'Erga daa'ima godhannee booda abbaa manaakoo waliin saal-qunnamtii raawwachuu hin barbaadu'

Holly Hagan-Blyth daa'ima ishee waliin siree irra ciisanii ija keessa wal ilaalu

Madda suuraa, Holly Hagan-Blyth

Ibsa waa'ee suuraa, Holly Hagan-Blyth daa'ima ishee waliin siree irra ciisanii ija keessa wal ilaalu

Hariiroo jaalalaa namoota hedduu keessatti quunnamtiin saalaa akka lafee dugdaati.

Haata'u malee taateewwan jireenya jijjiiran kanneen akka ulfaa'uu fi daa'ima godhachuu hordofee fedhiin quunnamtii saalaa hir'achuu ykn dhabamuu danda'a jedha ragaan Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa (NHS) Uk.

Sagantaa jiruu fi jireenya ishee mul'isuu fi TV irratti walitti aansuun darburratti kan beekamtu akkasumas leenjistuu jabina qaamaa kan taate Holii Hagan-Biliiz taateen kun erga isheen daa'ima godhattee ishee mudachuu ibsite.

Sagantaa TV 'CBeebies Parenting Helpline' jedhamurratti wayita yaada ishee kennitu ''Yeroo sana lammata akka natti hin buune jedheen ture. Yeroon akkas jedhu homaayyuu natti hin fakkaanne. Waan miirri koo fedhu waanan dubbadheef,'' jette.

Gorsituun quunnamtii saalaa fi hariiroo jaalalaa Rachel Gold haadholiin erga da'anii ji'a ja'a booda hariiroosaanii deebisanii cimsuu barbaadu jette.

"Namoonni isa kana akka waan isaan quunnamtii saalaa barbaadaniiti fudhatu, garuu akkas miti.''

Holii Hagaan- Biliiz erga bara 2023 daa'imashee Alfaa Jaaksi godhattee fedhiin quunnamtii saalaa ishee hir'achuu himte.

Ergasii hariiroo kamuu abbaa manaashee waliin dhaabdeetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Yeroon abbaa manaa kiyya Jaakoobitti miira jaalalaa mul'isu hunda gara saalquunnamtiitti waan deemu natti fakkaata. Sanammoo hin barbaadu.''

''Waan isaan walqabatu hunda irraa maquun jalqabe. Miira nagatiiva ta'etu na weerare,'' jette.

Garuu abbaa manaa ishee waliin ifatti walitti dubbachuun akka ishee fayyade ibsite.

''Wayitan si tuquu fi si hammadhu gara saal-quunamtiitti deemuu dhiisuu dandeenyaa? jedhee akkuma gaafadheen ba'aan narraa bu'e. Sababni isaa an waan sana gochuu hin fedhun ture. Miirri kiyya kana ture,'' jetti.

Abbaan warraa ishee, Jaakoob, kanaan booda haati warraasaa jaala kennuufii akka hin dandeenye yaadaan dhiphata.

''Wanti kun sababa kee qofa miti, dhugaa kana baruu qabda. Ammatti anis miirri koo akkasi. Yaadi koos kan keerraa adda miti,'' jedheen.

''Ammatti fedhii quunnamtii saalaa hin qabu. Ykn ammoo tarii ji'oota muraasa itti aanan keessattiyyuu. Anis rakkoo akkanaa keessan jira. Irratti hojjechuun qaba.''

Holiin cimdiiwwan miira walfakkaataa qaban kaan caalaa iftoominaan walitti dubbachuu danda'u jetti.

''Namoonni daa'ima godhachuu booda hariiroon jaalalaa ni jijjiirama jedhu. Garuu hanga keessa ta'anii arganitti hangam akka jijjiiramu ni hubatu jedhee hin yaadu,'' jette.

Ispeeshaalistii Fayyaa dubartootaa kan taate Dr Jeniifar Linkan dubartoonni erga daa'ima godhatanii booda quunnamtii saalaa raawwachuu dhabuu isaaniif sababoota hedduutu jiru jetti.

