US xiyyaara waraanaa haaraa raadaariin ala balali'uu fi boombii nikularaa darbatu omishte

Xayyaara waraanaa B-21r

Madda suuraa, Reuters

Humni qilleensaa US xiyyaara waraanaa ammayyaa boombii nikularaa darbatu fi raadaarin ala balali'u B-21 jedhamu oomishte.

Xayyaarri waraanaa kun xayyaara US bara Waraana Hololaa omishtee hanga ammaa itti fayyadamaa turte bakka bu'a jedhamee jira.

Waggoota 30 keessatti xiyyaarri waraanaa boombii darbachuuf oolu kun isa jalqabaa yoo ta'u tokkoon isaa dolaara miliyoona 700 fixa jedhame.

Xiyyaarri waraanaa B-21 jedhamu kun boombii nikularaa qofa osoo hin taane meeshaalee waraanaa biroo waraana idileef oolan ni baata.

Odeeffannoon gadi fagoon waa'ee xiyyaara waraanaa B-21 kun akka hin baane icciitidhaan qabamee jira.

Ministeera Ittisaa US kan ta'an Liyood Ostiin, "Kuni dandeettii kennaa addaa fi argannoo Ameerikaan qabduuf ragaa guddaadha" jedhan.

US xayyaara waraanaa B-21jedhamu kan ifa goote Sadaasa 02, 2022 sagantaa agarsiisa xayyaarichaa Kaalifoorniyaatti gaggeeffametti.

Xayyaara B-21 kana kan oomishe ammoo dhaabbata Northrop Grumman jedhamuudha.

Ministeerri Humna Ittisaa US Liyood Ostiin saganticha irratti argamuun akka dubbatanitti xiyyaarota waraanaa boombii darbatan US amma fayyadamaa jirtu caalaa baay'ee ammayyaawaa akka ta'e himuun, "malli farra qilleensarraa ammayyaa ta'e kamiyyuu B-21qilleensa keessatti argatee rukutuuf ni rakkata" jedhan.

Itti dabaluunis xayyaarichi meeshaalee waraanaa gara fuulduraatti omishaman illee simachuu akka danda'utti hojjatamuu himan.

Xayyaarri raadariin ala balali'uu danda'u kun paayileetii malee balali'uu - danda'uu fi dhiisuu irratti ministeerii humna ittisaa US homaa hin jenne.

Oduu himaan Humna Qilleensaa US garuu xiyyaarichi, "nama malees balali'uuf carraa qaba, garuu nama malee balaliisuf hin murtooofne" jedhan.

Balaliin jalqabaa B-21 akka lakkoofsa faranjootaa bara dhufu ni taasifama jedhamee eegama.

Miidiyaan Bloombarg akka gabaasetti xiyyaarri B-21 kun xiyyaarota waraanaa kana dura turan B-1 fi B-2 jedhaman kan bakka bu'u yoo ta'u waggoota 30 keessatti xiyyaricha dabalataan hojjachuufi bittaa gaggeessuf US dolaaraa biliyeena 203 ishee basisa.

Xayyaara waraanaa B-21

Madda suuraa, Reuters

Yeroo ammaa kana xiyyaaronni waraanaa ammayyaa B-21 lakkofsaan jaha ta'an omishamaa jiraachuu dhaabbanni xayyaarichaa oomishu ibseera.

Xiayyaarichi teknooloojii raadaarin argachuu hin dandeenye next generation of stealth jedhamu itti dabaluun kan hojjatu akka ta'ee fi "maloota omishaa fi meeshaalee ammaaf hin ibsamne" akka fayyadamus dhaabbanni oomishaa kun himee jira.

Humni Qilleensaa US yoo xiqqaate xiyyaara waraanaa boombii darbatu B-21 jedhamu kana 100 akka isa barbaachisu ibse.