'Haleellaan koorniyaa meedaaliyaa warqee mi'ooftuu godhe'- Kehliif

Madda suuraa, Getty Images
Taphattuun bunyaa Olompikii Paaris irratti gaaffii koorniyaa(saalaa) irratti ka'e Imaan Kehliif warqee injifatte.
Injiffannooshee booda yaada kenniteen haleellaan koorniyaa irra gahe injifannoosheef gammachuu dabaluu dubbatte.
Atileetiin kun bara darbe dubbii koorniyaa irratti ka'een walqabatee Shampiyoonaa addunyaarraa dhorkamtee ture. Sababni ammoo ulaagaa koorniyaa hin guutiin hafte kan jedhu ture.
Paarisitti akka hirmaattu hayyama argachuu hordofee morkii taphattuu bunyaa Xaaliyaan waliin gootee booda ammallee gaaffii guddaan irratti ka'ee ture.
Imaan tapha xumuraa atileetii Chaayinaa Yaang Liwuu marsaa shaniif morkattee injifatte.
''Dorgommii kanarratti hirmaachuuf ulagaa hunda guuteera. Akkuma dubartoota kaanii anis dubartiidha'' jette injifannoo booda.
Dabaluunis ''dubartii ta'een dhaladhe. Dubartii ta'een jiraadhe. Akka dubartiittin dorgome. Waayee kanaa shakkiin hin jiru'' jetti dubartiin ganna 26 kun.
Kehliif Waldaan Intarnaashinaalaa Bunyaa dhiibbaa irraan gaheera, ''maaliif akka ta'e hin beeku na jibbu'' jette.
Riingii dorgommii bunyaa keessa wayita jirtu garuu lammiileen Aljeeriyaa osoo of hin qusatiin ishee deeggaru.
Kehliif tapha xumuraa olaantummaan xumuruunshee labsamuu dura gammachuushee daansiin ibisite.
Wayita injifataan ibsamu morkattuunshee Yaang harka Kehliif ol kaafte. Yaang akkuma Kehliif gaaffiin koorniyaa irratti ka'ee shaampiyoonaa addunyaarraa dhorkamtee ture.
Kehliif injifachuunshee erga labsamee imimmaaniin boosse.
Meedaaliyaa guddaan Kehliif amma dura injifatte meetii bara 2022 argattedha.
Kehliifi morkattuunshee warqee lammii Chaayinaa bara darbe ulagaa hin guunne jedHamanii shaampiyoonaa addunyaarraa dhorkamanii ture.
Koreen Olompikii Idila Addunyaa garuu murtee Waldaa Bunyaa addunyaa dhiisee lameen ''dubartii ta'anii dhalatanii guddatan'' ulgaa ni guutu jedhee Paarisitti hirmaachise.
Pireeidantiin Koree Olompikii Addunyaa Tomaas ''sirni saayinsaawaan dubartiifi dhiira adda baasu jabaan hin jiru'' jechuun qeeqa ka'uuf deebii kennan.
Kehliif namoota ishee qeeqaniin ''diina milkaahinaati'' jette.
''Haleellaan narra gahe milkaahina kootti dhama biraa dabale'' jechuunis dubbatte.
Dhaamsi addunyaaf qabu qajeeltoo Olompikii akka kabajaniifi nama miidhuu(bullying) akka dhaabaniidha'' jette Kehliif.
Namni hundi dhiibba ahin taane namarraan gahuu akka dhaabu qajeeltoo Olompikiis akka kabajuu qabu dubbatte. Fuula duratti haleellaa walfakkaataa akka hin argine abdii qabdus ibsite.












