Atileetiin Keeniyaa Gudaaf irratti balleessaa raawwachuun medaaliyaa mulqamte

Atileet Gudaaf Tsaggaayiifi Feeyiz Kipyegoon gidduu dorgommiirratti rakkoon mudate ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Gudaaf Tsaggaayiifi Feeyiz Kipyegoon gidduu dorgommiirratti rakkoon mudate ture

Atileetiin Keeniyaa Feeyiz Kipyeegon fiigicha 5000m irratti atileetii Itoophiyaa Gudaaf Tsaggaay irratti balleessaa raawwachuun himatamtee medaaliyaa mulqamte.

Fiigicha atileetiin Keeniyaa biroo Biyaatiris Chibeet 14:28:56’n seenuun mo’atteerratti Feeyiz lammaffaan xumurte.

Haa ta'u malee, qabxiin ishee akka hin qabamne ibsameera.

Kunis, fiigicha keessatti keessumaa xumuramuuf marsaan lama wayita hafu walitti bu'iinsa atileetii Itoophiyaa waliin qunnameen wal qabata jedhame.

Websaayitiin qabxii Olompikii ibsu Feeyiz qabxiin ishee hin qabamne (DQ - Disqualified) jechuun ibseera.

Dorgommii booda yoo boossu kan mul'ate yoo ta'u gareen Keeniyaa murtee kana akka ol iyyate ibsameera.

Dorgommii gidduutti Gudaaf yoo gatantartuufi miidhama ishee qunname fakkaatun fuula yoo guurtu mul'ateera.

Dorgommii 10,000m’nis kan qabdu Gudaaf, miidhamni yoo ishee qunname jiraate ammatti ifa miti.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas ta'e Koreen Olompikii Itoophiyaa ammatti waan dubbate hin qabu.

Atileetiin Keeniyaa Feeyiz fageenya 1500 si'a lama shaampiyonaa Olompikiidha. Barana 5000m'nis warqii injifachuu yaaddee turte.

Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo atileetota biyya isaanii medaaliyaa argatan baga gammaddan jechuun, Feyiziin ''abdii hin kutin'' jedhan.

Qabxiin akkam ta'a?

Akkaataa qabxiin atileetiin Keeniyaa Chibeet yoo injifattu, sadarkaa sadaffaan kan xumurte Siifan Hasan lammaffaatti ol baati jechuudha.

Atileetiin Xaaliyaanii Naadiyaa Baatosoleetii sadaffaa ta'um nahaasa argatti jechuudha.

Feeyiz medaaliyaa dhabun garee Itoophiyaaf ammatti medaaliyaa argamsiisu hin jiru.

Sababni isaas sadarkaa medaaliyaatti geessu argatanii waan hin xumurreef.

Ijjigaayyeew Taayyee shanaffaa, Madiinaa Iisaa lammaffaa akkasumas fageenyichaan abbaa rikardii addunyaa kan taate Gudaaf saddeettaffaa xumurte.

Fiigichi 5000m dubartootaa fageenya Itoophiyaan medaaliyaa itti eegde turte.