Dorgommii Federeeshinii Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa baranaa maaltu adda godha?

Sagantaa OSFNA

Madda suuraa, EBBA ABBAMURTI TURI

Federeshinii Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa(OSFNA) jedhamee beekamu barana Adoolessa 27, 2024 irraa eegaluun guyyoota saddeetiif magaalaa Minisotaa Seent Paawolitti gaggeeffamaa jira.

Sagantaan agarsiisa aadaafi dorgommii ispoortii kana durallee gaggeeffamaa ture.

Feestivaalli Federeeshinii Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa baranaa dorgommii kubbaa miilaa , fiigicha, konsartii muuziqaa fi qophilee adda addaatu irratti dhiyaata.

Dorgommii kubbaa miilaan cinatti kubbaan saphanaa(volley ball) yeroo jalqabaaf dorgommichatti dabalamuu qindeessaan dorgommichaa eeraniiru.

Federeeshiniin ispooortii kun Kanaadaa Toroontootti waggaa 27 dura yeroo hundeeffamu gareewwan jahatu irratti hirmaate ture-Amma gareewwan ispoortii 32 irratti hirmaata jedhu Qindeessaan sagantichaa Obbo Abdurrazaaq Tololaa.

Barana gareen dubartootaa dorgommicharratti hirmaatan akka hin jirre dubbataniiru. Sababa gareen dubartoota gareewwan hangasii keessaa dhabamaniif garuu hin ibsiin hafan.

Dura taa’aan Federeshinichaa Obbo Kamaal Qaabatoo OSFNA’n guddachaa dhufuu eeruun, iddoo aadaa fi seenaan Oromoo itti agarsiifamu ta’eera jedhu.

‘'Feestivaala Oromoo, aadaa keenya addunyaatti bakka ittiin mul’isnu’’ jedhan Obbo Kamaal.

Sagantaa kanarratti artistoonni bebbeekamoon daawwattoota sagantichaa bohaarsuuf affeeramanillee akka jiran kaasan.

OSFNA’n garee ispoortii Oromoo Ameerikaa keessa jiraatanii qofa otoo hin taane , kan biyyoota addunyaa garaa garaa keessa jiranii ta’utti jiraachuu himan Obbo Abdurrazaaq.

Baranaa fi bara darbe garee ispoortii Noorweeyirra Ameerikaatti imalanii dorgommiirratti hirmaataniiru.

Waggoota 32’f Ameerikaa kan jiraatan Obbo Abdurrazaaq, otoo gara sagantaan OSFNA qindeessutti hin ce’iin saganticharratti yeroo dheeraaf hirmaata turuu dubbatu.

Aliin garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kanaadaaf yeroo Waancaa 'Concacaf Gold Cup' jedhamuuf taphatu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Aliin taphataa garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kanaadaaf yeroo Waancaa 'Concacaf Gold Cup' jedhamuuf taphate

Obbo Abdurrazaaq Teksaas irraa dargaggoota dorgommicharratti hirmaatan gara sagantichaatti geessaa akka turan yaadatanii dubbatan. Obbo Abdurrazaaq dhalatoota Oromoo Federeenishicha hundeessaanillee galateeffataniiru.

Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaaf hiriire gahumsa gariin taphataa kana jiru dhalataan Oromoo Alii Ahimad dargaggota dorgommii kana keessaa argaman keessatti eeramu danda'a.

Aliin Minesotaatti imalee taphoota Federeeshinii Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaarratti tapahataa akka ture.

Daawwattoota

Madda suuraa, EBBA ABBAMURTI TURI

Seenaa durduubee OSFNA- eessaa ka'ee eessa qaqqabe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Federeshinii Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa akka hundaa'u dhalattoota Oromoo Kanaadaa keessa jiraatanitu Kanaadaa magaalaa Torontootti eegalchise.

Kaayyoon ijoon isaa ammoo walitti dhufeenya hawaasaa Oromoo cimsuudha.

Bara 1996 Federeeshichi yeroo hundaa'u gareewwan ispoortii jahatu hirmaate jedhan Obbo Ambdurrazaaq.

Isaanis;- Risaa-Minisootaa, Madda Walaabu-Siyaatil, Oromiyaa-Toroontoo, Odaa-Kanaadaa, Bariisaa -Atlaantaa fi Bakkalcha- Otowaa turan.

Amma lakkoofsi gareewwan dorgommii saganticharratti hirmaatanii dabaleera.

Gareewwan ispoortii hawaasa Oromoo ardiiwwaan Awurooppaa, Afrikaa fi Awustiraaliyaarra sangaticharratti hirmaatan dhalachuu hordofee maqaa Federeeshichaa geeddaruun akka hin hafne qondeessitoonni sagantichaa himaniiru.

Sagantaan OSFNA iddoo dandeettiin taphaa itti agarsiifamu qofa otoo hin taane aadaa fi duudhaan hawaasicha walirra baratamuu ta'uun tajaajileera.

Akkuma OSFNAtti gareewwan dorgommii biroo maqaa hawaasa garaa garaatiin Ameerikaatti keessatti hundaa'anii gaggeeffaman jiraachuun ni himama.