Tsiggeen 800m'n yeroo jalqabaaf Itoophiyaaf medaaliyaa mo'un 'baay'ee gammadde'

Atileet Tsiggee waliin Warqinash Massala hirmaatteetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Tsiggee kana dura fageenyichaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana keessaarratti injifatteetti

Atileet Tsiggee Dhugumaan Olompikii Paarisitti dorgomamaa jiruun fageenya 800m'n lammaffaa bahuun medaaliyaa meetii injifatte.

Medaaliyaan fageenya gabaabaa kanaan argame Itoophiyaaf seenaa Olompikii keessatti isa jalqabaadha jedhameera.

''Baay'een gammade,'' jechuunis dorgommii booda dubbatte.

Dorgommii morkii jabaan irratti mul'ate kana atileetiin Gireet Biriiten Keely Hodgkinson 1:56:72'n injifate.

Fageenyichaan shaampiyoonaa addunyaa kan turte atileetiin Keeniyaa Meeri Mooraa sadaffaa baate.

Dorgommii 800m kanarratti atileetiin biraa Itoophiyaaf dorgomte, Warqinash Massalaa, jahaffaan xumurte.

Atileetiin Gireet Biriiteen warqii mo'atte Olompikii darbeerratti lammaffaan xumurtee turte.

Warqiin amma injifatte erga Mohaammad Faarah Riyootti 5000m fi 10,000m'n warqii injifate as warqii jalqabaa Gireet Biriiteenif Olompikirratti galmaa'edha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barana Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa Gilaasgootti dorgomame akkasumas Taphoota Afrikaa Gaanaatti taasifameen 800m erga warqii mo’atte booda Tsiggeen eegamaa turte.

Tsiggeen gara jalqabaa dorgommii dursuu erga eegalte booda duubatti of qabde. Kunis humna qusachuuf akka ishee gargaare himte.

Keessumaa duubatti of qabuun ishee humna dabalattee Meeri Mooraa akka mo’attu akka ishee gargaare himte.

Sa’aatiin itti xumurte 1:57:15 isheef yeroo fooyyee qabudha. ''Yeroo saffisaa qabu cabsuukoo hin beekun ture,’’ jette.

‘’Isaaf baay’een gammada. [Fiigicha] 800m irratti hojjechuu ittiin fufa. [Fageenya] 400m irraati kanan kanatti dhufe,’’ jechuun dubbatte.

Atileetiin Daraartuu Tulluu fakkeenya godhattu kuni gulaallii lammataa Dilbata taasifame tokkoffaa ta’un kan dabarte.

Akkuma eegame atileetii Keeniyaa dabalatee atileetii Gireet Biriiten, fi kaan biraa irraa morkiin isaan qunnameera.

Barana yeroo jalqabaaf Olompikiirratti kan hirmaatte yoo ta'u fuula duratti 800m dabalatee 1500m'nis milkaa'uu barbaaddi.

Fiigicha 800m’n riikardiin addunyaas ta’e riikardiin olompikii bara 1980 keessa galmaa’e ammas itti hin bu’amne.

Tsiggee Dhugumaa eenyu?

Dhalattee kan guddatte Naannoo Beenishaangul Gumuz Godana Kamashii aanaa Dambee keessatti.

Abbaa malee kunuunsa haadhashee qonnaan bultuu addaa duree taate jalatti barnootaaf xiyyeeffannoo akka kennitu taatee guddatte.

Ijoollummaatti yeroo mana barnootaa turte wayitii ispoortii qofatti fiigdi malee takkaa hireen jirenyaa atileetii maqaa biyyaa dhoofsistu akka ishee godhu yaaddee hin beektu.

Itoophiyaa biyya ''galaana atileetotaa'' jedhamtu keessatti atileetotni gara injifannoofi beekamtii yoo dhufan suuta mula'tu. Isheen garuu tasa as baate.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaarratti wayita gareen Itoophiyaa abdate injifachuu dhabee ''Warqee malee galuu keenyaa?'' jechaa jirutti, warqeen iftee mul'atte.

Tsiggeen garee Itoophiyaa gara Gilaasgoo imale keessatti kan makamte fageenya hedduu irra hin turre 800m'n ture.

Leenjisaasheetu ''ittin abdadha, giddii hin qabaatiinaa. Mucaa kana mee fuunee haa deemnu'' jedhe garee sanatti akka makamtu qondaaltota Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa amansiise.

Atileetiin dorgommii kana dura fiigicha 800m meedaaliyaa argattee hin beekne warra shakkaa ishee erge boonsitee biyyaaf abdii ta'uu agarsiifteetti.

Gaaffiifi deebii yeroos BBC waliin gooteen ''dippiloomalle ta'u nan argamsiisa jedheen yaade malee tokkoffaa nan baha jedhee hin yaadne'' jette.

Sarara xumuraa irratti atileetiin ishee dura fiigdee galte akka hin jirre yeroo barte ''amanuun dadhabe'' jechuun dubbachuun ishee ni yaadatama.