Jaalallee caalaa hiriyummaan attamiin fayyaa keenyaaf faayidaa qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Hariiroon jaalala walii qabaachuu fayyaa keenya fooyyessuufi umurii dheeraa jiraachuufillee akka gumaachuu danda'u qorannoon mirkanaa'eera.
Garuu hiriyyummaan hoo jireenya keenya keessatti bu’aa wal fakkaatu qabaa laata?
Seenaa keessatti hariiroo jaalalaa fi walitti dhufeenyi maatii waan umamaan dhufuuf akka waan yeroo baayyee bakka olaanaan hin kennamuuf.
Garuu, miira fooyya’aa irraa kaasee hanga fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa fooyya’aa ta’etti, hiriyyummaan sammuu fi qaama keenyaaf faayidaa olaanaa ta’e qabaachutu himama.
Fayyaa fi hiriyyummaa gaarii
Gaazexeessituun saayinsii Liidiyaa Deenwort, kitaaba waa'ee saayinsii hiriyummaa barreessite keessatti, hawaasa irraa adda bahuun ykn qophummaan dhibbaa sirna ittisa qaamaa keenyarrattii qabaatu ibsite.
Fakkeenyaaf, yeroo kophaa teenyu seeliii dhiiga adii keenya amala isaanii jijjiiruun, dhiita dabalataa fi deebii ittisa qaamaa akka laaffisu taasisa.
"Qaamni keenya akkasitti hojjechuun isaa waan ajaa'ibaa natti fakkaata," jetti Denworth.
Walitti dhufeenya hawaasummaatiin kan jabaatu sirna ittisa qaamaa keenyaa qofa miti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni hawaasummaan keessa jiraatan umurii dheeraafi fayyaa qabaachuu danda’u. Akkasumas dhiibbaa dhiigaatiin qabamuuf carraan isaanii gadaanaadha.
Namoota waliin walitti dhufeenya garii qabaachuun irriba gahaa argachuuf gargaaru qorannoon tokko kan agarsiise.
Faallaa kanaatiin, michummaan wal-xaxaa ta’e ammoo dhukkuba yeroo dheeraan dhufuuf saaxiluu danda'a.
Yeroo tokko tokko walitti dhufeenyi hawaasummaa addaan cituun wantoota beekamoo kan akka tamboo xuuxuu fi kolestroolii olka’aa bira darbuunis du’aa nama saaxilu mala.
Umamaan fayyaa sammuufi kutaa qaamoolee adda addaa keenya gidduutti walitti dhufeenyi jira.
"Walumaagalattis hawaasa irraa adda bahuun rakkoo fayyaa kamiyyuu baay'ee akka hammeessuu barameera,” jetti Hoggantuun misooma hawaasaa dhaabbata tola ooltummaa kaaba Landanitti argamu deeggaruu Voluntary Action Camden kan taatee Doonaa Turnbull.
Fakkeenyaaf, "Yoo hawaasa keessatti sochii hin gootu ta'e, yeroo baay'ee sochii qaamaas hin gootu."
"Gochoonni jaalalaa xixiqqoo kun eessaa akka dhufan osoo hin ilaaliin ykn hariiroo kamirraayyuu dhufanis, walitti dhufeenya gaarii ta'unsaa baay'ee barbaachisaadha," kan jedhan ammoo qorattoota gara biraati.

Madda suuraa, Getty Images
Fakkeenyaaf ''wayita dhukkubsannuutti kunuunsi miseensa maatii fi hiriyaa irraa argannu dafnee dandamachu keessatti gahee olaanaa qaba."
Garuu seenaa keessatti gaheen hiriyummaan fayyaa keenya eeguu keessatti qabu akka salphaatti ilaalama, kunis dogongora jedha qorannoon.
"Michummaan kabaja dabalataa argachuudha. Ta'us, yeroo hundas dursa warra kaaniif kennuun tarree keenya keessaa kan dhumaa ta'uus hin qaban," jechuun Denworth akeekkachiisa.
Yeroo tokko tokkos, michummaan hirriyyaa garii gaaʼelaa ykn maatii caalaa eegumsa guddaa taʼuu dandaʼa.
Xiinxaalli tokko ragaa biyyoota 97 irraa argameen akka agarsiisutti, maatii fi hiriyootaaf iddoo guddaa kennuun fayyaa fooyya’aa fi walumaagalattis gammachuu dabalataa waliin kan walqabatudha.
Gaʼeessota umuriin isaanii guddaa taʼeef, michummaan fayyaa fi gammachuu gahaa argachuuf caalaatti barbaachisaadhas jedhe.
Gosoota hiriyummaa
Heshmati akka jettutti, aadaa hunda keessatti hiriyummaan wal-irratti hirkattummaa fedhiidhaan uumame yeroon kan jijjiiramu yoo ta’u, namoonni dhuunfaa lamaan kaayyoo hawaasummaa fi miiraa isaanii itti hordofan.
