Taurai Zimunya: Dargaggeessi Zimbaabwee dorgommii bunyaa keessatti dhawamuun of wallaalee du'e

Zimbabwean boxer Taurai Zimunya

Madda suuraa, Other

Ibsa waa'ee suuraa, Taurai Zimunya marroo sadeessoo dorgommichaatti of wallaalee kufe

Zimbaabwee magaalaa Harareetti erga taphataan bunyaa Taurai Zimunya jedhamu dorgommiirratti boksiin dhawamee lubbuun darbe booda, adeemsa nageenya taphichaa irratti namoonni gaaffii kaasaa jiru.

Dargaggeessi ganna 24 Zimunyaan dorgommii gaafa Sambataa godhamerratti kan kufe oggaa tahu, gaafa Wiixataa lubbuun dabarte.

Zimbaabwetti taphataan ispoortii bunyaa, dorgommii keessatti miidhaa irra gaheen lubbuun darbuu kun kan isa jalqabaati.

Barreessaa olaanaan qaama biyyaalessaa bunyaafi wal'aansoo to'atuu (ZNBWCB) Lawrence Zimbudzana, dhimmicharratti qorannoon haa gaggeeffamu kan jedhu fuulduratti ilaalama jedhan.

''Ammatti owwaalcharratti xiyyeeffanna. Achiis gadi teenyee dhimma jedhamerratti haasofna,'' jechuun Aabba Zimbudzana owwaalcha taphataa kanarratti BBCtti himan.

Ibsi ZNBWCB baase akka jedhutti ''adeemsi wal'aansa fayyaa barbaachisaa tahaniifi qarqaarsi fayyaa sadarkaa duraa, hospitaala geeffamuu isaatin dura achuma bakka dorgommiitti taasifameeraaf.''

Zimunyaan booksiin mataa keessa yeroo hedduu dhawamuun, marroo sadaffaa keessa of wallaalee kufe. Taphichi marroo jaha kan qabu ture.

Leenjisaan isaa duraanii Tatenda Gada haalaan gadduu hima - dargaggeessa carraa hedduu qabu ture jedha.

''Nama carraa guddaa qabu of duraa dhabne,'' jedhan Aabb Gadaan. ''Taurai wajjin waggaa afurii ol wajjin hojjenne - guddinasaa hordofaan ture. Nama abdii itti godhanne ture.''

Abbaan Zimunyaa Aabba Saamson ofii isaaniitii dorgomaa bunyaa kan turan oggaa tahu, ilmi isaanii kun maqaa maatii kanaa ol kaasee mul'isuun, shaampiyoona taha abdii jedhu qabu turan.

Taphni booksii yookaan bunyaa Zimbaabwetti irra deebiin kan eegale, erga weerara Kovidiif jecha uggurri laaffate boodadha.