''Qaamni isaanii reefuu dhukkubbii dandamataa jira. Iddoo daa'ima godhachuu dura turetti deebi'uuf ji'a ja'a fudhata.''

Jijjiiramni hormoonii yeroo da'umsaa mudatus fedhii saalquunnamtii dubartootaa irratti dhiibbaa qaba.

"Hormoniin dubartoonni maddisiisan estrogen fi progesterone jedhamaniis akkaan hir'ata. Hormoniin kun hangi isaa hir'annaan ammoo qaamni saalaa dubartii ni goga. Kun ammoo wayita quunnamtii saalaa dhukkubbiif saaxila,'' jechuun ibsiti Dr Jeniifar Linkan.

''Namoonni akka waan marsaan laguu dhaabbachuun qofti hanga hormonii dubartoonni maddisiisan hir'isuutti fudhatu. Garuu da'umsa booda guyyoonni jiranis haala kanaaf dubartoota ni saaxilu.''

Holii fi abbaa manaa ishee mana Jiimiitti daa'ima isaanii waliin

Madda suuraa, Holly Hagan-Blyth

Ibsa waa'ee suuraa, Raachel yeroon itti quunnamtii saalaatti deebi'an kan saganteeffamee taa'e miti jetti, namuu muuxannoo mataasaa qabas jette.

Daa'ima erga godhatanii booda fedhiin saal-quunnamtii hir'achuun dubartoota qofa miti kan mudatu.

Ji'a sadi dura daa'ima kan godhatte dhaggeeffattuun sagantaa CBeebies Parenting Helpline Firankii, abbaan manaashee fedhii quunnamtii saalaa dhabuu himte.

''Yeroo sanatti qaama kiyya jibbeen ture. Hiriyaa jaalalaa kiyyarraa xiyyeeffannaa addaa na barbaachisee ture. Inni garuu fedhii quunnamtii saalaa na waliin gochuu akkanni hin qabnen hubadhe. Achumattin hadoodee hafe,'' jechuun waan ishee mudate ibsite.

Rachel dhiironni yeroo baayyee waan isaan mudate dubbachuurratti ni qoramu jetti.

''Abbaa ta'uun dhiirotatti waan baayyee fidee dhufa. Sababa quunnamtii saalaarraa isaan fageessu ta'a.''

Jaarmiyaa NCT kan dhimma daa'immanii fi da'umsaa hordofu keessatti ogeettii fayyaa kan taate Fileyuur Paarker dhiironni miira akkanaaf xiyyeeffannaa kennanii irratti hojjechuuf dursa kennuu dhabuun rakkoodha jetti.

"Miira kee baastee michuu kee waliin dubbachuun baayyee fayyada. Waan ati yaaddu ykn waan ta'aa jiru hunda beeku jettee hin yaadin.''

Cimdiiwwan daa'ima godhachuu booda quunnamtii saalaatti deebi'aniif gorsa NHS irraa kenname

  • Yoo si dhukkube hin callisin, dubbadhu. Akka waan rakkoon hin jirreetti yoo fakkeessaan bira dabarte quunnamtiin saalaa akka si jibbisiisu gochuu danda'a
  • Suuta jedhii tasgabbiin ilaali, jijjiiramni hormonii sababa da'umsaa mudatu saalquunnamtii raawwachuuf dibata akka barbaachisu dirqamsiisuu danda'a.
  • Yeroo waliif kennuun waliin gammadaa. Yeroo bareedaa fi hariiroo jaalalaa cimaa ta'e waliin dabarsuuf yaadi keessan tokko ta'uu qaba.
  • Yeroo si barbaachisutti gargaarsa gaafadhu. Haati erga deessee booda ji'a ja'a turtee yoo rakkoo kana ammallee qabaatte ogeessa fayyaa dubbisuu qabdi.