Jaalallee barbaaddachuun yeroo kamuu caala amma ulfaataadhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Haala jireenya ammayyaa kana keessatti dhimmi jaalallee barbaaddachuu dubbii ijoo haasa'amu taa’eera.
Qorannoon Ameerikaatti gaggeeffame tokko akka agarsiisuutti, lammileen Ameerikaa umrii ganna 18 olii keessaa harki walakkaa ol jaalallee barbaaddachuun waggota kurna darban caalaa rakkisaa ta’eera jedhan.
Hazaal Siriin, dubartii umuriinshee ganna 34 ta'e Istaanbulitti kan dhalatte yoo taatu, jaalallee adamsuun akkaan sodaachisaadha jette.
''Yeroo jaalallee barbaacha eegaltu waanti ati nan argadha jettee eegduufi gammachuukee ni dabala, gara boodammoo ni mufatta,'' jette.
‘’Kun waanta namoota kamiyyuu mudatu,’’ jette.
Hazaal akka himtetti, waggoota afuriif hiriyaa jalaala otoo hin argatiin jirti. Garuu jaalallee dhimmitee dammaqinsaan barbaadaa turte.
Tattaaffiin cimaan goote milkii dhabe, sana booda mufatte. Hazaal akka himetti, hiriyoonnisheellee muuxannoo kan isheen walfakkaatu qabu.
Namoonni baayyeen erga Hazaal waliin haaasoftee booda jaalalleeshee godhachuuf ishee hin feene.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hazaal garuu yeroo baay’ee xiyyeeffannoo otoo hin argatiin hafuu ykn nama ishee hubatu dhabuu himte.
Yeroo baayyee namoonni isheen waliin waa’ee hiriyumma jaalalaa haasa’uu eegalte akka tasaa walitti dhufeenya ishee waliin jalqaban guutummaatti addaan kutuun sababasaa otoo hin ibsiin achumaan badu.
Jaalallee barbaaduurratti muuxannoo mufachiisaa kan qabdu Hazaal, namoota muraasa qofatu hiriyummaa jaalala qajeelaa barbaada jette.
Kanaaf, jiruu ammayyaa kana keessatti miidiyaalee hawaasaarrattis ta’ee kaafteeriyaatti mufiin jaalallee barbaadul ilaallatu ijoo dubbii ta'aa jira.
Bara 2019 qorannoo giddugalessi Pew jedhamu gaggeesse akka agarsiisutti, lammilee Ameerikaa ganna 18 olii harka walakkaa ol jaalallee barbaaduun waggoota kurna darban caala ulfaataa ta'eera jedhan.
Sababoonni ijoon tarreeffaman ammoo itti fayyadama teeknoloojii fi toora jaalallee ittin barbaaddatan dabalaa adeeme, miidhaa qaama fi xiinsammuurratti qabu sodaachuu, yaadni jaalalaa miira namummaa dhabaa adeemu, waanta hawaasni nama tokkorra eegu geeddaramuu fa'aatu eerame.
Firiin qorannoo akka akeekutti, namoonni hedduun akkaata jaalallee barbaaddattanitti hin gammadne, akkasuma nama jaalallee isaaniif ta'uu malu argachuun itti jabaatera.
Aappiiwwaan jaalallee waliin ittin wal baran gadi adeemaa jira
Aappiin jaalalleewwan itti barbaadan kanneen dur namoota haaraan wal baruuf karaa salphaa mijeessineerra jechaa turan kabajaa duraan argatan kan dhaban fakkaatu.
Fakkeenyaaf, aappiin 'Tinder' bara 2014 yeroo namoonni hedduun buufataa turan yoo ta'u, amma lakkoofsi maamilootaa harka sadiin hir'ateera.
Aappiin jaalallee ittiin barbaadan kan biraan 'Bumble' jedhamu maamiltoonni isaa hiriyummaa baayyee dhiibbaan itti hin hammaanne barbaadaa jiraachuu ibse.
Qorannoowwan gaggeeffaman akka agarsiisanitti, dargaggoonni aappiiwwan jaalallee ittin barbaadan kanarra abdii baayyee hin qaban.
Namoonni bara 1997 fi 2012 giddutti dhalatan appilikeeshinii kanatti mufataniiru jedhe dhaabbanni qorannoo Savantaa jedhamu.
Barreessituun Katiriin Lindisay akka jedhanitti, weerarri Koovid dargaggoonni kunneen hariiroo hawaasummaa akka hin gabbifanne dhiibbaa uumera jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Karaan salphaatti jaalallee barbaadan jiraa?
Karaan salphaatti jaalallee argatan akka hin jirre ogeettiin saayikolojii Keetii Gillis kan ibsitu.
''Jaalalaaf algorizimiin mudaa hinqabne tokko osoo jiraatee natti tola. Namoonni akka waan jirutti itti dhaga’amuu barbaadu jedheen yaada, sababiin isaas abdii isaaniif kenna'' jetti Keetiin.
Jaalallee barbaduun waan nama dhiphisuuf, namoonni gorsa dhimma kanaan walqabatu kan toora interneetiirratti qoodaman barbaadu jetti Keetii Gillis.
Jaalallee barbaaduun garuu jalqaba imala ofiin eenyu akka taate of barbaaduu fi jaalallee akkamii akka barbaaddu of barbaadu ta'uu qaba jetti Keetii Gillis.
Namoonni hariiroo ofiisaaniif qabaachuu barbaadan malee hariiroo hawaasni akka qabaatan itti himu barbaadu hin qaban jetti.
''Hariiroon jaalala foormulaa herregaa kan ati addaan hirtee furtu hin qabu,'' jechuun Gorsituu dhimma gaa’elaa fi ogeettiin xiin-sammuu Shivanii Misrii Sadhoo himaniiru.
''Hariiroo gaarii uumuuf karaan gabaabaan hin jiru. Hariiroo gaarii uumuuf hojjachuu qabda,'' jechuun barbaachisummaa hariiroo ifaafi akeeka dhugaa qabaachuu dubbatti.
Keetii Gillis yaada Hivanii Misrii Sadhoo kana ni deeggarti.
Mufannaa jaalalle barbaaduun walqabatu hambisuuf namni tokko eenyummasaa isa dhugaa mul'isuu qaba jetti.












