Waa'ee miidhama Lammeechaa hanga ammaa waan beeknu

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Dorgommii xumuraa 3000m gufachiisaa irratti osoo eegamuu marsaa xumuraarratti kan miidhame, Lammeechaa Girmaa, haala gaarirra akka jiru ibsame.
Wal morkii kana atileetiin Morookoo Sufiyaan El Bakaalii 8:06:05 seenuun baranas walitti aansuun warqii injifachuun shaampiyoonaa Olompikii ta’eera.
Atileetiin US Keenet Ruuks lammaffaa, atileetiin Keeniyaa Abirahaam Kibiwoot sadaffaa bahe.
Fageenyichaan abbaa riikardii addunyaa kan ta'eefi Itoophiyaaf medaaliyaa fida jedhamee eegamaa kan ture Lammeechaan, sababa miidhamaan dorgommicha hin xumurre.
Osoo eegamuu hanqachuu isaafi miidhamu isaan atileetonni Itoophiyaafi hawaasi Itoophiyaa garagaraa gadda isaanii ibsaniiru.
Atileetiin Itoophiyaa kuni fiigichi xumuramuuf osoo 200m hafuu gufachiisa yeroo utaaluf jedhu jilbi isaa itti bu'ee duubaan ofirra garagalee lafa dhahuun miidhame.
Jorroo fiigichaarra kufe keessaas gargaarsa ogeeyyii fayyaan baatamee wal'aansa dabalataaf gara hospitaalaa geeffame.
Gareen Itoophiyaa Lammeechaan hospitaalatti qorannoon erga taasifameef booda wanti balaa guddaarra isa buusu akka hin mudanne beeksiseera.
Lammeechaan yeroo kufe of wallaale kan ture yoo ta'u erga wal'aansa duraa argate booda of baruufi dubbatuu isaa miidiyaan Faransaay gabaaseera.
Atileetonni Itoophiyaa medaaliyaa galmeessuuf ifaajaa turan Fireew Saamu’el 6ffaa, Geetinnat Waale 9ffaa xumuran. Dorgommii boodas rifatanii mul'ataniiru.
Koreen Olompikii Idil-addunyaa fi qopheessitoonni Olompikii Paarisiis waa'ee miidhama Lammeechaarratti ibsa baasaniiru.
Maaltu mudate?
Fiigicha kanarratti fageenyi 1000m akka darbeen atileetonni Itoophiyaa sadan wal duraa duuba fiigaa turan.
Yeroo fageenyi 1800m gahe atileetiin Itoophiyaa Geetinnat Waala tuuta fiigu dursuu eegale, atileetiin Keeniyaas biraa fagoo hin turre.
Yeroo marsaan lama hafu atileetiin Keeniyaa Simon Kiproop Kowech gara dursuutti dhufe.
Eegasii yeroo marsaan tokko hafu dhihaatutti atileetiin Itoophiyaa Lammeechaafi atileetiin Morookoo wal dursuu eegalan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo kanatti atileetiin US Keenet Ruuks saffisa dabale, atileetiin Morookoos mirgaan as bahaa ture.
Haa ta'u malee, morkii jabaa keessa kan ture Lammeechaan dorgommiin xumuramuuf 200m yeroo hafu kanatti gufachiisa yeroo tarkaanfachuuf jedhu danqame.
Lammeechaan jilba isaa mirgaan gufachiisi isa rukute booda ofirra garagaluun duubaan lafatti kufe.
Yeroo kufu mataan isaas lafa rukutuu viidiyoon ni mul’isa. Suuraaleen qoodaman yeroo dirree keessa ciisuufi baatamee bahu agarsiisu.
Yeroo muraasaaf osoo hin socho'iin garaa isaatiin jorroo fiigichaarratti ciisee gargaarsa eegaa ture.
Eegasii lubbuu baraartonni dhaqqabanii kutaa medikaalaa achuma isteediyeemi keessa jirutti isa geessan.
