Appii jaalalleewwan walitti fidaniifi yaaddoo nageenya dubartootaa

Renatee Niyiboorg

Appilikeeshiniin addunyaarratti jaalalleewwan walitti fiduun beekamu guddichi ’Tinder’ dhimmi ijoon ammatti kan '‘nageenya dubartootaa eeguuudha’’ jedhe.

Appiin Tinder jedhamu kun dhiiraafi dubartoota jaalallee argachuu barbaadan karaa keessoo haala icciitii isaa eegameen kan walitti fidudha. Yookaan isa afaan Ingiliffaatiin appii 'dating' jedhanidha.

Dhaabbanni teeknolojii kun garee warra miidhaan saalaa mana keessaa irra qaqqabu ittisurratti duula gaggeessan ‘No more’ jedhamu waliin hariiroo tolfachuun milkaa'ina duulichaatiif gahee isaa bahachaa jira.

'‘Hojiin nageenyaa dubartootarratti hojjannu hin goolabamne,’’ jechuun Hojii-gaggesituun Tinder Renatee Niyiboorg BBC'tti himan.

Ta'us, dhaabbanni gargaarsaa miidhaan dubartootaarra gahu akka dhaabbatuuf hojjatu’ End Violence Against Women’ akka himetti, miidhaan ykn qoccollaa dubartootaarra karaa onlaayinii akka Appii kanaafaatiin qaqqabu tarkaanfii fudhatamuuf waadaa galame kana waliin wal bira qabamee wayita madaalamu '‘xiqqaadha,’’ jedhan.

Applikeeshiniiwwan jaalallee walitti fidan (dating) ta'an dirree warra saal-qunnamtiif nama adamsan harkisuu isaatiin walqabatee Tinder tajaajila kennu keessatti jechoota qoccollaafi dubartoota salphisan keessummeessuun walqabate raawatamuuf qoratamaa ture.

Aadde Niyiboorg, dubartii ganna 36 yoo taatu, karaan yaddoowwan kanaaf fala barbaaduun danda’amu dubartoota dabalataan dhaabbaticha keessatti qacaruuni jette.

Erga Fulbaana 2021 hoji-gaggeessituu dhaabbata Tinder kan taatee muudamte Aadde Niyiboorg, lakkoofsa hojjattootaa dubartootaa %30’n dabaluu himteetti.

"Akkan yaadutti waan tokko beekuufi miirasaa ofiif arguu gidduu garaagarummaatu jira,’’ jechuun BBCtti himte.

"Akka dubartii kaaniitti muuxannoon arguu hin barbaadne, garuu keessa darbe hunda lakkaa’uun danda’a,’’ jette.

"Dubartiin haasofsiise kamiyyuu akkan yaadutti muuxannoo akkas fakkaatu hedduu qabu, kunis cimina hanga tokko qabaachuuf gargaara jedheen yaada," rjette-Iddoo hojiitti akkaata itti qabamtu/ilaalamtu iraa kaasee hanga jaalallee kee waliin hariiroo yeroo cimsattutti kan jirufaadha jette.

Dirqamaan gudeeduuf doorsisuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daarektarrii dhaabbata miidhaa dubartootarra gahu ittsuurratti hojjatuu ‘End Violence Against Women Coalition’ jedhamu Andiriyaa Saayiman, appilikeeshiiniin jaalalleewwan walitti fidu Tinder, tarkaanfii jajjabeessaa miidhaa saalaa waliin walqabatee dubartootarra gahu ittisuurratti fudhateera jedhan.

‘’Appilikeeshiniin jaalalleewwan walitti fidu kuni bakka namoonni itti wal baraniifi jaalatamaa ta’edha,’’ jette Andiriyaa Saayiman.

‘’Haata’u malee, akkaataan yakkamtoonni appii kanatti gargaaramuun namoota miidhan argatan lakkoofsi dubartoota appilikeeshinii gargaaramuun gudeedamanii akka dabalu taasiseera,’’ jedhan.

Tinder miidhaa qoccollaan qaqqabu gabaasuu eeyyamu jalqabuun tarkaanfii jajjabeessadha, garuu gudeeddi ittisuurratti hojii quubsaa hin hojjanne jedhan.

Dhaabbileen teeknolojii kanneen akka Tinder tajaajila tooftaa bizinasii miidhaa fedhii saalaaf qaqqabuuf xiyyeffannoo gahaa hin laanne fayyadamu jedhanii qeeqan.

‘’Nageenya maamiltoota isaa eeguuf itti gaafatamummaa fudhachuu qabu,’’ jedhan.

