Poolisiin Baahir Daar namoota yakka nama ukkaamsuufi kaaniin shakkaman 121 to’achuu hime

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Amaaraatti polisiin magaalaa Baahir Daar namoota ukkaamsanii butuun maallaqa itti gaafachuufi ykkoota biraatiin namoonni shakaman 121 to’annoo jala oolchuu BBCtti hime.
Shakkamtoonni to’annoo jala kan oolfaman baatii Onkololeessaa kana keessa qofaa ta’uu ittigaafatamaan poolisii magaalichaa Komaandar Waalaliny Biimirawu BBCtti himan.
Komaandarichi dabaluudhaan namoota gochaa yakkaatiin shakkamuun to’ataman keessaa 20 ol kan ta’an kan yakka ukkaamsanii namoota butuudhaan shakkamaniidha jedhan.
Naannoo Amaaraa naannawwa walitti bu’insi keessatti gaggeeffamaa jiruu adda addaa keessatti nama ukkaamsanii buutuu, hannaafi ajjeechaan yakkawwan irra deddebiin raawwatamaniifi yaaddeessaa ta’usaa dhaabbata biyyoota gamatomanii dabalatee dhaabbilee gargaarsa adda addaa ibsaa jiru.
Komaandar Waalaliny BBCtti akka himanitti, namoonni to’annoo jala oolfaman yakkawwan namoota ukkaamsanii buutuu, baankii saamuufi hannawwan garaa garaatiin shakkamuun poolisiin barbaadamaa turan jedheera.
‘‘Kan to’ataman 121dha. Namoota ukkaamsanii butuu qofaan osoo hin taane, yakkawwan saamiicha baankiifi kan biraatiin shakkamuun to’ataman. Kanneen 20 ol ta’an kan yakka namoota ukkaamsanii butuun shakkamaniidha’’ jedhan.
Itti-gaafatamaan poolisii Baahir Daar akka jedhanitti, shakkamtota to’annoo jala oolchuudhaaf ‘oppareshiniin’ kan eegalame jalqab baatii Onkololeessaa irratti ture.
Qorannoo poolisiin magaalichaa qindeesseefi eeruu ummataa irraa ka’uudhaan shakkamtoota to’annoo jala oolchuu itti gaafatamaan kun himaniiru.
‘‘Yakka raawwachuusaaniitiif ragaarratti hundaa’uun kan to’annoo jala oolchine.’’
Shakkamtoota keessaa muraasni yoo maallaqa baankiitti galchan ykn kan baasaniifi galchan lakkoofsa bilbilaa itti fayyadaman irratti qorannoo taasifameen to’annoo jala oolfamuu himaniiru.
Komaandar Waalaliny akka jedhanitti, namoota ukkaamsuun kanneen shakkaman haala lamaan kan ilaalamudha jedhu.
‘‘Tokkooffaan, bu’aa diinagdeetiif jecha kan raawwatamedha. Namoota qabeenyaa qaban eeguudhaan ykn ijoolleesaanii ukkaamsu.
Lammaffaan ammoo, kan kaayyyoo siyaasaa qabudha. Kunis namoota ooggansaarratti argaman ykn maatiisaanii butuudhaan dhiibbaa irraan gahuudhaaf raawwatu.’’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti-gaafatamaan kun, poolisiin shakkamtoota kanneen to’annaa jala oolchuun alattis, namoota butamanii turan muraasa gadhiisiisuus ibseera.
Itti dabaluun sababii tarkaanfii poolisiin fudhateetiin sochiin magaalattii keessatti namoota ukkamsanii butuu hir’ataa dhufuu dubbatan.
‘‘Fakkeenyaaf, torban kana naannoo Lidataa jedhamutti namni butamee ture tokko gadhiifameera. Amma butamuun hir’ateera. Namoonni sababii ukaamsamuufi hannaatiin yaadda’anii kanneen gara jidduu gala biyyaatti imalan turan.
Kana ka’umsa godhachuudhaan yakka kana dhaabuudhaaf kan kakaaane,’’ jedhan.
Kanaan dura hojjattuu manaa tokkoo mucaa dhalattuu namoota ishee hojjachiisanii hattee osoo baduudhaaf yaaltuu to’annoo jala oolfamushee itti gaafatamaan kun yaadataniiru.
Hojjattuun kunis maatiin bakka gara hojii deemanitti mucaa dhallattuu baatii 13 fudhattee erga dhokatteen booda, iyyata poolisiitti dhiyaateen, hordoffii taasifameen shakkamtuun osoo gara Gondariitti bahuudhaaf yaalaa jirtuu poolisoota hokkara bittiinsuutiin to’annoo jala oolfamuu himan.
Komaandar Waalaliny akka jedhanitti, intalli yakkicha raawwattee kun hidhaa waggaa 13n adabamteetti.
Sababii walitti buhiinsa hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaa jidduutti gaggeeffamutiin naannoo Amaaraatti gochaawwan namoota butanii maallaqa itti gaafachuufi ajjeechaan irra deddebiin dhagahamu.
Adooleessa darbe keessa naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa Daawuntaa keessatti hojjataan dhaabbata miti-mootummaa butamuudhaan maallaqni itti gaafatame tokko ajjeeffamu dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksiisuunsaa ni yaadatama.
Gama biraatiin ammo komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa irra hojjatan kaanis qaamooleen nageenyaa namoota nagaa to’annoo jala oolchaa jiru jechuun qeequunsaani ni yaadatama.
Haata’u malee shakkamtoonni baatii kana keessaa to’annoo jala oolfaman ‘‘siyaasa walin hidha kan hin qabne’’ ta’u ittigaafatamaan poolsii Baahirdaar beeksiisan.
‘‘Shakkamtoonni kan to’ataman sababii ejjannoo siyaasaa, amanta ykn afaan saanitiin osoo hin taane, yakka raawwachuun shakkamanii yoo ta’u qoratamaa jiru. Qabiyyee siyaasaa omaatu hin qabu. Kaayyoon keenya mummeen seera kabachiisuudha.’’
Namoota to’annoo jala oolfaman keessaa namoonni afur yakka hannaatiin badii waan irratti mirkanaa’eef tokkoon tokkoosaanii hidhaan waggaa 2 akka irratti murtaa’e kan dubbatan itti gaafatamaan kun, kan hafan irrattis galmeen qixaa’aa jiraachu himan.