Miidiyaan Faransaay L'EQUIPE akka gabaasetti, Lammeechaan lafa of wallaale ciiserraa erga wal'aansa argate booda of bareera.
Akka gabaasa kanaatti Lammeechaan osoo hospitaala hin geeffamiin dura of bare.
Lammeechaan erga of baree booda dubbachuu isaafi qorannoo dabalataaf kan gara hospitaalaa geeffame.
Miidhamni isaa hangam yaaddessa?
Dorgommii dura oduun ijoo falmii atileetii Itoophiyaafi Morookoo gidduu ta’us dorgommii booda garuu miidhaa Lammeechaa qunnameetu ijoo dubbii ta’e
Qopheessitoonni Olompikii Paaris ibsa baasaniin ‘’Dorgommii gufachiisa 3,000m irratti erga kufee booda, Lammeechaa Girmaan garee medikaalaa bakkicha turerraa wal’aansa argateera.
‘’Yaadaan waliin jirra. Akka dafee bayyanatu hawwina,’’ jechuun ibse.
Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa akka ibsetti, Lammeechaan erga hospitaala seene booda qorannoon taasifameeraaf.
Qorannoo CT Scan jedhamu taasifamee ‘’miilaafi mataa isaarratti miidhaan akka hin dhaqqabne ogeeyyiin fayyaa mirkaneessuu,’’ ibse.
Kanaan ala wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasifamuu isaa wanti ibsan hin jiru.
Atileetiin ganna 23 Lammeechaan dorgommii xumuruuf gufachiisi sadii yoo hafu itti bu’e.
‘’Haala isaa itti dhiheenyaan hordofuuf qondaalota Olompikii Itoophiyaa waliin qunnamaa jirra,’’ jedhaniiru qopheessitoonni Olompikii Paaris.
Koreen Olompikii Idil-addunyaa gama isaatiin Lammeechaan miidhamarraa dandamataa akka jiru ibsa baasen beeksiseera.
‘’Haala gaarirra jira, bayyanataa jira,’’ jedhee Koreen Olompikii Idil-addunyaa ibsuu Rooyitars gabaaseera.
Atileetonni Lammeechaa waliin fiiganiifi medaaliyaa injifatanis Lammeechaaf jajjabina hawwaniiru.
Hawaasi garagaraas miidiyaa hawaasummaa gubbaa waan mudateen gadduu ibsuun, ergaa jajjabinaa dabarsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin gameessi fageenyichaan Olompikiirratti Itoophiyaaf medaaliyaa kan galmeessan Shaambal Isheetuu Turaa, barana Lammeechaan akka warqii injifatu gargaarsa atileetota biyyasaa akka barbaadu BBC'tti himanii turan.
Akkaatuma kanaan, atileetonni Itoophiyaa Geetinnat Waalafi Fireew Saamu’el isa tumsaa turan.
Dursanii gareen dursuu eegalani. Kuni atileetii Morookoo rifachiisee ture.
‘’Dorgommiin salphaa hin turre. Warri Itoophiyaa karoora qabu ture, garuu Waaqni haa galatu dorgomaan biyyakoo Tinduuf na gargaare.
''Yeroo dorgommichaa waanuma gootu godhi na gargaari jedheen isa gaafadhe.
''Kanatti fulduratti bahee saffisa dabaluun garee Itoophiyaa addaan foo’e,‘‘ jechuun atileetiin Morookoo injifate dorgommii booda dubbate.
Hanga gufatutti Lammeechaan tasgabbaa’ee fiigaa, ga’umsa gaariirras ture.
Seenaa 1936 lammeeffame
Atileetiin Morookoo kuni atileetii Itoophiyaa fiigicha 3000m gufachiisaan waggaa darbe riikardii addunyaa cabse Olompikii Tookiyoofi shaampiyoonaa Addunyaa lamarratti mo'eera.
