Lammeechaan Olompikiirratti 3000m'n warqii injifachuuf maal gochuu qaba?

Atileet Lammeechaa Girmaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammeechaan yeroo ammaa fageenya gufachiisa 3000m'n abbaa rikardii addunyaati

Atileet Lammeechaa Girmaa galgala har’aa Olompikii Paarisitti fiigicha gufachiisaa 3000m fiiguun biyyaaf medaaliyaatu eegama.

Gaaffiin guddaan medaaliyaan kuni kan akkamiiti kan jedhu. Dorgommiin atileetiksii Paarisitti erga eegalee torban ta’us Itoophiyaan ammatti warqii hin arganne.

Hanga ammaa 10,000m dhiiraafi 800m dubartootaan medaaliyaa meetii lamatu galmaa’e.

Gulaalliirratti ga'umsa bareedaa kan mul'iseefi fiigicha gufachiisaan riikardii addunyaa kan of harkaa qabu Lammeechaan kana jijjiiruu danda’aa?

Warqii argachuufoo wanti inni godhuu qabu maali? Shaambal Isheetuu Turaa atileetii jalqabaa Olompikiirratti gufachiisaan medaaliyaa argatanidha.

Olompikii Moskootti bara 1980 3000m gufachiisaan nahaasa injifatani. Yeroo ammaammoo gorsa garagaraa kennaa akka jiran dubbatan.

Erga isaan Moskootti mo’atanii waggoota 41 booda Lammeechaan Olompikii Tookiyoorratti lammaffaa bahuun biyyaaf meetii galmeesseera.

Dorgommii baranaan Lammeechaan ala atileetonni Itoophiyaa Geetinnat Waale fi Saamu’el Fireewu ni dorgomu.

Maaltu isa barbaachisa?

Lammeechaan Shaampiyoonaa Addunyaa Dohaa, Yuujin, fi Budaapestitti walitti aansee medaaliyaa meetii injifateera.

Injifannoon isaa kuni guddaa ta’us warqii mormatti godhachuufis ga’umsa qaba jedhu ogeeyyiin.

Kanaaf Lammeechaa maaltu isa hanqate? Shaambal Isheetuun muuxannoosaaniirraa waan taajjaban akkanaan dubbatu.

‘‘Qarqaarsa barbaada. Namni tokkichi qofaan fuuldura deemee fixuu hin danda’u. Akka bara darbe sanitti dogongora akka hin seenne of eeguu isa barbaachisa,’’ jedhan.

Lammeechaan akka irra deddeebi’e mul’atetti xumurarratti humna dhabuun yookiin dursee bahuu dhabuun warqii dhabaa jira.

‘‘Osoo bakkee itti ka’u, afuura isa ficcisiisu humna isa ficcisiisu safaree osoo hin ilaalin marsaan sadi osoo hafu fuldura darbee deeme. Namni duuba deemuufi kan fuldura qixxee miti.

‘‘Dhumarratti yoggaa inni 200m hafu bira darbe [morkataan]. San booda Lammeechaan waan qabu fixate,’’ jechuun morkataan isaa Budaapestitti injifatuu eeru.

‘‘Akkas akka itti hin deebine of eeggachuu isa barbaachisa. Ijoolleen immooyyuu inni otoo hin darbiin isaan darbanii gargaaruun isaan barbaachisa.

‘‘Yoo sana humna isaa qusatemmooyyu yoo deemelle yeroo san abbaan humna qabutu mo’ata jechuudha.’’

Shaambal Isheetuun yoo Lammeechaan of eeggatee fiige qabxii gaarii fida jedhanii abdatu.

Shaambal Isheetuun dorgommii gulaallii irratti Lammeechaa arganiiru. Morkataan Morookoo salphaa ta’udhaas baatu abdii horataniiru.

‘‘Humna qaba, barana gaariirra waan jiru fakkaata. Ofillee qusateeti ture. Kanaafu hin mo’ata jedheen yaada. Rabbi isa haa qarqaaru.’’

El Bakaliin maaliin Lammeechaa caala?

Dorgommii galgala har’aa irratti morkataa cimaa Lammeechaa ta’u danda’a jedhamee kan yaadamu akkuma irra deddeebiin mul’ate atileetii Morookoo Suufiyaan El Bakaliidha.

