Duuti pirezidaantii Iraan akkamiin kaaniif naasuu guddaa, kaaniif gammachuu uume?

Pirezidaantii Iraan balaa helikoopteraan du'an, Ibiraahim Raa'isii

Madda suuraa, Getty Images

Balaan helikoopteraa pirezidaantii Iraan galaafate lammiilee biyyattii hedduu biratti miira adda addaa uumeera.

Kaan gadda guddaa keessa jiru. Sirna awwaalchaa jalqabame irrattis kumaatamaan daandiitti bahuun gadda isaanii ibsachaa jiru.

Garuu kun uummata biyyattii miliyoona 88 tahu hundaaf wal fakkaataa miti.

Yeroo jalqaba balaan kun dhagahame biyyattii guuturra naasuutu ture.

Qondaalonni mootummaa Iraa waan jedhanii dubbataniin ol waa’ee balichaa maal beeku?

Du’i pirezidaantichaa hojii keessoo hin beekmne irraa kan madde moo dhuguma sababa dulloomuu helikoopteraan kan dhufedha?

Balaan kun mudachuun erga baramee sababa haala qilleensaa ulfaataan barbaachi isaa yeroo fudhatus boodarra pirezidaanti Raayisiin du’uun barame.

Kanatti aansee mormitootni miidiyaalee hawwaasaa irratti yaada isaanii roobsuu jalqaban.

Raa’isiin lammiilee hedduu biraa akkuma deeggarsa qaban kumaatama biratti ammoo fudhatama hin qaban.

Kunis ajjeechaa namoota siyaasaa mana hidhaa keessa turan bara 1980 keessa raawwatame keessaa Raa’isiin harka qabu jedhamnii amanamu.

Mormitootni du’a isaa akkuma mirkaneeffataniin gammachuu ibsachuu jalqaban.

Baacoo fi cigoon miidiyaa hawwaasaa fudhate. Baay’een isaanii ‘’oduu gaarii’’ dhageenye jechuun barreessan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataan suuraa finciltootaa bulchiins amootummaa Iraaniin ajjeefamanii maxxansuu jalqaban.

Kun leegaasii pirezidaantii Iraan balaa helikoopteraan du’aniiti.

Suuraalee fi viidiyoon akka agarsiisanitti magaalaa Teeraan keessa dabalatee richiitii qabsiisuun gammachuu isaanii kan ibsatan jiru.

Namni tokko X irratti akkas jechuun maxxanse. ‘’Haalli amma jiru miira gammachuuti, mootummaan abbaa irree guyyaa gaddaa sadii labsuurra uggura guyyaa sadii kanumaaf jedhee lbasuun isaa hin oolu.’’

Abbaan alanagaa Iraan Mohaammad Kaazim Movaahedii Azaad namoota karaa oonlaayinii pirezidaantii du’an ‘’arrabsan’’ to’annoo jala akka oolfamaniif ajajan.

Wiixata akkuma pirezidaanti Ibiraahim Raa’isii du’uun mirkanaa’een fayyadamtootni miidiyaa hawwaasaa gammachuu ibsatanii fi arrabsoo maxxansan akak hidhamaniif ajajan.

Deeggartootni Raa’isii miidiyaa hawwaasa kana irratti gadda isaanii yoo ibsatan, kaan ammoo ajjeechaa namoota siyaasaa kumaatamaa bara 1980 keessa raawwatamee fi fincila Iraan keessaa irratti namoota ajjeefamaniif Raa’isiin namoota itti gaafataman keessaati jechuun du’a isaatti gammaduu himan.

Inumaa helikooptericha balaan akka mudateen lubbuu baraartonni gara gaaraatti imalanii yeroo sababa haala qilleensaa ulfaataaf barbaacha itti fufuu dadhabuu himan, kanneen balichatti gammadan ammo gammachuu isanaii ibsataa turan.