Gujiitti haati warraa mana dhuunfachuurratti ajjeefamuu hordofee manichi diigamee awwaalchaaf ta'e

Madda suuraa, Maatii
Haannaa Bokkoolaa Godina Gujii Magaala Adoolaa Woyyuutti bulti ijaarrattee abbaa warraashee waliin waggoota afurii oliif dabarsite. Gaa'ila diiguu hordofee mana dhuunfachuurratti dhibdee dhalateen rasaasaan ajjeefamte.
Turtii gaa’elaa waggoota afurii keessatti abbaa warraashee waliin daa’ima tokko horataniiru.
Aadde Haannaa fi abbaan warraashee kuni sababa gidduu isaaniitti waliigalteen dhabameef gaa’ila isaanii diiguuf murteessanii karaa seera qabeessaan bulti isaanii kanas diiganii ture jedhu miseensi maatiishee Obbo Daargee Barcuu.
Akka Daargeen jedhutti, gaa’elli isaanii erga diigameen booda qabeenyi isaan qaban mana Magaala Adoolaa Woyyuutti argamuu fi ammaan dura cimdiiwwan kunneen yeroo waliin turan kan ijaarratan akkasumas hawaasni naannollee kan eebbiseef akka ture hima.
Falmiin qoodinsa mana jireenyaa kunis manneen murtii aanaa fi Godinaatti ol iyyannoon ilaalamaa kan turee fi miidhamtuun kuni erga godinni isheetti murteesse ol iyyannoo gaafachuun qabeenyicharratti Finfinnee irraa dhorkaa fudhattee deebi’uus dubbata.
“Ol iyyannoo gaafattee qabeenya kanarratti dhorkaa gaafuma fudhattee dhufte jimaata darbe galgala yeroo manasheetti seentu achumatti eeganii rasaasan ajjeesan” jedha miseensi maatii kuni.
Haati mucaa tokkoo, sababa qoodinsa qabeenyaatiin walqabatuun manasheetti rasaasan ajjeefamuu hordofee dhimmichi hawaasa biratti rifaatuu fi muffii guddaa uumee ture.
Aanaa Adoolaa Reeddeetti Abbaan adeemsa Yakkoota adda addaa Obbo Qaala’aab Dajanee akka jedhanitti, akkuma yakki kuni raawwatamuun dhagahameen poolisiin bakkichatti argamuun ajjeechaa Kanaan kan shakkame abbaa warraashee fi milishaa tokko too’annoo jala oolchuu himan.
Hawaasni naannoos gocha sukaaneessaan dubartii kanarratti raawwate kanatti aaruun mana jireenyaa falmiin irratti deemaa turee fi ajjeechaa kanaaf sababa ta’e kana diiguun dubartii kanas qe’ichumatti akka awwaalamtu gochuus himan.
“Sababa mana kanaatiif ajjeefamte jechuudhaani hawaasni miira aariitiin manichas diiganii reeffa ishees achitti akka awwaalamu kan godhan. Amma jaarsolii fi maatii waliin mari’atamaa waan jiruuf reeffii achii bahee bakka biraatti akka awwalamu mari’atamaa jira” jedhan.
Abbaan warraa ajjeechaa haadha warraasaa duraanii kanaan shakkamee fi milishaan ajjeechaa kanarratti hirmaate jedhame too’annoo jala kan jiranii fi adeemsi seeraas ragaa barbaachisaan walitti qabamaa jiraachuu himan Obbo Qaala’aab.
Manni jireenyaa ajjeechaa lubbuuf sababa ta’e kuni daangaa magaalaatiin alatti kan argamuu fi mana kaartaallee hin qabne akka ta’es himan maatiin.
Sababni miidhaan dubartootarra gahu bakka sirni Gadaa cimaan jiru keessatti osoo hin hafne dhagahamaa jiruuf maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hayyuun Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo sirna Gadaa keessatti dubartii ajjeesuu mitii, uleedhaan reebuunuu safuudha jedhu.
“Dubartii waraana dhiisii muka jabaadhaanuu hin dhahan. Dubartiin Gadaa keessatti kabaja guddaa qabdi. Ammoo harkaanilleen hin dhahan. Harki namaa hamaadha. Nama harkaan dhahelleen ni adabama” jedhan.
“Akka aadaa Gadaatti namni dubartii uleen dhahe, kan licheen dikellee ni adabama. Safuu fi ulfina Guddaa qabdi. Yoo akka malee mufatanillee harcuma qaqalloon dhaanu. Nama dhibiillee osoo ishii biratti arganii seeran gaafatu malee isheellee nama sanalleen hin tuqan” jedhu.
Gujii dabalatee iddoowwan Oromiyaa birootti yakkoonni ajjeechaa fii miidhaa qaamaa dabalatee dubartootarra gahuun dhagahamaa jiru kuni waan aadaa keenya balleessu jedhan.
“Wanni amma dhagahamu kuni waan aadaa cabsu, waan safuu keenya balleessu. Nama sana adabuu qaban. Nama nama ajjeese mootummaanuu hin dhiisu. Osoo mootummaallee dhiisee aadaan hin dhiisu”
“Namni ammaa dhaloonni, duubaan dhufaa jiru kuni kan safuu hin beekne aadaalleen hin beekne ta’aa jira” jedhan.
'Dubartiin manashee dhiistee hin deemtu'
''Bara keenyatti wal hiikissa wanti jedhamu hin turre'' kan jedhan Hayyuun Gadaa kuni, abbaan warraa fi haati warraa yoo waliigaluu dhaban, yoo ilmoo godhachuu dhabanilleen dubartiin suni qe’eeshii dhiistee hin deemtu jedhu.
“Yennaa waliigaluulleen dhaban qe’umatti gargar goran malee dubartiin manashee dhiistee hin deemtu. Karrashii ninyaatti. Qabeenyashiirraa hin deemtu. Nama dhibiitti deemtee hin heerumtu. Aadaan keenya akkana” jedhan.
Dubartiin dhala godhachuu hin dandeenyelleen yoo teete, abbaan warraa suni waan ilmee dhabeef ofumaan deemee dubartii biraa fuudhuu akka hin dandeenyee fi yoo haati warraa isaa heeyyamte qofa akka kuni ta’us himan.
Yoo dubbiin cimaa ta’ee haati warraa fi abbaan warraa tasuma waliigaluu hin dandeenyee fi araarrilleen hin milkofne aadaa’ Irraa Kuta’ jedhamuun waan hundi jaarsaan laalamee dhumee jaarsa ishee duriirraa adda kutamtee booda nama dhibii heerumuu dandeessi jedhan.