Atileetiin kuni irra deddeebiin Lammeechaa injifachaa warqii mo’ate. Atileetiin ganna 28 kuni Shaampiyoonaa Dohaarratti sadaffaa bahus, eegasii Yuujin fi Budaapestitti tokkoffaan xumure.

Olompikii Tookiyoorratti fageenya kanaan kan warqii injifatees isadha. Kanaaf wanti Lammeechaan irraa barachuu qabu jira.

‘‘Fuuldura darbee hin deemu [atileetiin Morookoo] beeki. Humna qusata. Kanaafuu taaktikiin [tooftaan] isaa kana isarraa baruutu isa barbaachisa.

‘‘Fuuldura yoo darbite wanta duuba jiru humna isaa hin beektu. Innimmoo miilakee qabee deeme salphaadhumatti si bira darba.

‘‘Gamnummaan isaa taaktikaan [tooftaan] isa caale yeroo san. Ammalleemmoo kanaan akka isa hin caalle eeggatee,'' akka fiigu gorsu.

Lammeechaa fi El Bakalii Budaapestitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Morkataa jabaa Lammeechaa ta'u danda'a jedhamee kan yaadame atileetii Morookoo Suufiyaan El Bakaliidha

Leenjiin atileetota Itoophiyaa garaagara waan ta’ef gorsa garagaraa dhagahuu malu jechuun yaaddoo ibsu.

‘‘Ijooleen yoo qarqaarte malee hin ta’u. Qophaasaa hin danda’u. Hin ta’u. Qarqaarsa barbaachisa.‘‘

Kanaaf garaagarummaan isaanii tooftaafi hubannoodha. ‘‘Sunis hojjete, kunis hojjete gamnummaa wal caalu.‘‘

'Humna qofa miti gamnummaa'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammeechaa kana dura yoo gorsanii jiraatan BBC'n kan gaafate Shaambal Isheetuun kana dura itti haasa’u isaanii dubbatan.

Lammeechaatiin yeroo gaafatan‚ gara caalu saffisarra malee marsaa fiiguurratti akka hin xiyyeeffanne‘ itti himuu dubbatan.

‘‘Marsaa yoo baay’istee hojjechuu baatte miilli si hadooda. Hanqatee hanqatu torbanitti guyyaa tokko,‘‘ marsaa fiiguurratti akka hojjechuu qaban gorsuu himu.

‘‘Gorsa barbaachisa. Humna qofaa osoo hin ta‘in gamnummaan ni barbaachisa hojjaan kuni.‘‘

‘‘Si’a soddoomi shan utaaltee lafa dhahuukee kuni,‘‘ miila hadoocha jechuun deddeebi’anii akka hojjetan gorsu.

Fiigicha 3000m gufachiisaa dubartootaan guyyaa kibxataa dorgomameerratti atileetonni Itoophiyaa hirmaatan sadarkaa keessa hin seenne.

Isarratti waan taajjaban yoo dubbatan dorgomtoonni Itoophiyaa cimoo akka ta’an himu.

Keessumaa Simboon ‘‘… deemtee deemtee dhumarratti ni hadoodde. Wajjiin deemuu dadhabde. Yoo irra deddeebi’anii hojjetan malee miilli ni hadooda,'' jedhan.

Lammeechaaf muuxannoo isaanii qooduu kan barbaadan Shaambal Isheetuu Turaan, ta'us waan kanaaf haalli mijataa hin jiru jedhu.

‘‘Namni wal argee wal mari‘ate malee, yoo wal argee wal gorse malee akkamitti ta’aree?’’

Morkattoonni biroo eenyu?

Walumaagala atileetonni 16 kan morkatan yoo ta’u kanneen keessaa sadii kan hiriirsite Itoophiyaa qofadha.

Morokoorraa El Bakaliin ala Mohaammad Tindoof ni dorgoma.

Murtee abbootii seeraan dorgommii xumuraarratti kan hirmaate atileetiin Keeniyaa Amoos Seerem alatti atileetiin Keeniyaa biroo Kiproop Koweech Simoon ni dorgoma.

Fiigicha kanarratti atileetonni Ispeen, Tuniziyaa, Ugaandaafi kaanis ni hirmaatu.

Fiigichi 3000m gufachiisaa waan kana dura irra deddeebiin milkaa'aniif ‘’fiigicha aadaa warra Keeniyaa’’ jedhamee yeroo dheeraaf ni beekama.