Fiigicha 5000m Chibeet injifatteen Itoophiyaan medaaliyaa tokkollee dhabde

Atileet Feeyiz Kipyegoon erga Gudaaf dhiibuun qabxiin ishee haqame booda deebitee medaaliyaa meetii argachuun ishee Atileetiksii Addunyaan mirkanaa'e

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Feeyiz Kipyegoon erga Gudaaf dhiibuun qabxiin ishee haqame booda deebitee medaaliyaa meetii argachuun ishee Atileetiksii Addunyaan mirkanaa'e

Dorgommii fiigicha 5000m Olompikii Paariisitti dorgomameen atileetiin Keeniyaa Biyaatiris Chibeet 14:28:56’n seenuun injifatte.

Atileetonni Itoophiyaa osoo eegamanii akkuma shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapestitti ta'e sadarkaa tokko hanga sadii hin argatiin hafan.

Gudaaf Tsaggaay erga dhiibamte booda duubatti hafuun saglaffaa yoo baatu, Ijjigaayyehu Taayyee jahaffaa, Madiinaa Iisaanimmoo torbaffaan xumurte.

Dorgommii kanarratti atileetiin Keeniyaa biroo Feeyiz Kipyeegon lammaffaan xumurte.

Haa ta’u malee, dorgommiin xumuramuuf marsaan lama yeroo hafu atileetii Itoophiyaa Gudaaf Tsaggaay dhiibuun qabxiin ishee akka haqame ibsamee ture.

Booda gareen Keeniyaa sababa iyyateef badiin mudate kan medaaliyaa dhabsiisu miti jechuun abbootiin seeraa murteessuu Atileetiksiin Addunyaa mirkanesseera.

Gudaaf Chibeetiifi Feeyiz waliin ta’un gara jalqabaarra fiigaa turtuus erga Feeyiz waliin wal dhiibuun mudate booda duubatti hafte.

Fiigicha 5000m’n abbaa riikardii addunyaa kan taate Gudaaf sababa dhiibamtee dorgommiirratti gatantaraa mul’atteetti. Yoo miidhamtee jiraattes hin baramne.

Gareen Itoophiyaas waan beeksise hin qabu. Atileetiin kuni fiigicha 10,000m irrattis akka dorgomtu ni beekama.

Atileetiin Itoophiyaatti dhalattee Nezarlaandisiif fiidgu, Siifan Hasan, sadaffaa kan baate yoo ta’u Feeyiz medaaliyaa argachuu isheetiin gammaduu himte.

Si’achii 10,000m fi maaraatoonii kan dorgomtu Siifan Olompikii Tookiyoorratti fageenya kanaan shaampiyoonaa Olompikii turte.

Dorgommichi atileetota fageenyichaan yeroo saffisaa addunyaa qaban sadii gidduutti taasifame.

Feeyid fageenyichaan shaampiyoonaa addunyaa yoo taatu, Siifan immoo injifannoo Tookiyootti galmeessite kabachiisuuf fiigde.

Gudaaf immoo fageenyichaan abbaa riikardiidha. Kanaaf haalaan eegamee ture.

Haa ta’u malee, fageenya 10,000m riikardii addunyaa kan of harkaa qabdu Chibeet xumurarratti saffisa dabaluun sadan isaaniituu mo'uun warqii kan ofii godhatte.

Feeyiz dorgommii 1500m ni qabdi. Yoo baranas injifatte Olompikii sadiirratti walitti aansuun fageenyichaan injifachuun seenaa dalagdi.

Atileetonni Itoophiyaa maaliif eegamani?

Olompikii Tookiyoorratti yeroo Siifan 5000m'n injifattu sadaffaa kan baate Gudaaf, ga'umsa gaariirra waan jirtuuf kanneen injifachuuf abdataman keessaa turte.

Kanaaf barana fageenya kanaan milkii ishee warqiitti ol guddisuu barbaaddi turte. Irrattimmoo 10,000m irratti waan hirmaattuf haala mijeeffachuu feeti.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapest irratti Feeyiz shaampiyoonaa yoo taatu, Siifaniifi Chibeet lammaffaafi sadaffaa bahan.

Atileetonni Itoophiyaa keessumaa 5000m dubartootaa irratti atileetota Keeniyaafi Siifan Hasanirraa morkiin jabaa isaan qunnameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileetonni Itoophiyaa keessumaa 5000m dubartootaa irratti atileetota Keeniyaafi Siifan Hasanirraa morkiin jabaa isaan qunnameera

Ta'us eegasii ''xiiqii kan qabatte'' Siifan, Fulbaana keessa fageenyichaan riikardii cabsitee turte.

Siifan akkuma dursitee beeksiste 5000m, 10,000m fi maaraatooniin dorgomuun seenaa atileetii Chekoslovaakiyaa dabalachuu barbaaddi turte.

Isheenis erga warqii dhabdee booda abjuu ishee kana waan milkeessuuf deemtu hin fakkaattu.

Fiigicha 5000m kanarratti walumaagala atileetonni 16 hirmaataniiru. Itoophiyaafi Keeniyaan sadii sadii hirmaachisan.