El Bakaliin keessumaa Olompikii Tookiyoo weerarri Covid danqeerratti warqiin inni injifate eega bara 1980 atileetii jalqabaa lammii Keeniyaa hin taanen galmaa'edha.
Eegasii Shaampiyoonaa Atileetiksii Yuujin fi Budaapestitti walitti aansee injifate.
Haa ta’u malee, Olompikii Paaris irratti sababa miidhamaan hin hirmaadhu ta’a jedhee yaadaa ture. Ammoo hirmaate, milkaa’es, seenaas dalage.
‘’Olompikii lamarratti walitti aansee mo’achuun,’’ galmee seenaarra galmaa’uu isaa Imimmaan gammachuu boo’aa dubbate.
Medaaliyaan El Bakaaliin injifate Olompikii Paarisirratti medaaliyaa jalqabaa Morookoof galmaa’edha.
Erga Olompikii 1932 fi 1936 irratti atileetiin Finlaand Volmaari Iso-Holloo walitti aansee fageenyichaan warqii injifate booda atileetii duraa seenaa wal fakkaataa raawwate ta’eera.
![Atileetiin Morookoo El Bakaaliin[bitaarra] erga shaampiyoonaa Olompikii ta'e booda atileetii biyya isaa isa gargaare, Tinduuf [mirgarra] waliin](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/0688/live/155a8450-556b-11ef-8f0f-0577398c3339.jpg.webp)
Madda suuraa, Getty Images
Atileetonni Arabaa kana dura Olompikii gubbaa warqii lama injifatan lama qofa.
Atileetii Morookoo Hishaam El Garuuzh Olompikii Ateens 2004 irratti 1500m fi 5000m warqii fudhate.
Lammiin Tuniziyaa bishaan daakkiin Olompikii Landanitti dorgomees akkanuma warqii Olompikii lama injifate.
Eegasii atileetiin Arabaa sadaffaa seenaa kana qooddate Sufiyaan El Bakaaliidha.
Lammeechaan eenyu?
Dhaloonni isaa Godina Arsiidha. Jalqaba Kilaba Atileetiksii Xurunash Dibaabaa magaalaa Asallaatti argamutti 1500m leenji'uuf seene.
Haa ta'u malee, leenjisaan kilabichaa Kaffiyaalewu Alamuu hojjaafi utaalchoo isaa erga hubatanii osoo gufachiisaan leenji'e gaarii ta'a jedhanii yaadan.
Boodarra Lammeechaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Magaalaa Finfinnee argamu seenuun leenjisaa gufachiisaa biyyaalessaa Tashoomaa Kabbadaa jalatti leenji'uu eegale.
Achirraa jalqabee dorgommii biyya keessaa garagaraa irratti hirmaatuu eegale. Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha.
Dorgomee sadaffaa bahe. Itti aansees Daayimandiligii Biraasalsitti fiigee sadaffaa bahe.
Ergasii booda ture Lammeechaan Shaampiyoonaa Atiletiksii Addunyaa bara 2019 Doha dorgomame irratti seenaa kan dalage.
Atileetii Keeniyaa Conseslus Kipruto Olompikii Riyoo irratti fageenyichaan warqii argate waliin walfalmee lammaffaa bahe.
Walitti siqanii xumuruu isaaniirraa kan ka'e deeggarsa meeshaan ture abbaan moo'e kan barame.

Madda suuraa, Getty Images
Medaaliyaan meetii yeroos Lammeechaan gonfate medaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti argattedha.
Egasii Shaampiyoonaa Atileetiksii Yuujin fi Budaapestittis lammaffaan xumure.
Olompikii Tookiyoorratti medaaliyaa meetii argachuun Itoophiyaan fageenyaan waggoota 41 booda medaaliyaa akka argattu gargaareera.
Atileetiin yeroo dheeraaf isa morkataa jiru atileetii Morookoo Sufiyaan El Bakal kan amma irra deebiin shaampiyoonaa Olompikii ta’edha.