Garaagarummaan guddaan qorannoo hiriyummaa adeemsa jireenyaa hunda keessatti mul’ata.
Yeroo hiriyoota waliin dabarsan ilaalchisee sirreeffama aadaa akka adeemsa yeroon darbeetti ta'e jira jedha Denworth.
Fakkeenyaaf: hiriyyummaan eenyummaa dargaggootaa ijaaruuf baay’ee barbaachisaa dha, ga’eessota umrii giddu galeessaa keessa jiraniif kan hin mul’anne yoo ta’u, maanguddootaaf immoo xiqqoo deebi’ee ka’a.
Kana irratti qorannoo saayinsii Sirni narvii irraas agarsiifni cimaan ni jira. Qorannoon hedduun yeroo hirmaattonni hiriyyoota waliin walqunnaman akkaataa sochii sammuu qorachuuf ‘functional magnetic resonance imaging’ (fMRI) fayyadamaniiru.
Bu'aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti naannoowwan sammuu hawaasummaa kanneen akka ilaalcha namoota biroo hubachuu wajjin walqabatan akka sochoosu agarsiisa.
Qorannoon tokko irratti, hirmaattonni hiriyyaa isaaniif yookaan nama hin beekne, maallaqa mo’achuu ykn waliin qooddachuuf carraan yeroo kennamu, naannoowwan badhaasa yeroo hiriyyaa filatanitti baay’ee socho’u.
Yunivarsiitii Leiden Nezerlaanditti saayintistiin sirna narvii Berna Güroglu, "addatti dargaggummaa keessatti, michuu yeroo dheeraaf badhaasa yeroo mo'atan, miira badhaasa dabaluun isaa hin oolu" jechuun ibsiti.
"Naannoo waggaa 15-16tti olka'iinsa guddaa qaba."
Yaadni Heshmatiin kaastuu walitti hidhamiinsa hawaas-miiraa kan agarsiisu yoo ta’u, kunis namoonni akkuma umuriin isaanii dabalaa deemuu fi miirrii yeroo isaanii jijjiiramuu isaatiin walqunnamtii hawaasummaa isaanii irratti caalaatti filannoo akka qabaatan kan agarsiisudha.
"Kanaaf yeroo dargaggummaa irra jirtutti, gosoota hiriyummaa fi hariiroo adda addaa irratti yeroo dabarsuu dandeessa, sababa qorachaa jirtuuf qofa... gara ga'eessota dulloomaatti amma hariiroo siif hin fayyadne baay'ee kutuu ta'uuf jirta, akkasumas kanneen fayyaa sammuu fi qaamaatiin faayidaa qaban qofa qabachuu."
Qulqullinni hiriyummaa keenyaa bu’aa guddaa qaba,keessattuu namoonni yeroo dullooman. Garuu michummaan yeroo hunda uumamullee umurii guutuu gargaara.
Walitti dhufeenyi laafaa ta’e odeeffannoo argachuu keenya bal’isuuf caalaatti kan gargaaru yoo ta’u, michummaan cimaan ammoo deeggarsa ijoo kan kennudha.
Hiriyyummaa adda addaa qabaachuunis ni gargaara.Hariiroo hawaasummaa adda addaa qabaachuun fayyaa keenyaaf waan gaarii ta’ee mul’ata, dandeettii qufaa ofirraa ittisuu illee guddisuu danda’a.
Heshmati akka jettutti, namoonni yoo waliigalan ta’e utuu hiriyummaan laafaa ta'es ammallee eeguun gatii qabaachuu danda'a. Kanaafuu hiriyyaan tokko torban torbaniin daawwannaa yoo eegu, hiriyyaan inni kaan ammoo waggaatti jijjiirraa WhatsApp muraasa yoo filate, akka wal-hinsimne ifa ta'e jira.

Madda suuraa, Getty Images
Michummaan cimaan faayidaa fayyaa cimaa kan qabu yoo ta’u, hariiroon wal-xaxaa baay’achuun dhiibbaa dhiigaa, dulloomuu seelii saffisaa fi miidhaa biroo wajjin kan walqabatuudha.
Hiriyummaa tokko tokko keessatti: "Hiriyyoota hedduu qabaachuu dandeessa ammas kophaa ta'uu dandeessa."
Barumsi bu'uuraa tokko hiriyyoonni akka waan salphaatti ilaalamuu akka hin qabnedha. Akkuma Denworth jedhu: "Guyyaa keessatti yeroo daangeffame qabna, hiriyummaanis invastimantii barbaada."
Investimentiin sun yeroo hunda salphaa miti, garuu bu'aa argamsiisa. Namoonni fayyaa sammuun rakkatan hiriyoota akka barbaadan gorafamu.
"Haala koo, fayyaa sammuu koo hubachuu fi madaallii hiriyootaa fi kunuunsa sirrii argachuuf waggoota 18 natti fudhate jechuu kooti," jedha Sakes kan hiriyoota godachuun itti ulfaata ture.












