Fakkiiwwan Muhaammad Alii kaase dolara miiliyoona tokko tahuun gurguraman

Muhammad Ali in Davos, Switzerland, in 2006

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Muhaammad Alii is dorgomaa bunyaa cimaa addunyaarraa yeroo maraati jedhama

Fakkiiwwan qubeessaa fi halluudhaan kaafaman dorgomaa bunyaa beekamaa Muhaammad Alii, caal-baasii doolaara miiliyoona tokkotti siquun gurgurame.

Hojiiwwan aartii 26 tahan kunniin mana caal-baasii Bonhams, New York’tti gurguraman.

Hojiiwwan fakkii isaa keessaa inni 'Sting Like a Bee' (Akka kannisaa kan hiddu) jedhamu doolaara 425,000 kan gugurame yoo tahu, gatii yaadameen dachaa 10 caalaatti gurgurame.

Muhammad Aliin atileetii maqaa guddaa qabu yoo tahu, waloo fi rogeessas ture. Hojii aartii isaatiin garuu badaa hin beekamu.

Manni caal-baasii Bonhams fakkii atileetii kanaa bite Muhaammad umriisaa guutuu fakkii kaasaa ture jedhe.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Abbaasaa ogummaa wal-fakkaataa qabanirraa baratus booda garuu barnootaan gabbifateera jedhe.

‘’Muhammad Aliin, mallattoo aadaa labatasaaf hiikkaa kennetti ilaalama. Hojiiwwan artiisaas waan inni jaalatu- booksii, mirga namoomaa, amantii, nagaa addunyaa fi dhala namaa tajaajiluu ibsu,’’ jedhu Bonhams’tti daarekteera Aadaa Uummataa kan tahan Helen Hall.

Hojiiwwan aartii Muhammad kunneen hiriyyaasaa Rodney Hilton Brown, walitti qabaman, akka inni jedhutti fakkiiwwansaa jalqabaa hiriyaasaa Bostanitti bara 1977’tti kaase.

Innis doolaara 945,524 kan gurgurame yoo tahu, gatii eegameen dachaa sadiin caaletu gurgurame.

Fakkiin 'Sting Like a Bee' jedhamu yeroo fiilmiin Freedom Road in Mississippi jedhamu bara 1978tti waraabame kan kaase yoo tahu, walaloon guutuu atileetii kanaa hojii fakkii kana wajjin jira jedhe Bonhams.

Fakkiin halluu diimaa, adii fi cuquliisaan tolfameefi barreefama ‘I love you Ameerikaa’ jedhu doolaara 150,000 gurgurame.

Fakkiin amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabu kana bara 1967tti kaafame immoo doolaara 24,000 argamsiiseera.

Aliin bara 2016 ganna 74tti dhukkuba sammuusaa keessatti uumameen lubbuunsaa darbe.

Presentational white space