedhu ture” kan jedhan Abbaa Alangaa Qabbannaa, himatamaan naannichatti namni jiraachuu dhabuusaa akka carraatti fayyadamuun obboleettiisaa irratti miidhaa geesisuu akka jalqabe himan.
“Haala mijataa kana erga argatee booda muka mooyyeetiin mataashee walakkaa rukkutee afaaniifi funyaaniin dhiiga baase. Dabalees halbeedhaan mormashee fi qaamashee iddoo adda addaa waraanee ishee ajjeese,” jedhan.
Himatamaan kun yakkicha erga raawwatee boodas maallaqa obboleettiisaa birrii kuma 15 kan ta’u keessaa muraasa lafatti harcaasee kaan fudhatee miliqe.
Haata’u malee, hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin boodarra to’annoo jala oolfame.
Poolisiin aanaa Laaloo Qilees himatamaa to’annoo jala erga olchee booda Abbaa Alangaa Aanaa Laaloo Qilee waliin ta’uun, ragaalee namaa fi sanadaa qixeeffatan. Galmeenis gara Waajjira Abbaa Alangaa Godina Qeellam Wallaggaatti darbe.
“Abbaan Alangaa Godinaas ‘himatamaan kun yakka ajjeechaa namaa cimaa raawwateera kan jedhu ilaaluun Seera Yakkaa bara 1996 fooyya’ee bahe Keewwata 539/1/A jalatti himannaa hundeesse,” jedhan Abbaan Alangaa Qabbannaa Hundasaa.
Abbaan Alangaa ragaaleesaa dhiyeeffatee jecha saanii akka kennan kan taasise yemmuu ta’u himatamaan garuu himata irratti dhiyaate ofirraa ittisuu hin dandeenye.
Namni keewwata 539/1/A’n balleessaa jedhame murtee hidhaa umurii guutuu yookiin murtee du’aa kan adabsiisu akka ta’e kan eeran Abbaan Alangaa, himatamaan kuusaa yakkaa qabaachuunsaa akka yaada adabbii cimsutti dhiyaachuusaa himan.
Abbaan Alangaas himatamaan amaleeffataa ta’uusaa eeruun murteen du’aa akka irratti murtaa’u gaafate.
Dhimmicha qorachaa kan ture Manni Murtii Olaanaa Godina Qeellam Wallaggaas dhaddacha Onkololeessa gaafa 25 bara 2017 ooleen fakkaattotasaa ni barsiisa jechuun himatamaa Obbo Geetaachoo Mootii irratti murtee du’aa mureera.












