‘Meme’n daa’ima ‘dalga nama ilaaltuu’ caal-baasii doolaara kumaatamaan gurguramuuf

Madda suuraa, FOUNDATION.APP/@SIDEEYEINGCHLOE
Daa’imni waggaa 10 suuraanshee intarneetii irratti baay’inaan qoodamnaan beekamtu taate suuraanshee jalqabaa caal-baasii doolaara kumaatamaan gurguramuuf.
Kiloowii Kileem bara 2013tti daa’ima waggaa lamaa taatee haatishee paarkii bashannanaa Dizniilaand ishee geessiti. Daa’imni garuu achi deemuusheetiin homaa itti hin fakkaanne, miirashee kanas haatishee viidiyoon waraabdi.
Suuraan viidiyoorraa fudhatame ergasii meme beekamaa tahe.
Yeroo ammaas akka non-fungible token (suuraa dijitaalaa dhuunfachuutti) gurguramuuf jira.
Non-fungible token(NTF) waraqaa ragaa dijitaalaa abbummaa ni kenna, dabalataan qabiyyeewwan kanneen akka meme fi ergaa tiwiitarii akkuma aartii fakkii fa’itti akka gurguraman taasisa.
Haala kanaan abbaan qabiyyee, abbummaa yoo argatu inni bitate immoo ‘’orijinaalasaa’’ fudhataa jechuu dha.
Bara 2013tti haati Kiloowii daa’imman ishee lamaan paarkii bashannanaa Dizniilaand yeroo argan miira agasriisan viidiyoodhaan waraabdi.
Daa’imman lamaan keessaa isheen Lillii jedhamtu ni boosse, Kiloowiin garuu ilkaanshe fuulduraa lamaan gad-baastee dalga ilaalaa turte, kanaachi interneetiitu itti darbe jetti haati isaanii Keetiin.
Viidiyoochi al miiliyoona 20 ol kan ilaalame yoo tahu, miirri fuula Kiloowii irraa mul’ate garuu addatti beekamaa tahe.
‘’Tamilarii(gosa miidiyaa hawaasaa) gaafan banu asiiifi achi suuraasheen arge. Maatiifi hiriyyoonni koo hamma har’aa meme Kiloowii naa ergan jiru,’’ jetti

Madda suuraa, KATIE CLEM
Ergasii miidiyaan Buzzfeed jedhamu ‘giifiii intarneetii’ jechuun maqaashee labse.
Wiirtuun deeggarsa maatii Utah family jedhamu caal-baasiin suuricha bituu barbaada. Dorgommichi maallaqa dijitaalaa(cryptocurrency) Ethereum 5 jedhamu irraa jalqaba kunis doolaara 15,000 tahaa jechuu dha.
Haati Kiloowii ergan waa’ee gabaa NFT dhagahee meme sana gurguruuf homaa yeroo natti hin fudhanne jette.
‘’Keesumaa namni Kiloowii jaalatu meme kana bitatee kan ofii godhachuu danda’a. Kiloowiin amma waggaa 10 erga taatee suuraashee yeroo aragitu ‘baayyee bareeda’ jetteetti,’’ jette
Gabaan qabiyyee dijitaalaa dhuunfachuu yeroo dhiyootiin as karaa NFT kanaan doolaara miiliyoonaan lakka’amu argamsiisaa jira.
Qarshii gurgurtaa kanarraa argamu barnoota daa’imasheef akka oolchitu dubbatti Keetiin.
Kiloowiin yeroo ammaa Instaagiraamii irratti hordoftoota 500,000 qabdi. Biraaziil’tti immoo beeksisa hojjechaa jirti.