Hasxaa Tidnder

Madda suuraa, Getty Images

Jaalallee karaa toora Interneetii barbaaddachuu

Daarektarri duula ‘No More’ kan sadarkaa idil-addunyaa Pamelaa Zaballaa, Tinder maamiltoota isaa barsiisuu qaba, waa’ee amala badaa akeekkachisuu qofaan gahaa mitii jedhan.

"Nageenyaa nama karaa oonlaayinii jaalaallee barbaaddatuu mirkaneessuu qabna, kunis barsiisuurraa jalqabamuu qaba.

"Rakkoo dubartoota mudatu ni hubanna garuu, Tinder akka waligalaatti nageenyaaf xiyyeeffannoo jalqabaa kennuu qaba, dubartoota qofaaf osoo hin taane nama appilikeeshinicha gargaaramu hundaa nageenya isaanii eegu qabu,’’ jedhan.

Appilikeeshiniwwan kunneen maamiltoota isaanii balaarraa eeguuf dirqama seeraan daangaffeme hin qaban.

Gartuwwan duula gaggeessan mootummaan hokkara dubartootaafi shamarran irra gahe seera maxxansaalee miidhaa geessisan haquuf gargaaran keessatti hammachiisuu/dabaluu qaba jedhu.

Ta'us, seerri kun osoo hin ragga’iin yeroof tursiifameera.

Fakkii duula miidhaa saalaatiif fayyadamame

Madda suuraa, NO MORE

Ergaawwan miidhaa geessisan

Tinder waggoota darban keessatti tajaajila nageenya mamiltoota isaa eeguuf gargaaaran hedduu hojiirra oolcheera.

Ergaawwan arrabsoofi hammeenya of keessaa qaban adda baafamuun, namni ergaa sana erge gaaffii "itti amanteettaa?’’ jedhu, akkasuma namni ergicha fudhatummoo "ergaan kun si yaaddessaa?’’ jedhamanii gaafatamu.

Aadde Niyiboorg akkas jechuun BBCtti himan, "Namoonni waan jibban gabaasan %50’n dabaluusaanii argineerra,’’ jedhan.

Gaaffiin "itti amantee?’’ jedhu dhaamsa sirrii hin taane %10’n hir’iseera jedhe ragaan Match Group irraa argame.

Maach Group dhaabbata ‘Tinder, Match.com, Meetic, OkCupid’, fi ‘Plenty of Fish’ jedhaman of jalaa qaba.

Aadde Niyiboorg’’ yeroo hundumaa bu’uurayyuu amanamummaa, teeknoloojii fi waantoota nageenyummaa maamilaa mirkaneessanirratti hojjanna,’’ jedhan.

Ta'us ergan dhaabbaticha hogganuu eegalee kaasee amanamummaafi nageenyummaa mirkaneessuu wirtuu hojii keenya godhanneera jedhan.

Dubartiin ganna 24 Derriyaan Doogaas jedhamtu Niwujersii jiraatu Tinder gubbatti hiriyaa ishee dhiiraa waliin akka wal barte dubbatti.

Mallattoon nageenyumma maamilaa eeguuf appilikeeshinicharratti ka’aaman sirnaan mul’achuu qaba jetti.

Liizii Atikiinsan, dubartiin ganna 27 taates hiriyaa isheen appilikeeshiinii kanarratti wal barte.

"Appilikeeshinicha keessatti qabiyyee nageenya ofii tilksuuf Tinder irra taa’e hin hubanne, sababni isaas of eeguu kan qabu anuma mataa kooti jedheen yaadan ture," jette.

Of eeguuf jecha hiriyoota kootti iddoon dhaquufi nama waliin walbaruuf beellama qabaachuukoo itti hima jette.

Namni biraan Johaanisbarg jiraattu Dimfoo Tepaa, dubartiin ganna 24 ammoo arrabsamuu dubbatte.

Amala badaa

Ejensiin Yakkaa Biyyaalessaa ragaan baase akka agarsiisutti, lakkoofsi dubartoota umriin 19 fi isaa gadii otoo karaa toora intarneetii jaalallee barbaadanii miidhaan saalqaunnamtii irra qaqqabee dabaleera.

Qorannoon’ dokimeentarii BBC Dating's Dangerous Secrets’ jedhurratti ibsame akka agarsiisutti;

  • Maamiltoonni appiidhaan jaalallee barbadan % 37 ta'an namni amala sirrii hin taane qabu isaan mudachuu himan.
  • Maamiltoonni %63 nama karaa appilikeeshiinii kanatiin wal baranitti hin gammanne.
  • Maamiltoonni %33 immoo qoccolamuu himataniiru.

Shamarran hedduun kallattiin/qabataan nama bira waliin wal arguu akka sodaataykn akka yaadda’an namni akkatti jaallalle barbaaddatan gorsan Aleeksi Jarmanii himaniiru.