Maayik Taayisan imalaa wajjin deemaa ture bunyadhaan dhahe

Maayik Taayisan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maayik Taayisan

Taphataan beekamaa bunyaa duraanii Maayiik Taayisan imalaa xiyyaaraa wajjin ture erga ‘’qaruuraa itti darbateen’’ booda bunyaadhaan dhaheera jechuun dubbii himaan Taayisan mirkaneesseera..

Viidiyoon xiyyaara keessatti waraabame Taayisan teessuma nama eenyummaansaa adda hin baafamnetti siqee bunyaadhaan irra deddeebiin yeroo dhahu mul’isa.

Dubbii himaan taphataa bunyaa kanaa, Taayisan, ‘’imalaa isa qoccolaa ture wajjin rakkoon wayiin mudateera,’’ jedhe.

Boodarra poolisiin namoota lameen kunneen to’annoo jala oolcheera.

Namni tokko buufata xiyyaaraa Saan Firaansiskootti miidhaan lubbuuf hin sodaachisne irra gahee yaalamaa jira jedhe.

‘’Namni kuni maaltu akka uumame odeeffannoo guutuu poolisiif kennuuf eeyyamamaa mitii,’’ jette dubbii himtuun poolisii Saan Firaansiskoo.

Jarri lameen, ‘’qorannoon dabalataa,’’ akka taasifamu itti himamee gadhiifamaniiru. Poolisiin jarrii eenyu akka tahan adda baasee hin himne.

Roobii galgala Taayisanii fi namni dhahame xiyyaara Saan Firaansiiskoo irraa gara Filooriidaa deemu yaabuuf otoo eeganiiti haleellaan kuni dhalate.

Viidiyoon miidiyaa TMZ dhimma namoota beekamoo gabaasuun beekamuun bahe, lola namoota kunneen gidduutti taasifamu guutummaatti hin agarsiisu, qaruuraan Taayisanitti darbatame jedhames hin mul’atu.

Akka TMZ jedhutti jalqaba Taayisan imalaa sana wajjin suuraa ka’uuf waliigalee, akka ‘tasggabbaa’u’ itti himus namichi garuu Taayisan qoccoluu itti fufe.

Yeroo Taayisan imalaa kana dhahu namni biraan, ‘’Maayiik, Maayiik ‘’ jechaa dubbii qabbaneessuuf yaalaa ture.

Sana booda addi imalaa ruktutamee dhiigaan uffifamee ture.

Poolisiin Saan Firaansiiskoo viidiyoon waraabame akka isa qaqqabe himee qorannoodhaaf qaama ilaallatutti akka erge beeksiseera.

Taayisan bunyaaf yeroo dorgomus tahe, alatti haleellaadhaaf haaraa miti.

Bara 1992tti gudeeddiidhaan adabamee waggaa sadii hidhaa tureera. Bara 1997tti gurra dorgomaas ciniinee waan kuteef dorgommiirraa arii’ameera.

Guraandhala 2021 irraa kaasee rakkoowwan akkanaa 7000 Ameerikaatti mudateera. Yeroo baayyee maaskii keewwadhuu hin keewwadhuu irratti kan ka’anidha.