Maayik Taayisan: Waggaa 13 otoo hin guutiin al 30 ol hidhamuu hanga buunyaan shaampiyoonaa addunyaa tahuutti

Madda suuraa, Getty Images
Jimaata darbe gaafa 15/2024 marsariitii fiilmii tamsaasu Neetfiliiks irratti dorgommii bunyaa namoonni miiliyoona 100 ol kallattiin dawwatantu ture.
Dargaggeessa ganna 27 Jeek Pool jedhamutu nama yeroonni dhalate dorgommi bunyaan shaampiyoonaa addunyaa ture Maayik Taayisan waliin walii bahuuf qophii dha jedhe.
Dhalootni abootteefi bunyaa Taayisan morkattootasaa 'obaasaa' ture foddaa TVdhaan argaa guddate falmii kana daawwachuuf fedhii guddaan eegaa ture.
Dorgommii bunyaa marsaa saddeetiin isteediyeemii Teeksaas ATandT' tti adeemsifameen Maayik marsaa lammaffaa irratti dullumni irraa mul'ate.
Jeek Pool abootteedhaan al 78 dhahuun injifannoo yoo gonfatu, Maayik marsaa guutuu keessatti aboottee milkaa'e 18 qofa Poolirra buuse.
Lammiin Ameerikaa Yuutubar beekamaa ture Jeek Pool yeroo dhihoon asitti dha ispoortii lolaa kanatti kan dhufe.
Dorgommiin duras, ''Maayik Taayisaniin nan injifadha ayyaanni amma gara kooti, waggoota darban afuriif yeroo akkanaaf sirriittan qophaa'aa ture. Namni kuni namni ana caalu isa hin barbaachisu. Ani onnee gootaafi loltuun qaba,'' jedhe.
Niiw Yoork ollaa Foort Giriin keessatti bara 1966tti kan dhalate namni ganna 58 Maayik Taayisan morkataa saafela bara dullumaa itti dhufe kanaaf iddoo guddaa waan kenneefi hin fakkaatu ture. ''Inni hin qoosa'' jedhees ture.
Dorgommii isaaniin guyyaa tokko dura yeroo ulfaatinni isaanii nama fuulduratti madaalamu Maayik Taayisan kaballaadhaan Jeek Pooliin fuula dimeesse.
Taayisan dorgommii dura dhukkubsatee du'arraa ooleetu ji'a ja'a oliif leenji'uun gara dorgommichaa dhufe.
Falmiin jaroota lameen akka eegame hin turre kan jedhan baayyee dha.
Dorgomaan bunyaa duraanii Kiroofordi, ''Maayikiin nan jaaladha garuu akka malee iddooo guddaa kennaniifi. Dorgommiicharratti 'daaraa' tahe,'' jedhe isa qeeqe.
Jeek Pool illee akkasuma nama ganna 58 falmee mo'achuusaatti ''akka mo'amuuti'' jedhamaa ture.
Akkuma dorgommii kanaa jireenyisaa wal famisiisaa kan tahe Maayik Taayisan eenyu?
Dhimmoota shan waa'ee nama 'sibila namaa' jedhamuun leellifamaa turee qindeessineerra.
Dhiyaadhaa!
1. Gugee oolchuuf jedhee yeroo jalqabaaf nama lole

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Ijoollummaa kootti baayyee fokkisaafi furdaa waanin tureef ijoolleen natti qoosti ture. Gammachuun koo gugeewwan manaa qabu dha.
Yeroo ijoollee ganna sagaliin ture, gugeewwan iddoo baqannaa koo turan, '' jedhe Maayik jaalala inn gugeedhaaf qabu yoo ibsu.
Yeroo jalqabaaf ijoollee wajjin kan wal-loles sababuma gugee kanaan ture.
''Gaaf tokko gugeewwan koo waliin otoo taphadhuu gurbaan ollaa mana akka tasaa seenee gugee koo tokko hatee fiige.''
Maayik gugeesaa deebisifachuun gurbaa wajjin fiiguu akka jalqabeef haadhasaa gargaarsaaf akka waammate dubbata.
''Maaloo, maaloo gugee koo naa kenni jechaan wajjin fiiga. Gugee kee barbaaddaa? jedhee mataa irraa muree natti darbate. Dhiigni gugee sanaa fuula kootti faca'e.
Haati koo hin sodaatin haleeli, yoo inni si dhahe sin gargaara naan jetti. Boodarra na dhiite. Anis nan dhaheen. Dhumarratti nan mo'e natti fakkaata.'' jedhe haasaa gaazexeessa Ameerikaa Girahaam Beesiingar waliin taasiseen.
Lolli jalqabaa 'sibilaa namaa' kanaas gugeesaa oolchuuf kan taasifame ture.
Maayik bineensota akka jaalatu af gaaffii yeroo garagaraa taasifameefin dubbateera.
Gugee 100 olis mana isaatti madaqfatee akka qabu miidiyaalee garaagaraa irratti dubbateera.
2. Waggaa 13 otoo hin guutiin al 30 caala hidhameera
Ijoollee ollaasaa yakki itti baay'atu wajjiin otoo taphatuu qophii 'daansiitu' jira jennaan gara wiirtuu mana barumsaa tokko waliin deeme.
Barattoonni kaan wayya geeddaratanii ture kan deeman inni garuu uffata cilaattiifi gugeen koseessite keewwatee deeme. ''Ijoolleen natti kolfan anis ofittan kolfee,'' jedha.
Boodarra hiriyyaansaa tokko akkatti suuqii dhaa wayyaa saamuu danda'u isa barsiisuu Giraahaam Beesingaritti himeera.
Taayisan saamichaan akkasumas sagalee isaa qal'aafi isa cafaqaa haasa'uuf kanneen itti qoosan reebuudhaan yakka yeroo raawwatu irra deddeebiin to'atamee ture.
Kitaabasaa 'Undisputed Truth' eeruun miidiyaaleen akka gabaasanitti: waggaa 13ffaa isaattti yeroo 38ffaaf qabamee hidhame ture.
Dandeettii inni bunyaa irratti qabu wiirtuu mana sirreessaa ijoollee otoo jiruuti nama duraan bunyaa dorgomuun kan barame.
Boobii Istuwaart dandeettii addaa Maayiik arguun gara lenjisaa Kaas Daamto jedhamutti isa erge. Maayik barnoota sadarkaa lammaffaa adddaan kutee, harkasaa bunyaaf aboottate.
Waltajjii dargaggootaa irratti argamee yeroo haasa'u ''otoo ispoortii bunyaa keessa hin galle tahee, ispoortii akkamii irratti hirmaatta ture?'' jedhamee gaafatamnaan.
''Yakka irrattiin hirmaadha ture, mana hidhaa ol adeemtotaa keessattin argame bar'' jechuun deebiseera.
Shaampiyoonaan bunyaa ulfaatina guddaa(kanneen kg91 ol ulfaatan) bara 1992tti yakka gudeeddiin balleessaa jedhamee hidhaan waggaa ja'aas irratti muramee, waggaa sadii turee, hiikamuu danda'eera.
Sababa kanaan Arjantiinaa dabalatee biyyoota kaanitti akka hin galle dhorkamaa ture.
3. Dorgommii buunyaa 59 keessaa 50 mo'ateera

Madda suuraa, Getty Images
Maayik Taayisan dorgommii piroofeeshinaala bara bara 1985tti umriisaa waggaa 18 taasiseen injifannoon gale.
Namni maqaan masoo 'sibila namaa' jedhu kennameef Maayik Taayisan bara 1986tti ture dorgommii bunyaa ulfaatina guddaan mo'achuun umriisaa waggaa 20tti shaampiyoonaa tahuun seenaa haaraa kan galmeesse.
Taayisan dorgommiisaa yeroo gabaabaa keessatti aankii(kabaja) World Boxing Council dabalatee dorgommiiwwan piroofeeshinaalaa ijoo sadii mo'achuun nama jalqabaa tahe.
Mo'icha argate kanas yeroo saddeetiif deebisee eegsifatee ture.
Miidiyaalen Ameerikaan akkaan isa dinqisiifachuu jalqaban, dorgomtoonnisaa dallaa(ring) dorgommii otoo hin seenin isa sodaachuu jalqaban.
Akkatti inni morkattootsaa aboottatee dhahu, saffisaafi qindoominni agarsiisu akka dorgomaa hin qabnetti leellifame. The baddest man on the planet ''Nama pilaaneetii kanaa duubatti hin deebineefi namaa hin hilles'' jedhameera.
Galmeen Bunyaa Piroofeeshinaalaa akka agarsiisutti Maayiik Taayisan bara 1985 irraa qabe hanga bara 2024 dorgommiiwwan 59 irratti hirmaateera.
Kunneen keessaa 50 kan mo'ate yoo tahu 44 morkataasaa knock out ykn lafaan dhaheetu mo'ate. Shan murtoo daanyaan mo'achuunsaa mirkanaa'era.
Torba mo'ame keessaa shanansaa morkataan lafaan isa dhaheetu injifatame.
Maayik Taayisan bara 1996tti morkataasaa Ivaandar Hooliifiildiin mo'amuun booda bara 1997 Laas Veegaasitti deebi'anii lolaaf walii bahan.
Marsaa sadaffaarratti garuu waan addaa seera bunyaa cabsetu tahe. Taayisan fiixee gurra falmatasaa ciniinee, dhiigsee, irraa muree tufe.
Dorgommii sanarratti Taayisan seeraan ala jedhamee, poolisiiniyyuu gidduu seenee gargar baasuu yaale.
Maayik waggaa muraasaan dura miidiyaa hawaasaa GQ sports jedhamurratti dhiyaatee yeroo dinqisiifattootasaaf deebii kennu maalii morkataasaa akka gurra ciniine gaafatamee ture.
''Miira harka kennuufi jabina dhabuuti natti dhagahame. Innimmoo akkaan na haleelaa ture, nan aare, waanan godhu wallaale jennaan gurrasaa ciniine.
Ammallee dhugumaa dhiifaman jedha,'' jechuun dhiifama gaafateera.
4. Amantiisaa gara Islaamaatti geeddareera

Madda suuraa, Getty Images
Maayik Taayisan maatiidhaan amantii Kaatolikii keessatti haa guddatuyyuu malee bara 1992tti yeroo gudeeddiin balleessaa jedhamee yeroo mana hidhaa galee amantiisaa gara Islaamaatti geeddare.
Dorgommii bunyaa keessatti akka fakkeenyaatti kan ilaalu Mohaammad Alii nama amantii Islaamaa hordofu dha.
Taayisan erga amantiisaa geeddareen booda dorgommiin bunyaan booda yeroonni salaatu mula'teera.
Fox News dabalatee waa'ee amantiisaa Islaamaa miidiyaalee garagaraa irratti ifatti dubbata.
Imala Islaamummaa gara Mekkaa taasifamu Umraas yeroo lama dhaquun hirmaateera.
5. Qonna hashiishii, tumaa, matta'aa, qerransa madaqsuu

Madda suuraa, Getty Images
Maayik Taayisan yeroo baayyee araada dhugaatii fi baala sammuu namaa hadoochu hashiishiidhaan maqaansaa ni ka'a. Innis miidiyaaletti yeroo dhiyaatu ''dhiisuuf'' akka yaalu fa'i dubbata.
Haa tahu malee qonna hashiishii akka qabu miidiyaa ispoortii GQ sports irratti yeroo waa'ee hashiishii gaafatame:
''Eeyyee qonna hashiishii qaba. Paam Ispiiriing, Kaalifoorniyaa keessa ekaara 400 ni tahaa jechuun deebisee ture.''
Tumaan fuulasaarra mul'atu saba ganamaa Maaworii Niiw Ziilaand keessatti loltootatu tumata. ''Argeen natti tole jennaan tumadhe,'' jedhe
Af gaaffiiwwan miidiyaaleef kennerratti Maayik waggootaan dura dahoo bineensotaa Niiw Yoork keessa jiru yeroo daawwachaa turetti matta'aa kennuuf akka gaafate dubbateera.
Haadha warraasaa duraanii waliin tahuun mattaa'aa kennuuf kan gaafate nama dahoo bineensotaa eeguun hogganaa gurillaa silverback jedhamu waliin walii bahuun barbaada jedheeti.
Taayisan gurillaa warra kaan dooorsisu argeetu karra eegaa dallichaan ''doolaara 10,000 sii kennaa man'ee homaa gurillaa kanaa naa bani seenee qorichasaan kennaafi,'' kan jedhe. Gaaffiisaa garuu fudhatama otoo hin argatiin hafe.
Taayisan qeerransa Keeniyaa jechuun waame madaqsee akka ture dubbateera.
Akka GQ sports irratti dubbateen kg250 akka ulfaattuufi akka malee guddoo akka turte hime.
''Baayyeen jaaladhaani ture, na waliinis rafti ture gara waggaa 16 na wajjin turte. Boodarra garuu dulloomte, dabalataan irree nama tokkoo irra kutte,'' jechuun dubbateera.












